07/07/2025
"Barana hojii tajaajila lammummaatiin manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 baadiyyaatti ijaaruuf karoorfanneerra"
- Doktar Tolaa Bariisoo
**************
Gaazexaa Bariisaa
Tajaajila lammummaa kaleessarraa kaasee adeemsifamaa jiruun manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 ijaaruu dabalatee hojiiwwan hedduu ganna kanatti hojjechuuf karoorfachuu hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsan.
Doktar Tolaan ibsa miidiyaaleef kennanniin akka jedhanitti; barana hojiin tajaajila lammummaa ganna kanaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Laga Xaafootti eegalameera.
Hojii tajaajila lammummaatiin dhimmi barnootaa hedduun kan furmaata argateefi hawwiifi abdii hawaasni barnootaaf qabu dhugoomsaa akka jiranis eeraniiru.
Tajaajilichaa manneen barumsaa bu'ura boruu 2,853fi manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 ijaaruu, ijaarsa paarkii dijitaalaa ykn 'ICT Park' 460 hundeessuu, mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa 170 haaraa, daree dabalataa 1,577 ijaaruu yoo ta'u, gama biraatiin dhabbilee barnootaa moodeela taasisuu ilaalchisee manneen barnootaa bu'uura biruu 361, mana barnootaa sadarkaa 1ffaa 722, sadarkaa 2ffaa 44fi kolleejjii barnootaa sadii waanta hunda guutuudhaan moodeela taasisuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Bara bajataa xumuramettis manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 777 kan ijaaraman yoo ta'u; kunis milkaa'ina %78 agarsiisuu himaniiru.
Dabalataanis mana jireenyaa barsiisaa baadiyyaatti 9952 karoorfannee 10181 karooraa ol milkeessineerra jedhan.
Kanamalees istaandardii manneen barnootaa fooyya'an 3882, ijaaramuun tajaajilaaf oolaniiru. Walumaagalatti hojiiwwan kenniinsa tajaajila lammummaa bara bajataa xunurameetiin hojiiwwan misooma barnootaa raawwataman maallaqaan yoo tilmaamaman qarshiin biiliyoona 45.6 ta'u hojjetamuu danda'eera jechuun Doktar Tolaan ibsaniiru.
Karoora tajaajila lammummaa bara kanaatiinis hojiiwwan misooma barnootaaf qabaman qarshii biliyoona 66.4tti tilmaamaman hojjechuuf karoorfachuun ibsameera.
Milkaa'inaafi galmaghiinsa hojii tajaajila lammummaa kanaaf hawaasa barnootaafi dhimmamtoonni barnootaa humna guutuun akka hojjetan Doktar Tolaan dhaamsa dabarsaniiru.
Dajanee Bulchaatiin