Oromo first

Oromo first Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromo first, Public swimming pool, Oromiyaa, Ambo.

27/04/2023

Rasaasa Maccaa! Misaa'eela Oromoo!

Leemmoo keenya dhabnee, Ceemmoon nutti hafte. Silattuu didaan yoom tole jedha. Nus sirraa barree dinna, sirraa barree haqa sabaaf cichina.

Abbaa wallee qabsoo dhabne, goota hanga Walaloo isaa gahu. Isa sagaleen daggala raasuu, dabooroo ari'ee manaa baasu. Isa waggoota 60 oliif nuuf sagalee.

Aartistii, Aartiin qabsaa'uun sabboonummaa dagagisee daandii bilisummaa siriitti gabaabsuu isaa sirnaan hubatee nus hubachiise, goota haati deesse.

Ati Zarihuun miti, hambaa Aartii fi wabii cunqurfamtootaati malee.

Sirbi isaa Sirna Abbaan Lafaa Qonnaan bulaa ittiin miidhee mormuun eegalee, jijjirama sirnaa warra fedhaniif hirkoo ta'ee hardhummaa Oromoo fi Oromiyaa hawwuu bira darbee wallee isaatiin suuraa fi surraa guyyaa boruu kaasuun nu agarsiiseera.

'Hinjiraan mataa koo keessaa, nan nyaattu fuudheen si ajjeesaa.'

Sirboonni isaa warra hardha dhaggeeffatamanii boruu nuffaman osoo hin taanee, Walleelee bulanii turanii, hardha jiraatanii, boruuf galaa ta'aniidha.

Yaa jaalala halaalaa jennee wallee kee waliif filannee makkoo, Bishaan laga Awaasii caffee keessa yaatii, waraabuu waraabuu, gumaan nama keenyaa gumaan Taaddee Birruu sana keessa baatii waraanuu waraanuu jennee rakkoo keenya sirraa qooddanne.

Oromoo fi Oromiyaan goota akka kee kana badaddi, Aartistii akka kee birrii fi barri hin jijjirree feeti.

Warra Aartiif jiraatan; warra jijjiramni sirna fi siyaasaa isaan rifachiifne. Warra dhugaaf sirban.

Hayyaaseen kee aadaa guddaa saba Maccaa fuudhee Ayyaantummaan hanga jirruutti Onnee keenya keessaa qillisa.

Geerrarsikee ajjeesaa Arboomsa, lugnaa fi gantuu ofitti finceessisa. Goota, sirni sukkuumee dadhabee itti dhiise.

Koottaa aramaa buqqifnaa miidhaa keenya keessaan qabsoo hadhaawaa sabni kun gaggeesse hardha ittiin gaheef karaa saaqe. Xambooraa namuu hafuufee hin dhaamsine. Ati Hutubaa sibiilaati, hin jigne, hin cabne, hin dhommoqne.

Kaan jiraatti du'e, kaanaaf osoo jiruu isa daganne. Atimmoo jiraattees boqottees tokkuma nu keessaa fi nu waliin jirta.

Hiriyoonni kee sihaa simatan, Usmaayyoon harka sihaa qabu, Eebbisaan ka'ee siifaa dhaabbatu, Yooseefii fi jireenyaan teessoo siifaa butani. Haceen sihaa teessisu. Saahibni kee Abdii Qophee foolii isaan sihaa sugu.

Nus ni dhufne.

Boollakee Daadhiin haa guutu. Ulfinnii fi kabajin kan warra osoo mirga Oromoof qabsa'anuu wareegamanii fi boqotaniiti.

Galatoomi *margaa angaasuu!

20/03/2023

Address

Oromiyaa
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo first posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share