Jima Arjo Communication

Jima Arjo Communication Mootummaafi uummata gidduutti yaa'insi odeeffannoo qulquluufi wayitawaa akka jiraatuuf kan hojjetudha

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa ...
09/01/2026

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa jira

/2018
Gamaaggama kanarratti Bulchaa Aanaa Jimmaa Arjoo Obbo Abbabee Taammiruu haasaa taasisaniin mootummaan humna namaafi bajata ramaduun karaa itti fufiinsa qabuun hojii bal'aa hojjechaa jiraachuu ibsuun leenjii kallattii garaagaraatin kennamaa jiruunis dandeetti raawwachiisummaa dabalaa jiraachuu eeranii Hoggaansii keenyas Dandeettisa kanatti Ogummaa isaa dabalee fayyadamummaa hawwaasaf hojechuu akka qabu himani jiru.

Obbo Taakkalee Goobanaa Itti Gaafatamaa Waajjira KMD Godina Wallaggaa Bahaa akka himanitti Gamaaggama gaggeeffamaa jiru keessatti raawwii keenya gadi fageenyaan qorachuun cimina jiru akka fakkeenyatti fudhachaa caalmatti ammoo harcaatii hojii keessatti mul'atan irratti xiyyeeffachuun yeroo itti aanuutti fooyyeessuun karoora qabame milkeessuuf hojjetamuu akka qabus himaniiru.

Obbo Hindhibuu Baqqaanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Aanaa Jimmaa Arjoo haasa tasisaniin Hojiin kurmaana kana keessatti raawwatamaa ture fooyyee qabaatus ammas sadarkaa hundatti wal qixa karoorsuun raawwachuufi bu'aa qabatamaatin madaalamaa deemamuu waan qabuuf gamaagammni kun barbaachisee jedhani jiru.

Waltajjiin gamaaggamaa kun bakka Koree Qindeessituu Aanichaa dabalatee hooggantoonni Waajjiralee Aanaa, Bulchiitoota, Itti Gaafatamtoota Paartii Sadarkaa Gandaa fi Koreen Gamtaa Badhaadhina Aanichaa irratti argamanii jiru.

Waltajjii gamaagamaa kanaan ciminootaafi hanqinoonni raawwii hojiiwwan Paartii fi Mootummaa ji'oota jahaan darban keessatti mul'atan adda baasuufi ciminoonni akka itti fufan hanqinoonni akka sirreeffaman kallattiin fuula duraa kan itti kaa'amu akka ta'es ibsameera.

Gabaasni Paartii Badhaadhina karaa Itti Gaafatamaa Damee Siyaasaa Obbo Xilaahuun Tasammaan dhiyaacha jira.

17/10/2024
17/10/2024
Alaabaan Keenyaa Ibsituu Heddummina keenyaatti fi tokkummaa Biyya Keenyaatti Jedhan.Itti Gaafatamaan Af'-yaa'ii Aanaa Ji...
14/10/2024

Alaabaan Keenyaa Ibsituu Heddummina keenyaatti fi tokkummaa Biyya Keenyaatti Jedhan.Itti Gaafatamaan Af'-yaa'ii Aanaa Jimmaa Arjoo obbo Wayeessa Hirphaa.
Godina Wallagga Bahaa
Aanaa Jimmaa Arjoo
akka Obbo Wayeessaan ibsanitti Alaabaan mallattoo biyyi tokko biyyoota biraa irraa adda baatee ittiin beekamtu fi ibsituu eenyummaa Biyya tokkotti . Alaabaan Uffata halluu adda addaa mallattoo fi boca of danda’e irraa kan hojjetamu ta’ee yaada fi yaadama hawaasaa, wareegama kaffalame, fedhii misoomaaf guddinaa akkasumas kabajaafi birmadummaa biyya tokkoo kan ibsu mallaattoon Ishee Alaabaaa isheeti.kanafuu Alaabaan Mallaattoon Biyya tokkoo ittin Ol Kaassani mul'aatan keessa inni ol-Aanaan Alaabaa Keenyaattis jedhan
Itti Gaafatamaan Mana hojii Abbaa Alaangaa Aanaa Jimmaa Arjoo kan ta'an Kabajamoo Obbo Kaffaalee Margaa akka ibsanitti Heera fi Seeraa Labsii fi Dambii Alaabaa Biyyi keenya Itoophiyaan biyya Alaabaa mataashee qabduu fi birmadummaa ishee kabachiisuun jiraachaa jirtu; weerara warra lixaa ofirraa qolachuun Alaabaa ishee kan olqabde biyya goototaa, fakkeenya bilisummaa gurraachota Afriikaati. Kanaanis Alaabaan biyya Keenyaa biyyoota Afriikaafi sadarkaa Idil-Addunyaatti kabajaaf ulfina olaanaa qabaachuun beekama.
Alaabaan Itoophiyaa gubbaadhaa gara gadiitti halluu Magariisa, Keelloo fi Diimaa kan qabuufi gara dalgaatti hamma wal qixaan kan gurmaa'e ta'ee mallattoo cuquliisaa geengoofi urjii xiyyi isaa gara alaatti faca'u of irraa kan qabu yoo ta’u; halluun Magariisni guddina, hormaataafi hojii; Keelloon abdii, haqaafi walqixxummaa; Diimaan wareegama bilisummaafi walqixxummaaf kaffalame; Urjiin gidduurra jiru tokkummaa uummattoota Itoophiyaafi xiyyi abdii fuulduraa waliin qaban kan agarsiisuudha. Faajjiin Alaabichaas saboonni, sablammoonniifi uummattoonni akkasumas Amantaalee hundi walqixxummaan jiraachuuufi abdii isaanii calaqqisiisuuf kan irratti waliigalan mallattoo tokkummaatiItti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa waajjira Qonnaa fi Lafa kan ta'aan Kabajamoo obbo Gonfaa Fufaa . akka ibsanitti Biyyi keenyaa Biyyaa Dinnii Alaa fi Keessa Osoo Itti Rorrisuu Biyya Alaabaa Ishee Ol kastee Mul'iiftee Biyya kallattii hundaan Nageenyaa Biyya Ishee Kabachiisuu dandeessedha . har'aas Biyyi keenyaa Ittoophiyaan osooma Dinni Alaas Keessan Itti Rorrisuu Biyya Misoomaa fi Nageenyaa Ishee Kabachiisaa jirtuufhas jedhan .Alaabaa dhaloota biratti beekamee akka itti fufuuf guyyaan Ayyaana Alaabaa akka biyya keenyaattii marsaa 17ffaaf
Dhaadannoo “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaafi Olka’iinsa Itoophiyaaf!” jedhuun akka keenyaatti. bakka hundaatti kabajamaa jira.

Address

Arjo

Telephone

+251966340431

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jima Arjo Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Jima Arjo Communication:

Share