09/12/2022
Murtii Barsiisoo
Go/Arsii A/Gunaatti Himatamaan Gocha yakka hanna cimaa raawwachuun himatame adabbii hidhaa salphaan adabame.
Himatamaan kun badhaadhina isaaf hin malle argachuuf itti yaadee gaafa 23/2/2015 Halkan sa'a 11:00tti A/Gunaa Magaala Abbaa Jamaatti mana kuusaa midhaani/magaazana/ miidhamaa dhuunfaa qulfii balbalaa morodaan kutee seenun, midhaan baaqela fi atara Kg 100 hatuun gaafa 24/2/2015 daldalaatti Qr.5000'n gurguraa osoo jiruu harkaaf harkatti qabame jechuun Seera yakkaa kewt. 669(3)(b) jalatti himannaan A/A irraatti dhiyaate.
Himatamaanis dhaddacha irratti gocha yakkaa ittiin himatame guutumatti amaneef, manna murtii dhaddacha gaafa 24/2/2015 oolen himatamaas ta'ee fakkaataa isaa ni barsiisa jechuun kan itti amane adabbii hidhaa salphaa Wag. 3 tiin adabee jira.