Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court

  • Home
  • Ethiopia
  • Ambo
  • Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court Justice For All!!

Sagantaan simannaa geebaa fi galateeffannaa  raawwatame…………///………..Hagayya 19/2018Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa Raa...
25/08/2026

Sagantaan simannaa geebaa fi galateeffannaa raawwatame

…………///………..
Hagayya 19/2018
Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa Raawwii Hojii waliigalaatiin sadarkaa Oromiyaatti sadaffaa bahuu isaatiin walqabatee Sagantaa simannaa Geebaa hawaasa Mana Murtii fi qaamolee Godina Shawaa Lixaatiin taasifamee jira.

simannaan geebaa kun bakka Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddaataa, Pirezidaantii Mana Murtii Godina Shawaa Lixaa Kab/Obbo Dabalaa Didhaa akkasumas hooggantoonni waajiroolee adda addaa fi manguddoonni biyyaa qooda fudhattoonni mana murtii argamanitti sirni simannaa geebaa kan gaggeeffameedha.

Pirezedaantii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa Kabaj. Ob. Dabalaa Didhaa Sagantaa kana irratti haasawaa taasisaniin hawaasa Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa, qaamolee mootummaa fi Uummata bal’aa Godina Shawaa Lixaatiin baga gammadan!”jedhanii jiru. Manneen murtii Godina Keenya, Manneen Murtii Godinaalee fi Manneen Murtii Magaalota Naannoo Oromiyaa keessaa Madaallii Raawwii hojii waliigalaatiin sadarkaa 3ffaa bahuun geebaa fi waraqaa ragaa argate kanaafis Hawaasni Mana Murtii Ol’aanaa hundi fi qaamolee mootummaa simannaa hoo’aa nuuf taasiftaniif galatoomaa jedhanii, bu’aan argame kunis bu’aa qindoominaa keessaa fi alaa akkasumas firii wal hubannaa fi wal tumsuu qaamolee qindoominaati jedhan. Si’oomina mana murtii dabaluun baasii fi dhamaatii abbaa dhimmaa hir'isuuniis ergama mana murtii keessa isaa tokko dha. Tajaajila keenyaas si’aata taasisuf raawwii galmee keenya akka dabaluuf “Milkaayina Manneen Murtii keenyaaf qaamoleen gumaachitan hundis galatoomaa” jedhanii jiru!

Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaa Ob. Didhaa Guddataa haqaa baasuuf gatiin isin kaffaltan akka Godina keenyatii guddoodha kanaafis galatoomaa jechuun, ammas uumamani kun tajaajila qulqulluu fi haqaa qabeessa isin irra barbaada waan ta'eef ammas jabadha gara fuulduratti itti fufa jechuun ergaa guddoo dabarsaniruu.akkasumas iddoo tajaajila hawwata akka ta'uuf bara kanaa Manneen Murtii Aanaalee jahaaf ijaarsi akka eegaluu fi gama loojistikan rakkoo jirus akka furmaaan kallattii ka'aniru.

Sagantaa kanarrattis Hooggantoonni waajiraalee Mootummaa Olaanoo sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaalee argaman yaada kan kennaan yoo ta'u dhuma irratti milkaa'ina argameef; koreen Bulchiinsa fi pirezidaanttota Manneen Murtii Aanaa waliin ta'uun Pirezidantiin Mana Murtii Godina Shawaa Lixaa simannaa geebaa gaggeessuun sagantichi eebbaan xumuraamee jira.

Hawaasni Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa Baga gammanne gammaddanGamaaggama raawwii hojii bara 2018 taasiifameen Manne...
16/08/2026

Hawaasni Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa Baga gammanne gammaddan

Gamaaggama raawwii hojii bara 2018 taasiifameen Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa sadarkaa 3ffaa bahuun Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa marsaa 8ffaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeffamee irratti badhaasni fi beekamtiin kennamee jira.

Gaaddisa Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Aanaa Daannoo……..//………Gaaddisni Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa  Ijaarsa irra tur...
25/07/2026

Gaaddisa Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Aanaa Daannoo
……..//………
Gaaddisni Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Ijaarsa irra ture xumuramuun hojii keessatti eegalame

Leenjii Misooma Bulchiinsa Qindaa’aa Dhimmoota Manneen Murtii Oromiyaa-‘OICCMS’ ………//……….Leenjiin Misooma Bulchiinsa Qin...
22/07/2026

Leenjii Misooma Bulchiinsa Qindaa’aa Dhimmoota Manneen Murtii Oromiyaa-‘OICCMS’
………//……….
Leenjiin Misooma Bulchiinsa Qindaa’aa Dhimmoota Manneen Murtii Oromiyaa Mannii Murtii irratti kennamaa jira. Leenjichaa haasaa baniinsaa kan saaqan PMMOGSHL Kab. Obboo Dabalaa Didhaa yaada kennaniin Manneen Murtii keenya bara 2022 gara Mana Murtii Elektirinookaatti ceesisuufi karoora qabamee milkeessuu keessatti moosaajiin qindaa’aan leenjiin irratti kennamu kun murteessaa ta’uu ibsanii jiru.
Leenjiin kun abbootii seeraa mana murtii sadarkaan jiran, pirezidaantoota MMA, ofiseeroota seeraa mana murtii sadarkaan jiran, ogeessota TQO fi qaamolee biroo dhimmi ilaaluuf kennamaa jira.

