22/10/2023
‘‘Oomisha Midhaan Dheedhiifi Zayitaa Bara Omishaa 2014/15 fi 2015/16 Toora Xiyyeeffannoo Shanan Mootummaan Jijjiiramaa keenya kutannoodhaan irratti hojjechaa jiru keessaa adda dureen hojii qonnaati!’’ PMNO Obboo Shimallis Abdiisaa
Qonni bu’ura guddina diinagdee biyyaa yeroo dheeraa yoo ta’u, madda wabii nyaataa, carraa hojii (% 80-85), sharafa alaa (% 61), akkasumas omisha waliigalaa biyyaa – (GDP) keessatti gahee guddaa (% 38.5) qaba.
Waggoottaan mootummoota jijjiiramaa dura turan keessattis qonni seektara murteessaa ta’uun himamaa turus, xiyyeeffannoo qabatamaa gahee qonni dinagdeefi omisha waliigalaa biyyaa keessatti qabu madaaluu hin kennamneef turre. Xiyyeeffannaan madaalu kennamnaan bu’aan akkamii akka dhufu hojiin waggoottan muraasa darban keessatti raawwatame agarsiisaa jira.
Carraaqqii “agro-ecology” bal’dhaa naannoon keenya qabutti haalan fayyadamuuf taasisneen sirna qonnaa garagaraatiif Tarkaanfiilee Addaa (28) hojiirra oolchuun oomisha midhaan gosa hedduu oomishuu qofa osoo hin taane waggaadhaa waggaatti jijiirama guddaa fiduu dandeenyee jirra. Xiyyeeffannoo olanaan tarsiimoo guddina industirii misooma qonnaatiin duurfamufi baadiyyaa giddugaleessa taasise hojiirra oolchaa jirruun gama hundaan bu’aa jajjabeessaan galma’aa jira.
Waggoottan lamaan (bara omishaa 2014/15 fi 2015/16) darban inisheetivoota gosoota midhaan Dheedhiifi Zayitaa irratti hojiirra oolchineen uwwisa lafaafi oomisha argamee %100 ol guddisuu dandeenyerra. Keessumattuu akaakuu midhaan dheedhiifi zayitaa kana dura naannnoo keenyatti xiyyeeffannaa argachaa hin turre akka; Boloqqee, Atoo Boonsituu, Maashoo, Loozii, Saliixafi, Suufii irratti hojii boonsaan hojjetamaa jira. Karooraafi raawwii qonna idileefi Sirna omishaa adda addaa (walkeessa -intercropping, kaasanii facaasuu-double cropping, walirraa fusisuun - relay cropping) jiru ittaansuun haa ilaallu.
Karoorafi Raawwii Bara Omishaa 2014/15 fi 2015/16
1. Boloqqee
Bara omishaa 2014/15 lafa hek. 235,354 irratti Boloqqee oomishuudhaan kunt.