West Shoa Zone Communication

West Shoa Zone Communication Ergaa nuuf ergitaniif galatoomaa!

Kan hojjennuuf rakkoo hawaasa keenyaa hiikuuf "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"Aanaa Ejersa Lafootti  P...
27/05/2026

Kan hojjennuuf rakkoo hawaasa keenyaa hiikuuf "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"

Aanaa Ejersa Lafootti Pirojektoonni Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessan 21 Qarshii Miliyoona 200 Oliin hojjetamanii Xumuramuun eebbifaman .

Caamsaa 19 ,2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti Pirojektoonni Misoomaa 21 Qarshii Miliyoona 200 Oliin ijaaraman Xumuramuun tajaajilaaf Banaa ta'an .

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa pirojektoonni Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuun gaaffii hawaasa keenyaa Deebisa hojjechuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himanii Uummanni Oromoo Duudhaa isaa ganamaatti deebisuuf mana murtii Aadaa Cimsuun murteessaa ta'uu himaniiru.

Kan hojjennuuf gaaffii hawaasini bu'uuraalee misoomaa gaafatu deebisuuf ta'uu himanii kenna tajaajilaa si'ataa taasiisuuf pirojektoonni yeroo isaa eeguun xumuruun tajaajilaaf banaa taasiisuun murteessaa ta'uu himaniiru.

Hoogganaan Biiroo Milishaa Oromiyaa obbo Abarraa Bunnoo gama isaaniin Pirojektoonni gaaffii hawaasaa bu'uura irraa furan hojjetamanii tajaajila hawaasaa kennaan uummanni kunuunfachuu akka qabu himaniiru.
Bulchaan Aanaa Ejersa Lafoo yaada kennaniin pirojeektoonni Misoomaa 21 Qarshii miliyoona 200 ijaaraman xumuramuun eebbifamanii jiraachuu himaniiru.

Jiraattotni aanichaa pirojektottonni ijaaramun xumuraman kunneen komii yeroo dheeraafi rakkoo bulchiinsa gaarii barootaaf ture furmaata argachuu isaatti gammachuu qabaachuu eeruun pirojektotni kunneen yeroo dheeraaf tajaajila akka kennaniif kunuunsa barbaachisu kan taasisan ta'uu dubbataniiru.

26/05/2026
Mootummaan Pirojektoota Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessan Xiyyeeffannoon hojjechaa jira"Pirezadaantii itti Aanaa Mootu...
26/05/2026

Mootummaan Pirojektoota Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessan Xiyyeeffannoon hojjechaa jira"Pirezadaantii itti Aanaa Mootummaa Nasnnoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii"
Aanaa Tokkee Kutaayeetti Pirojektoonni Misoomaa 32 Qarshii Miliyoona 300 Oliin hojjetamanii Xumuramuun eebbifaman .

Caamsaa 18 ,2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kutaayeetti Pirojektoonni Misoomaa 32 Qarshii Miliyoona 300 Oliin ijaaraman Xumuramuun tajaajilaaf Banaa ta'an .

Pirezadaantiin itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii mootummaan Pirojektoota Fayyadamummaa Uummaataa Mirkaneessan xiyyeeffannoon kennee hojjechaa jiraachuu himanii jijiirama eegalame itti fufsiisuuf tumsi qaamolee hundaa murteessaa ta'uu himaniiru.

gama tokkoon Nageenya Hawaasaa Mirkaneessa gama tokkoon immoo gaaffii hawaasa keenya deebisuuf pirojektoota Misoomaa hojjechuun hawaasa Fayyadamaa taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniin mootummaan jijjiiramaa jiruu fi Jireenya hawaasaa Bu'uura Irraa furuf pirojektoota gaaffii hawaasaa deebisan danda'an hojjechaa jiraachuu kaasanii imalli eeggalee milkii qabeessaa jedhan.

Bulchaan Aanaa Tokkee Kutaayee obbo Wayyeessaa Alamuu yaada kennaniin pirojeektoonni Misoomaa 32 Qarshii miliyoona 300 ijaaraman xumuramuun eebbifamanii jiraachuu himaniiru.

Jiraattotni aanichaa pirojektottonni ijaaramun xumuraman kunneen komii yeroo dheeraafi rakkoo bulchiinsa gaarii barootaaf ture furmaata argachuu isaatti gammachuu qabaachuu eeruun pirojektotni kunneen yeroo dheeraaf tajaajila akka kennaniif kunuunsa barbaachisu kan taasisan ta'uu dubbataniiru.

