Xinbaa callee

Permanently closed.
16/12/2023

📚 Qabaadhu:

⏩ Jaalala onnee
⏩ Beekumsa sammuu
⏩ Obsa garaa
⏩ Dhugaa arrabaa
⏩ Ogummaa harkaa qabadhu!

📚 Bara Jireenya Kee Keessatti:

⏩ Kan dabarsite yaadadhu.
⏩ Kan keessa jirtutti jabaadhu.
⏩ Kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu.
⏩ Bakka yaadde gahuuf obsa qabaadhu.
⏩ Kaayyoon kee akka galma sii gahuuf rabbiin kadhadhu!

📚 Addunyaa Tana Irratti:

⏩ Jecha kee eeggadhu, isatu gocha ta’aatii.
⏩ Gocha kee eeggadhu, isatu amala ta’aatii.
⏩ Amala kee sirreessi isatu namoota wajjiin si
jiraachisaatii.
⏩ Jireenya kee fooyyessi, isatu boqqonnaa bara jireenya kee guutuutii.
⏩ Qabeenyaan qabduun namatti hin boonin, qabeenyi fixeensa ganamaatii.
⏩ Beekumsa qabduun uf hin tuulin, namoonni si caala beekan heddutu jiraatii.
⏩ Aangoo qubaan si filaniin uf hin dhiibin, qubaan irraa si buusaniitii.
⏩ Hin hatin abaarsa jalaa baataatii.
⏩ Hin kijibin amanamaa taataatii!

📚 Yoo Nama Taate:

⏩ Jaalala baay’isi.
⏩ Beekumsa ida’i.
⏩ Qabeenya hiri.
⏩ Inaaffaa hir’isi.
⏩ Ilaalcha wal-qixxeessi.
⏩ Hojii guddisi!
⏩ Teessuma xiqqeessi.

📚 Jaalalli Dhugaa:

⏩ Mi’aawaadhaa dhandhamadhu.
⏩ Urgaawaadhaa fuunfadhu.
⏩ Gammachuudhaa simadhu.
⏩ Icciitiidhaa eeggadhu.
⏩ Dorgommiidhaa itti hirmaadhu.
⏩ Qabsoodhaa injifadhu.
⏩ Abdiidhaa obsaan eeggadhu.
⏩ Qabeenyaa horadhu.
⏩ Bultiidhaa ijaaradhu.
⏩ Gaaddisaa jala boqadhu!

👉 “Bareenni fokkataa?” jennaan, = “Yoo Daare!”
👉 “Beekaan dogoggoraa?” jennaan, = “Yoo Aaree!”
👉 “Hiyyeessi duroomaa?” jennaan, = “Yoo Xaare”

📖 Waan Dubbiftaniif, Galata Keessan Bakka Bu’ee Hin Banne, Bakka Kufee Hin Cabne, Bakka Hattuun Hin Hannee Fi Bakka Moofee Hin Shamne Isiniif Kaaheera !!!

By: Abu Huzeyifa

https://t.me/IbsaaDhugaa

16/12/2023

Qeeyra Siraax Gubbaa Nagayaan Dabruu Ni Feetaa ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Guyyaa qiyaamaa durri namni qeeyra siraaxirra darbuu Nabi Muhammadii fii ummata isaati. Nabiin siraaxa gubbaa dabree balbala jannataa dhaabbatee sii siraax irra miila kaa'u si laala.

Ofii dabree jira jedhee jannata ol hin seenu.

Yaa Rabbii Sallim!... Yaa Rabbii Sallim! Jedhee siif kadhata. Yaa Rabbii kiyya nagaya baasi! ... Yaa Rabbii kiyya nagaya baasi! jedhee rabbitti siif waywaata.

Guyyaa ilmi namaa haadhaa fii abbaan kee, obboleessaa fii obboleettiin kee, jaartii fii ilmoon ofii akkasumas ahlii fii firri hundi si dagatu san Nabiin s.a.w garuu ummata isaa hin dagatu!

Yoo Isaan Jaallatte Nagayaa Fii Rahmata Irratti Buusuu Hin Dagatin!

Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

https://t.me/IbsaaDhugaa

30/10/2021
28/02/2021

Yaarabbi oromooko woltaasis

Address

Haqaa
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Xinbaa callee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share