06/09/2026
Qaammee 1, 2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti manneen jireenyaa hojii tajaajila Lamummaan Qindeessummaa dhaabbata OSF fi Dr Ashannaafii Gaaddisaan Manni jireenyaa 7 Qarshii miliyoona 22 ijaaramee xumuramuun dabarfamee kenname.
Manni jireenyaa Kunis dhaabbata OCG,OAG,TDG,OPG,OAsG,OMG fi ,Siinqee Group,fi Mana Amantaa idil Adunyaa Waldaa Abbaa Waaqarraan ijaaramee jiraachuu ibsameera.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa mootummaan Jijjiraamaa Yaadama Haaraadhaan Labsii tajaajila Lamummaa hojiirra Oolchuun Manneen harka Qalleeyyii ijaaraa jiraachuu himanii dhaabbileen kaayyoo mootummaan qabatee jiru hojiitti hiikuun hojjechuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Oromiyaa jabduu ijaaruuf tumsi dhaabbilee Murteessaa ta'uu kaasanii dhaabbileen Amantaas nama rakkate gargaaruuf fakkeenyummaan hojjechuu akka qaban obbo Didhaan dhaamaniiru.
Itti Aanaan Dhaabbata OSF obbo Damisee Sh*ttoo gama isaaniin Dhabbanni OSF Hojiiwwaan addaa hojjechuun cinatti hojii tajaajila hawaasaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Bulchaan Aanaa Ejeree Aadde Likkeellesh Bayii walgargaaruu Aadaa godhachuun hawasaa Rakkate cina dhaabbachuun murteessaa ta'uu himaniiri.
Namoonni Manni ijaarameefis jireenya yeroo roobaa rakkatan keessaa ba'uun manni ijaaramuu isaati gamnadanii jiraachuu himaniiru.