17/02/2026
Guyyaa 10/06/2018 Waajjira Mallaqaa Godina Arsiiti Fooramii waajjiraalee Mootummaa fi Dhaabilee Hawaasaa ykn NGO'S Godina Arsii qophaa’e jira. dhaabbileen hawaasaa gara garaa fi wajjiraaleen mootummaa misooma gara garaa irratti hojjatan baajata hojiif ramadamu kamuu qisaasama tokko malee akkaataa hojiirra Ooluu qabu irratti mari'atan.
Fooramii kana irratti Hogganaan Waj.Mallaqaa G/Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa akka Godinichaatti dhaabbileen siviilii hawaasaa 33 ta'an pirojektoota gara garaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan 59 birrii biiliyoona 3.2 oliin hojjachaa jiraachuu himanii jiru. Itti dabaluunis waajjiraaleen mootummaa fi dhaabbileen hawaasa godinicha keessatti misooma gara garaa hojjachaa jiran karoori misoomaaf akka godinichaatti qabame akka milkaa'uuf qaamonni kun qindoominaan hojjachuu qabu akkasumas muuxannoo walirraa fudhachuu qabu jedhani jiru. Akkasumas Dhaabileen Hawaasaa (NGO) filataman keessaa gabaasa raawwii isaanii dhiheessanii jiru. Hirmaatota keessaa yaadni marii bal'aan ka'ee irratti mari'atameera.
Biiroo Maallaqaa Oromiyaa irraa Daayrektarri Dayrektarootii Dhaabiilee Siiviilii Hawaasaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Deebisaa haala qindoomina walitti dhufeenya waaj. Mootummaa fi DhMM giddu jiru miira fi itti fayyadamumma tajaajila ummataa irratti kan xiyeefate ta'u qaba jedhaniiru.
Yaada xumuraa irrattis I/Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa akka jedhanitti Hojiiwwan hojjatamaa turan gabaasa dhiheessuun muuxannoo gaggaarii walirraa barachuufi hanqinaalee jiran fuula duraaf furmaata kaayuun barbaachisaa akka ta'e ibsuun, Akkasumas qaamni sadarkaan jirus deeggarsaa fi hordoffii cimsuun itti fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuufi biyya keennas gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Dhumarrattis Dhabilee Hawaasummaa keessaa dhaabbilee hojii fakkenyummaa hojjataniif Sad. 1ffaa hanga 5tti badhaasni Geebaa fi waraqaan ragaa kennuun xumuramee jira.