02/07/2023
Eebba Pirojeektiiwwaan Magaala Mooyyalee
@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@
Waxabajjii 25/2015 WKA-Waacillee
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaala Mooyyaleetti pirojeektiwwaan Bu'uuralee misoomaa bara 2015 karoorfaman eebbifamaniruu.
Jillii I/A pireesdentii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obboo Awaluu Abdii fi I/G Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obboo Namarraa Buliitin durfamu magaala mooyyaleetti argamuudhaan pirojeektiwwaan rakkoo hawaasa magaallichaa furan Pirojeektii Qr.waligalaa miliyoona 119.4 hojjatamaa ture keessaa pirojeektii Qr.85,581,332.33 'n hojjatame Gidduugala Gabaa Mooyyalee eebbiiffamee tajaajilaaf banaa ta'eera.
Kanuma bu'uura godhachudhaan Magaallii Moyyalee Magaala sirna Waggoota darbeetiin gama siyaasaa, dinaagdee fi hawaasummaatin miidhamaa ture, hawaasni keessaa fi naannaawa isaa jiraatu dheebuu misoomaaf saaxilamaa ture ta'usaa fi walumagalaatti Dhimma magaallichaa ilaalchisee Kantiiban magaala mooyyalee aaddee Sa'aadaa Kuluu haala qabatama isaa ibsuuf yaalaniruu.
Magaalittiin Magaala daangaa Biyya keeniyaatti argamtu, balbala Oromiyaa kan taate, Carraa daldaala dangaaf haala mijooftuu kan qabdu, magaala Ummaata Oromiyaa taatee kan sabaa fi Sablammiin keessa jiraatuudha jechudhaan eenyummaa fi maalummaa magaallittii tuqaniruu.
Kanuma bu'uura taasifachudhaan magaala ummaatni Biyyaattii kan keessa jiraatu hundinuu keessa jiraachaa jiru waan ta'eef "Itoophiyaa xiqqoo" jechuunii ni danda'ama jedhaaniruu.
Gama biraatin Carraa dhabde malee osoo carraa argattee magaala damee hojii hundanuu Carraa bal'aa qabduudha.
Haata'uu malee magaala waggoota dheeraaf shiiraan uguraamtee rakkoo siyaas-dinaagdee walxaxaaf saaxilamuu irraa kan ka'een carraa kan hundanuu osoo hin milkaa'in hafteedha.
Galata sirna jijjiramaa erga mootummaan jijjiiramaa fi Badhaadhinaa keenya dhufee as yeroo gabaabaa keessaatti xiyyeefannaa argachuu magaalaa akkana jechuudhan yoo ibsaan , Magaala ol'aanaa ta'uun sadarkaa Oromiyaatticarraa waamamuu argachuu,rakkoo siyaasaa, dinaagdee fi hawaasummaa ishee furuuf karooora addaa mootummaan itti qopheessudhaan itti hojjachaa kan turee fi hojjachaa kan jiruta'uu isaa, seenaa ishee keessaatti yeroo jalqabaaf kunoo pirojeektiiwwaan baajaata Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi magaallichaa walitti waliigalaan Qr. miliyoona 119.4 hojjatamaa ture keessaa pirojeektii Qr.85,581,332.33 'n hojjatame Gidduugala Gabaa Moyyalee eebbiiffamee tajaajilaaf banaa ta'eera.hojjatamaa turan keessaa isaan eebbaaf dhaqaban eebbisisuudhan tajaajilaaf banaa godhaniruu.
Xummura irratti jila keessumoota kabajamoo Mootummaa Naannoo Oromiyaan durfamanii magaala keenyaatti argamudhaan pirojeektiwwaan eebbisanii tajaajilaaf banaa nu godhan maqaa kiyyaa fi maqaa ummata magaala mooyyaleetin ni galateeffadha jechuudhan , bara baajata 2016 immoo dachaan hojjatanii rakkoo hawaasa dinagdee magaalichaa akka hiikan ammas waadaa galaniiruu.