03/10/2023
Irreechi dirree araaraa fi dhiifamaa, kan tokkummaan sabdaneessummaa itti cimu, eenyummaan tokkoon tokkoo keenyaa bareedina waloo keenyaa ta'uun isaa itti mirkanaahuu fi ayyaana obolummaan dhugaa itti dagaagudha.
Ayyaanni Irreechaa bakka Oromoo duwwaan itti walgahu qofa osoo hin taane kan sabaafi sablammoonni biyya keenyaa, darbees biyyoota ollaa biroon faayamanii itti wal bira dhaabatanidha.