28/03/2025
19/07/2017
Gamaaggama Hojii
~~~~~~~~~~~~~
Waajjira Daandii fi Loojistiikii Godina Arsiitti Gamaaggamni Gamaqgamni Hojii Hanga Kurmaana 3ffaa Aanaalee Godinichaa waliin geggeeffamaa ture Guyyaa har'aa xumurameera.
Gamaaggamichaan:
-Hanqinaaleen
-Ciminootni
-Rakkoolee fi
-Dhimmootni Xiyyeeffannaa gara fuula duraa argachuu qaban adda bahaniiru.
Sadarkaan Aanaaleetis Adda bahee kan taa'e yommuu ta'u Aanaalee akka Gololchaa, Roobe, fi Suudee karaa fooyya'ina qabuun Hojii isaanii Raawwachaa turuun isaanii ilaalameera.
Faallaa Kanaatiin Aanaaleen akka Seeruu, Z/dugdaa, Doddotaa fi Jajuu Raawwii Hojii Pirojektoota Daandiitiin Aanaalee Xiyyeeffannaa barbaadan ta'uunis ilaalameera.
Dhimmoota Hubannoo barbaadan irrattis Leenjiin Gabaabaan kennameera.
Xumura irratti Hojiilee Ji'oota darban Harca'an dabalatee Karoora Hojiilee Kurmaana 4ffaa irratti Kallattii kenname irratti waliigalteerra gahuudhaan waltajjichi goolabameera.