Agaro City Health Office

Agaro City Health Office Odeefannoo dhimmoota Fayyaa fi fayyaan walqabatan Magaalaa Aggaaroo Fayyaan Faaya! Fayyaa keessaan Eegadhaa harka keessaanin

Daa'immaan Talaallamun mirga isaanitti, Maatiin Talaalchisun Dirqama.@@@@@@W/ra Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti D...
27/03/2026

Daa'immaan Talaallamun mirga isaanitti,
Maatiin Talaalchisun Dirqama.
@@@@@@
W/ra Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti Duulli Talaallii Pooliyoo marsaa 5ffaa Keenamuu eegalee jira.
Daa'immaan talaallamun mirga, maatiin talaalchisun Dirqama. Mata duree jedhun
Duulli kun daa'immaan Umurii waggaa 5 gadii hundaaf kan kennamuu fi dabalataan daaimaan kanaan dura talaalamanii hin xumurree, kan hin talaallamne akka Talaallii argatan ni godhama.
Duullii Talaallii kun guyyaa 4riiff kan labsame yoo ta'u Maatiin dirqama daaimman isaanii talaalchisuun fayyaa daa'imaa eeguu akka qaban Waajirichi ergaa isaa isiniif dabarsee jira.
Ministry of Health,Ethiopia
Oromia Health Bureau
Agaro City Health Office

Magaalaa Aggaarootti waggoottan shanan darban  pirojektiiwwan damee sektara fayyaa qarshii biliyoona 1.6 oliin ijaaraman...
25/03/2026

Magaalaa Aggaarootti waggoottan shanan darban pirojektiiwwan damee sektara fayyaa qarshii biliyoona 1.6 oliin ijaaraman.

Magaalaa Agaarootti kenniinsa tajaajila fayyaa si’ataafi qaqqabamaa taasisuuf waggaootan shanan darban pirojeektiiwwan garaa garaa qarshii biliyoona 1.6 oliin ijaaraman.

Itti gaafatamaan waajjira fayyaa Magaalaa Aggaaroo Obbo Guddataa Yilmaa kenniinsa tajaajila fayyaa si'ataa fi qaqqabamaa ta'e hawaasa biraan gahuuf pirojeektiiwwan sektera fayyaa babal’isuun tajaajilaaf oolchuuf xiyyeeffaannoon hojjetamaa jiraachuu himanii, dhibeewwan adda addaa ittisuu, to'achuufi dhabamsiisuun hawaasa fayya buleessa misooma roga maraa keessatti hirmaachuu danda’u horachuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Waggoottan shanan darban magaalichatti pirojektiiwwan garaa garaa baajeta mootummaafi miti-mootummaa akkasumas hirmaannaa hawaasaan qarshii biliyoona 1 fi miliyoona 670 kuma 350 kan ijaaramaniifi ijaaramaa jiran ta’uu dubbataniiru.

Akka Magaalaa Aggaarootti Kenniinsa tajaajila fayyaa fooyeessuuf bara 2013 buufata fayyaa lama qofa ture,bara 2017tti buufata fayyaa sadiitti olguddisuun kan danda’ame ta'u Obbo Guddataan dubbataniiru.

Keniinsa tajaajila sektera fayyaa kana caalmaatti milkeessuufis Pirojeektiiwwan dabalataa adda addaa ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

Ministry of Health,Ethiopia
Oromia Health Bureau
Agaro City Health Office

Fayyaan Fayaa
01/03/2026

Fayyaan Fayaa

Gamaggamni raawwii hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS fi Hepatitis virus gaggeeffame ====-=======Bulchiinsa Magaalaa  Ag...
01/03/2026

Gamaggamni raawwii hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS fi Hepatitis virus gaggeeffame
====-=======
Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti Gamaggamni raawwii hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS fi Hepatitis virus gaggeeffame.

Gamaggama kana irratti Hospitaalli waliigala Aggaaroo,Buufanni fayyaa Aggaaroo, buufanni fayyaa waldaa, buufanni fayyaa koyee fi qooda fudhattoonni irratti argamaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira fayyaa Obbo Guddataa Yilmaa gamaggama kana irratti ergaa dabarsaniin dubartoota fi dargaggoota akkasumas qaamolee saaxilamoo ta'an irratti qorannoon gaggeeffamaa tureera qorannoo kanaanis raawwiin jiru gaarii ta'uu kaassun gara fuulduratti hawaasa fayya qabeessa ta'e horachuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.

Qindeessaan Sagantaa HIV/AIDS Obbo saabit Mohammadamiin akka jedhanitti hojiileen gama I/T/HIV/AIDS n ji'oottan jahaan darbaniif hojjetamaa turan fooyyee kan qaban ta'uu gabaasa isaaniin kaasaniiru.

Gabaasni hojiilee kunneenii karaa obbo Haafiz Jamaal fi Obbo Saabit Mohammadamiin dhiyaachuun mariin erga gaggeeffameen booda kallattiin hojii kennameera.

12/12/2025
12/12/2025
12/12/2025
12/12/2025

Address

Agaro

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Agaro City Health Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share