16/10/2025
Guduunfaa fi Kallattii Raawwii Karoora Bara 2018
Hubachiisa:- "Magaalota irratti lafa kan bulchu bu'uuraalee misoomaati".
Kallattii Raawwii Bara 2018
1. Hojiilee ijaarsa dandeettii cimsuu
2. Hojiilee hojiirra oolmaa KIFL keessaa bahuu
3. Too'annoo fi hordoffii ISA adda baasuun furmaata waaraa kaa'uu
4. Dhiyeessii lafaa baadiyyaa fi magaalaa gosa tajaajila isaatiin raawwachuu
5. Dabarsa lafa baadiyyaa fi magaalaa akkaataa qajeelfamaan gaggeessuu
6. Qabiyyee durii fi ISA dambii liizii duraa seera qabsiisuun keessaa bahuu
7. Too'annoo, hordoffii fi waliigaltee odiitii gaggeessuun bu'aa isaa gabaasuun madaalaa deemuu
8. Mirkaneessa qabiyyee lafa baadiyyaa Aanaaleen akka Muneessa, Seeruu fi Xiichoo xiyyeeffannaan raawwachuu
9. Kenna tajaajilaa saffisaa, qulqullina, baay'inaa fi ariitiin, akkasumas dachaan dabaluun sistamoota lafaa kana fayyadamuu(Fkn:- NRLAIS, SOLA, CRPRS)
10. Simannaa abbaa dhimmaa fooyyessuun, komii fi waldiddaa xiqqeessuu
11. Qabannaa ragaa qindaa'aa fi manneen galmee keessattuu kan magaalotaa haala ammayyaan fooyyessuu fi gabaasuu
12. Kaadastara magaalaa, keessattuu Magaalaa Boqojjii, Hurutaa fi Dheeraa illee kan dabaluu dha.
13. Hoggansa ragaalee lafaa gara teknolojiitiin 'hard copy fi soft copy' qindeessuu
14. Gahee lafti galii guddina biyya tokkoo keessatti gumaachaa jiru, agarsiisuu, mul'isuu fi gabaasuu
15. Ciminootaa fi hanqinoota jiran madaalaa deemuu dha.
Waliigalaan:
1. Qindoominaan hojii keenya raawwachuu
2. Tajaajila sirnoomsuun ciminaan kennuu
3. Sirna deeggarsaa fi hordoffii cimsuu
4. Bu'aa fi fayyadamummaa ummataan madaalaa deemuu fi kkf ta'uu I/Aanaan Waajjira Lafaa Godina Arsii kallattii raawwii hojii bara 2018 keessatti kaa'aniiru.
Dhumarratti, I/Gaafatamaan Waajjira Lafaa Go/Arsii guduunfaa gamaaggamichaa irratti, hirmaattotni Aanaalee fi Magaalotaa, hojiilee amma ilaalle kanaa fi ciminoota itti fufsiisaa, hanqinaalee jiru, fooyyessuun, hoggansa achi jirus hubachiisuun bu'aa ajaa'ibsiisaa baarateen yeroo itti aanu akka wal arginu imaanaa jiru hirmaattotaaf dhaamuun,
1. Karoora fooyyessuu(amend) gochuu
2. Hojii keenya akka safaramuu danda'uuf yeroo fi 'taargeetii' kaawwachuun hojjachuu
3. Lafa bulchuun, labsiin, dambiin, qajeelfamaan fi seeraan bulchuu akka qabnu, ogeessaa fi hoggansi illee beekuu akka qabu fi kkf kaasuun leenjii fi gamaaggamichi guyyaa 2f ture, haala boonsaa hoggansa waajjira lafaa ibsuun xumurameera!!