Faana Kaayyoo

Faana Kaayyoo Biyyee qabaattu Biyyeerra jiraatta.

10/01/2026

Odeessa keessoo keenyaa ciccimoo fi kan qabsoo keenya dachaa hedduu duubatti deebisee fi shira Marroo qabadhee dhufa . Na eegaa!

25/10/2025

Karaa sareen baafte irra waraabessi seena jedhan mitiiree, ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamuuf kan daandii saaqe Marroodha. Save godhaa.

Jaal Abdiin dhibamanii haala sodaachisaa keessa jiru Waaqa Uumaa kadhadhaafi. Ufff gootakoo!
04/01/2025

Jaal Abdiin dhibamanii haala sodaachisaa keessa jiru Waaqa Uumaa kadhadhaafi. Ufff gootakoo!

28/12/2024

AMMA WAAN BADAATU ADEEMAA JIRA. JAALLAN BAAY'EEN MEESHAA FI HIDHANNOO ISAANII FAANNOOF DABARSANII GURGURAA JIRU. DHAABACHUU QABA!

Jaal Shurrubbeen dhugaa jiru ifa baaseera. Ammas borus kan nu baasu sansakkaa waraanaa fi danbii dhaabaa hordofnee socho...
30/07/2024

Jaal Shurrubbeen dhugaa jiru ifa baaseera. Ammas borus kan nu baasu sansakkaa waraanaa fi danbii dhaabaa hordofnee socho'uudha. Kan gaafatamuu qabu in gaafatama. Muramte!

Check out Dambalii’s video.

Dhugaa Yoo afaan qaban, funyaantu dubbata jedhan. Baga Shira Marroo kana Saaxilte.======================================...
27/07/2024

Dhugaa Yoo afaan qaban, funyaantu dubbata jedhan. Baga Shira Marroo kana Saaxilte.
======================================================
Maroon kanaan duras ‘’Oromoo ijaan baha’’ akkuma dubbataa ture amma kunoo Oromoo Shawaa irratti ijaa bahaa jira. Gocha isaa kana immoo warruma ofii isaa itti aanaa dantaa waraanaa WBO jedhee moggaase amma immoo nyaapha Oromoooti jedhe. Sanyii Nagaasaa waggaa dheeraaf qabsoo kana keessa turee fi ofii isaa immoo KHR Shanee Gumii jedhee moggaase amma immoo nyaapha jedhee akka ajjeefamuuf ijoollee Wallaggaa ergee jira. Kana qofaa miti, Shurrubbeen amma bakka inni bu’eyyuu hin beekamu. Shira kana duuba kan jiru Marroodha. Kan Mo’ii, kan Seenessaa, kan Mancaasi, Kan Boruu, kan Fiigaa akkaata itti isaan ittiin ajjeefaman walumaan ibsaa adeemna. Marroon dhiiga qulqulluu ilmaan Oromoon nama machaa’edha.

Dhaabbileen Mirga namooma Idil Addunyaa osoo qondaala ABO-WBO hin gaafatiin murtoo hamma kana bira gahuun isaa maal agar...
10/07/2024

Dhaabbileen Mirga namooma Idil Addunyaa osoo qondaala ABO-WBO hin gaafatiin murtoo hamma kana bira gahuun isaa maal agarsiisa? Yaa sabaa garamitti deemaa jirra. US EMBASSY IN ADDIS ABABA tu duuba shira kanaa jira.

Haata'u kaa  yaa Marroo, wal faana bahanii walgatanii galuun yoo taateef. Garamiitti deemaa jirra laata? Yaa Oromoo dhaa...
01/06/2024

Haata'u kaa yaa Marroo, wal faana bahanii walgatanii galuun yoo taateef. Garamiitti deemaa jirra laata? Yaa Oromoo dhaabannee itti yaaduun amma.

Jaal Abbaa Seenaa yaa goota ko sareen si nyaatte kaa. Ahaaa!
25/04/2024

Jaal Abbaa Seenaa yaa goota ko sareen si nyaatte kaa. Ahaaa!

10/04/2024

Dubbii fafa, gidduu kana immoo haasaan nuti icciitiidhaan karaa zoom meeting goonu hunduu harka nyaaphaa galaa jira. Eenyutu baasa? Eenyu sagalee marii keenyaa waraabuu danda’a? Eenyutu immoo diinaaf dabarsee kenna gaaffiin jedhu hunduu namuma tokko akeeku. Innis kan zoom meeting kana host godhu beekamaadha. Jaal Jireenyaa malee namnuu mirga sagalee waraabuu hin qabu. Diyaasporaan kun waan qabsoo Oromoo diigu, waan WBO akka gad hin dhaabanne godhu ta’uun isaa amma ifatti bahaa waan dhufe fakkata. Kanaa booda maaliin wal haa quunnamnu? Bilbila dhiifne, whats App durayyuu nyaapahatu dhaggeeffata. Amma maal wayya? Jireenyaa dabalatee diyaaspooraan kamuu harka keessaan nurraa fuudhaa. Kun dhaamsa kooti.

Address

Ambo
430

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Faana Kaayyoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Faana Kaayyoo:

Share

Category