Injiffannoo argame tiksuutu nurraa eegama "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"Sagantaa Duula nafiladhaa Pa...
25/05/2026

Injiffannoo argame tiksuutu nurraa eegama "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"

Sagantaa Duula nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Mettaa Roobii.

Caamsaa 17,2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Mettaa Roobiitti Sagantaan Duula Nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa bakka Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa argamanitti gaggeeffamee jira.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa paartii Qabsoo Uummata Oromootiin dhalate bilisummaa fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuun injifannoo irratti injifannoo galmeessaa jiraachuu himaniiru.

Uummanni Bilisummaa ofii isaa fideef Waardiyyaa ta'ee dhaabbachuu akka qabus ibsanii Badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf tumsi Uummataa murteessaa ta'uu himaniiru.

Bulchaan Aanaa Mettaa Roobii obbo Lammeessaa Ayyaanaa injifannoo Uummanni keenya argate itti fufsiisuuf tokkummaan dhaabbachuutu nurraa eegama jechuun kaasanii Nageenya Amansiisaa Aanichatti dhufaa jiruuf ga'een Uummataa guddaa ta'uu ibsaniiru.

Itoophiyaan yaadama ida'amuutiin Bulti "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"Sagantaa Duula nafiladhaa Paart...
24/05/2026

Itoophiyaan yaadama ida'amuutiin Bulti "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"

Sagantaa Duula nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii.

Caamsaa 16,2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti Sagantaan Duula Nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa bakka Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa argamanitti gaggeeffamee jira.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa Uummanni keenya sirna Aarsaa itti kafalee fidate tifkachuutu irraa eegama jechuun himanii eegeree Uummataa itti fufsiisuuf tokkummaan Lammiilee murteessaa ta'uu himaniiru.

Uummanni Bilisummaa ofii isaa fideef Waardiyyaa ta'ee dhaabbachuu akka qabus ibsanii Badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf tumsi Uummataa murteessaa ta'uu himaniiru.

Bulchaan Aanaa Dandii Dr.Guddataa Araarsaa gama isaaniin Uummanni Aanaa Dandii Uummata sirna kana fiduuf Arsaa kanfalee fide waan ta'eef tokkummaan dhaabbachutu irraa eegamaa jedhan.

Gidugalli Qorannoo Qonnaa Amboo gidugala Labiraatoorii Biyyee fi Bishaan qoratu eebbise.Caamsaa 15,2018 Gidugalli Qorann...
23/05/2026

Gidugalli Qorannoo Qonnaa Amboo gidugala Labiraatoorii Biyyee fi Bishaan qoratu eebbise.

Caamsaa 15,2018 Gidugalli Qorannoo Qonnaa Amboo Labiraatoorii Biyyeef Bishaan qoratu bakka hooggantoonni dhaabbatichaa ol'aanoo argamanitti eebbise.

Gidugalichi hojiiwwaan Oomishaa fi Oomish*tummaa Qonnaan Bulaa guddisuuf sanyiiwwaan Fooyya'aa adda addaa qorachuun hawaasa fayyadamaa taasiisaa jiraachuu ibsameera.

Darikteerri ol'aanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa Pirofeeser Nugusee Dachaasaa kennaa Rabbi nuuf kenne keessaa Lafti isa tokko ta'uu kaasanii Biyyoowwan qabnu hunda karaa guutuu ta'een kunuunsuun nurraa eegamaa jedhan.

Gidugallichi Itoophiyaa keessatti qulqullina Sanyii Fooyya'aa hawaasaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii madaallii Uumamaa eeguuf kunuunsi biyyeef taasifamuu qabu xiyyeeffannoo guddaa kan gaafatu ta'uu himaniiru.

Darikteerri Gidugaleessa Qorannoo Qonnaa Amboo Dr.Jamaal Tolaa Gidugaleessi Qorannoo Qonnaa Amboo Oomishaa fi Oomish*tummaa Qonnaan Bulaa Dabaluuf Xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Humna Qabnu osoo hin qusatiin Uummata Keenyaaf hojjechutu nurraa eegama "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddata...
22/05/2026

Humna Qabnu osoo hin qusatiin Uummata Keenyaaf hojjechutu nurraa eegama "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"

Pirojeektoonni Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessan 13 Qarshii miliyoona 200 fi miliyoona 50 ijaaraman Aanaa Walmaraatti eebbifaman.