Gamaaggamni Raawwii Hojii  Waggaa Bara 2018 Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa gaggeeffamaa ture xumurame.==============...
30/06/2026

Gamaaggamni Raawwii Hojii Waggaa Bara 2018 Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa gaggeeffamaa ture xumurame.
================//=========
Gamaaggamni Raawwii Hojii Waggaa Bara 2018 Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumuramee jira.
Gamaaggamicha irratti Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa hundi gabaasa karooraa fi raawwii hojii isaanii kan waggaa bara 2018 dhiyeessuudhaan irratti mari’atamee, karaa hirmaattotaa fi Koree Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa gabaasa isaanii dubbisaniin duubdeebiin kennamee jira. Dhuma irratti iddoo turmaata daa'immanni mana murtii olaanaa fi dhaddacholeen iddoo hojii mijaawaa taasisuuf haroomsaman daawwatamanii jiru

Haaluma kanaan, Si’oominaan wal qabatee, Raawwiin Galmee Karooraa ol ta’uun, Itti fayyadamni Teekinoloojii Quunnamtii Odeeffannoo (TQO) keessattuu Viidiyoo Konfiransii fi E-Filing tiin tajaajilli kennamaa jiru karaa idilee ta’een akka sirnaatti lafa qabatee itti hojjetamaa jiraachuun
bu’a qabeesummaa Si'oominaa tajaajila abbaa seerummaa fooyyessuu akkasumas baasii fi dhamaatii abbaa dhimmaa irraa hir’isaa jiraachuun akka ciminaatti ilaallameera.
Gama biraatiin Qulqullina Kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf hojiin hedduun hojjetame fooyyaa'insi gaariin jiraachudhaa.
Gamaaggamichis ciminaalee jiran daran itti fufsiisuuf, hanqinaalee adda bahan immoo bara itti aanu keessatti haala xiyyeffannoon karoora keenyaa godhachuu irratti kan hojjetamuu ta'u karaa Pirezidaantii MMO godinichaa Kab. Ob.Dabalaa Didhaa fi Koree Bulchiinsaatiin kallattiin kennamuun goolabamee jira.

KOMINIKEESHINII MMO

Gamaaggamni Raawwii Hojii Waggaa bara 2018 Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa gaggeeffamuu eegalamee jira.…….//…..Waxaba...
29/06/2026

Gamaaggamni Raawwii Hojii Waggaa bara 2018 Manneen Murtii Godina Shawaa Lixaa gaggeeffamuu eegalamee jira.
…….//…..
Waxabajjii 22/2018
Gamaaggamni kun Magaalaa Ambootti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, raawwiin hojii waggaa Manneen Murtii Aanaalee godinichaa dhiyaatee kan irratti mari'atamuun kallattiin kan kennamu ta'a.

Gaaddisa Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Magaalaa Hoolataa Eebbaaf gahe.
27/06/2026

Gaaddisa Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Magaalaa Hoolataa Eebbaaf gahe.

Gamaaggamni Raawwii Hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa Bara 2018 Gaggeef...
26/06/2026

Gamaaggamni Raawwii Hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa Bara 2018 Gaggeeffame
-------------------------
(Waxabajjii 19,2018
Gamaaggamni raawwii hojii kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa Mana Murtii Ol'aanaa bara 2018 magaalaa Ambootti gaggeeffameera.
Waltajjii gamaaggamaa kana irratti Gabaasni raawwii hojii waggaa MMO dhiyaatee mariin irratti gaggeeffameera.
Akka waliigalaatti kallattii si'aayinaatiin raawwiin ol'aanaan galmaa'uu isaa fi kallattii qulqullinaatiinis bara kana fooyya'iinsi galmaa'uun akkasumas kallattii dhaqqabamummaatiin milkaayinni baroota darban mul'achaa ture bara kana itti fufuun gabaasa dhiyaate irraa hubachuun danda'ameera.
Waltajjii gamaaggamaa kana irratti Abbootiin Seeraa fi hawaasni MMO hirmaataniiru.

19/06/2026

Odeeffannoo........//........
Godina Shawaa Lixaa,Aanaa Walmaraatti Abbaa Seeraa Aadde Warqee Fakkansaa ajjeesuun ofii isaattis dhukaasee kan ture Aqinaw Baqqalaa Hospitaala Phaawuloositti yaalamaa otoo jiruu guyyaa har'aa kana gamoo hospitaalicha darbii 3ffaa irraa kutaa itti yaalamaa jiruu foddaa irraan of darbachuun akka of ajjeese mirkaneeffachuun danda'ameera.
Ajjeechaa Aadde Warqee Fakkansaan wal qabatee poolisiin qorannoo gaggeessaa kan ture yammuu ta'u, guyyaa har'aa yaaliii isaa xumuree hospitaalaa baafamuuf qophiin taasifamaa yeroo jirutti foddaa irraan of darbatee akka of ajjeese Jira

Address

Ambo
127

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00

Telephone

+251112362046

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court:

Shortcuts

Share