16/07/2026
Gurgurtaa kaarboonii (Carbon Credit) Jechuun Maal Jechuudha?
========================
Gurgurtaan kaarbonii (Carbon Credit) jechuun, tooftaa daldalaa jijjiirama qilleensaa ittiin ittisuuf gargaaruudha. Biyyoonni industriin guddatan (Northern) faalama kaarbonii baay’ee gadi lakkisuun rakkoo jijjiirama qilleensaa addunyaa irratti uumaa jiru. Biyyoonni kootaa kaarbon-daayooksaaydii hamma gadi lakkisuuf hayyamame (limit) qabu; yoo hanga hayyamame kana darban, bittaa kaarbonii raawwachuuf dirqama waligaltee eegumsa naannoo addunyaa qabu.
Haaluma kanaan, kaampaanoonni yookan dhaabbileen faalama kana hir’isuu hin dandeenye, kanneen akka industrii sibiila (steel), simintoo, xiyyaaraa fi dooniiwwan gurguddoo, guutummaatti kaarbonii qilleensa faalu burqisiisuun hojjatanii bu’aa daldala guddaa waan argataniif hojii isaanii dhaabuu hin danda'an. Qilleensa faalamee wallaanuuf kaffaltii raawwachuun yookan Kaarboon kireeditii bitachuun dirqama isaanii ta'a.
Kanaafuu, biyyoonni ykn dhaabbileen bosona dhaabuu fi eeguun CO₂ qilleensa keessaa xuuxanii qulqulleessan irraa "kireeditii" bituun kaffaltii raawwatu jechuudha.
Kaayyoon isaas, dhaabbileen kaarbonii faalama isaanii akka hir’isan jajjabeessuuf, akkasumas biyyoota bosonaa fi biqiltuu dhaabuun kaarbon-daayooksaaydii qilleensa keessaa xuuxuu keessatti qooda olaanaa qaban (Southern) onnachiisuuf gargaara.