Caamsaa 14,2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraatti Pirojektoota Misoomaa adda addaa 13 Qarshii Miliyoona 200 fi Miliyoona 50 ijaaramaan eebbifaman.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa Pirojektoonni Misoomaa Godina Shawaa Lixaatti Eebbifamaa jiru pirojjektoota gurguddoo Godinicha keessatti tajaajila Hawaasaa Furu ta'uu himaniiru.

sabni gurmaa'e biyya ijaara kanaafuu Hawaasaa Keenya kan barbaachisu tokkuummaan ijaaramuun Imala Badhaadhinaa Biyyi Keenya eegaltee milkeessuuf tokkuummaan Murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Bulchaan Aanaa Walmaraa obbo Didhaa Gaarii Gama isaaniin pirojektoota eebbisuun kenna tajaajila Daran Dabaluun rakkoo Hawaasa keenyaa furuuf xiyyeeffannoo kenninee hojjennaa jechuun dubbatan.

Hawaasini Pirojektiin kun ijaarameef pirojektoota ijaarameef kanatti gammadanii jiraachuu dubbataniiru.

Barri Pirojektii dhagaa bu'uuraa kaa'anii Uummata eegsiisan Darbeera"Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"Ca...
22/05/2026

Barri Pirojektii dhagaa bu'uuraa kaa'anii Uummata eegsiisan Darbeera"Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"

Caamsaa 14,2018 Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti pirojektoota misoomaa gara garaa 4 qarshii miliyoona 100 fi miliyoona 22 ijaaramanii xumuraman eebbisiisan.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa Mootummaan Jijjiiramaa rakkoo ijoo hawaasaa qorachuun deebisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himanii Barri Pirojektiin dhagaa bu'uuraa kaa'anii Uummata eegsiisan darbeera.

projektiiwwan gaaffii misoomaa hawaasichaa deebisuu irratti kan xiyyeeffatee fi Mootummaan gaaffilee uummataaf deebii wayitaawaa kennuuf kutannoo qabu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.

Bulchaan Aanaa Ejeree obbo Addunyaa Birruu yaada kennaniin xumuramuu pirojektoota kanaaf tumsa hawaasini taasiise galateeffatanii pirojektoota kana kunuunfachuutu nurraa eegamaa jedhan.

Hawaasini Aanichaas pirojektoota ijaaramanii Xumuraman kanatti gammadoo ta'uu himaniiru.

Dambalii Uummataa Godina Shawaa Lixaa Sagantaa Duula nafiladhaa Paartii Badhaadhiinaa irratti .
20/05/2026

Dambalii Uummataa Godina Shawaa Lixaa Sagantaa Duula nafiladhaa Paartii Badhaadhiinaa irratti .

Badhaadhinni Biyya Sabdaneessummaan itti Mirkanaa'edha"Pirezadaantii itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu ...
20/05/2026

Badhaadhinni Biyya Sabdaneessummaan itti Mirkanaa'edha"Pirezadaantii itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii"

Caamsaa 12,2018 Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti Sagantaan Duula Nafilaladhaa Paartii Badhaadhinaa Uumnataa Godinichaa fi Magaalaa Amboo Hirmaachise gaggeeffamee jira.

Filannoon bu'uura Dimokiraasii keessaa takko ta'uu fi karaa Uummanni waggoottan 5 itti Aanaaniif mootummaa isaan bulchu sagalee isaaniin itti mirkaneessan ta'uu ibsameera.

Pirezaadaantiin itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii sosochii kanarratti argamuun Paartiin Badhaadhinaa barii hundeeffama isaa irraa eegalee tarkaanfiiwwan siyaasaa fudhatamummaa biyyaa guddisan, waliigaltee biyyaalessaa cimsan fudhachuun fulduratti tarkaafaachaa jiraachuu himaniiru.

hariiroo ummattootaa jabeessuun murtoowwan jajjaboo diinagdee biyyattii guddisan hojiirra oolchaa jiraachuu himanii Paartiin Badhaadhinaa Paartii dhalootaa haaraa Arsaa Uummataan dhalate ta'uu himaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniin Paartiin Badhaadhina injifannoorraa injifannootti ce'aa, waadaa ummataaf gale dhugoomsaa waggoota saddeettan darban milkiin tarkaanfataa har'a gahee jechuun kaasanii imalli eeggalle Afiriikaaf Addunyaaf fakkeenya ta'uu himaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu yaada kennaniin Badhaadhinni Biyya sab-daneessummaan dhugaa iti mirkanaaheefi duudhaan obbolummaa itti dagaage dhugoomsuudhaan aadaan siyaasaa fi seeneessi hammataan Itoophiyaa keessatti akka biqilu taasisee jira jedhaniiru.

Address

Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when West Shoa Zone Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share