Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa

Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa Tajaajila Abbaa Seerummaa Qulqulluu, Si'ataa fi Dhaqqabamaa tahe Kennun, Amantaa Ummataa Horachuuf ni Hojjanna!

28/07/2026
27/07/2026

Yeroo Boqonnaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa
--------------------------
(Adoolessa 20,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Akkuma beekamu Adoolessa 21,2018 hanga Fulbaana 20,2019 yeroo boqonnaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaatti.Bu'uuruma kanaan Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa maraan baga yeroo boqonnaa keessaniin isin gahe jechaa yeroo boqonnaa gaarii akka dabarsitan hawwii qabnu ibsina.Yeroo boqonnaa gaarii !!

27/07/2026
Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Maayaa Gaggeefameera.            Adooleessa 20, 2018 Maayaa--------------...
27/07/2026

Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Maayaa Gaggeefameera.
Adooleessa 20, 2018 Maayaa
----------------------------
Yaa'iin Abbootii Seeraa Marsaa 3ffaa Manneen Murtii Magaalaa Maayaa Mata duree Manneen Murtii gara Waraqa Maleessaatti Ceesisuun Qulqullina, Si'oomina fi Dhaqabummaan KTAS Mirkaneessuun Amaantaa Ummataa horachuuf ni hojjanna jedhuun gaggeeffame.
Yaa'iin kun bakka pirezdaantiin Mana murtii Ol'aanaa Magaalaa maayaa kab. Obboo Sintaayyoo Sibahaatu, kantiibaa Magaalaa maayaa Dr. Ifraah Waziir, pirezdaantoonni mana murtii Ol'aanaa godinoota ollaa fi abbootii seeraa manneen murtii magaalaa maayaa fi hoggantoonni waajiraa manneen hojii magaalaa maayaa fi hirmaatoonni sagantichaa argamanitti haala miidhagaa taheen gaggeefameera.
Yaa'iichi Eebba manguddootaa fi Abbootii gadaatiin kan baname yommuu tahu, yaa'ii kana irratti Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir Kenni Tajaajila Abbaa Seerummaa Hojii Mana Murtii qofaan galma gahu osoo hin taane Seektarri haqaa Sadarkaan jiraan tumsa ol'aanaa taasisuu akka qabaan hubachiisaan

Pirizdaantiin Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa Kabajamoo Obbo Sintaayyoo Sibaatuu Yaa'ii Kana irratti Haasaawa taasisaniin Yaa'ii Abbootii Seeraa Marsaa 3ffaa kana Yemmuu Kabaajnutti Manneen Murtii Magalaa Maayaa Sadarkaa lamaanitti Waliigalaan Dhimmoota 9500 dhihaatani Ilaalama turaan keessa dhimootni 9235 Furmaata kennuun kan raawwataan tahuu ibsaan.

Bareeffamni Yaa'ii kanaaf Qohaahees Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa Kabajamoo Obbo Ramzii Bakriin dhihaachuun Hirmaattoota yaa'ichaan Irratti Mari'atameera.

Xumuura irrattis Abbaan Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa Kabajamoo Obbo Haashiir Ahmad Pirizdaantii Mana Murtiichaa Kabajamoo Obbo Sintaayyoo Sibaatuun filatamuun ibsa Ijjannoo dhiheessaaniiru.
Dhumarrattiis Abbootiin seeraa Raawwii hojii Ol'aanaa galmeessan fi manneen murtii kutaalee magaalaa Raawwii hojii caalmaa qaban galmeessan beekamtii fi badhaasni kennamuun sagantaan kun milkiin xumuramee jiraa.
*********

Sirna sagantaa cufiinsa mana murtii ol'aanaa magaalaa maayaa yeroo boqonnaa gannaa abbootii seeraa sababeefachuun gaggee...
25/07/2026

Sirna sagantaa cufiinsa mana murtii ol'aanaa magaalaa maayaa yeroo boqonnaa gannaa abbootii seeraa sababeefachuun gaggeefameera.

Adooleessa 18, 2018
Maayaa

Hojjattoonni manneen murtii ol'aanaa magaalaa maayaa yeroo boqonnaa gannaa Abbootii seeraa sababeefachuun sagantaa sirna cufiinsaa mana murtii haala ho'aa fi miidhagaa taheen bakka pirezdaantiin mana Murtii Ol'aanaa kab. Obboo Sintaayyo sibahaatuu argamanitti gagheefame.
Sagantaa kana irratti prezdaantiin Haasaa baniinsaa taasisaniin hawaasa manaa akka waliigalatti galateefachuun hojii bara xumurame kana keessatti hojjatamee milkaa'ina argameef gaheen isaanii Ol'aanaa tahuu isaa eeruun gara fuul duraafis cimee akka itti fufuu fi hariiroon amma jiruus akka hojjattoota waliin hojjatan qofaa osoo hin taane akka maatii tokkootti kan callaqisu tahuun isaa milkaa'ina amma argameef bu'uura waan taheef fuul duraas daran cimee akka itti fufuuf dhaamanii sagantaa kana irratti hojjattoota keessa isaan raawwii hojii Ol'aanaa galmeessaniif sirni beekamtii fi Badhaasaa gaggeefamuun sagantaan raawwateera.

************ #*********

20/07/2026

Si'aayina Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa
------------------------------
(Adoolessa 13,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Manneen Murtii Oromiyaa hanqinaalee kenna tajaajilaa abbaa seerummaa keessatti mul’atu bu’uura irraa furuu fi Manneen Murtii Oromiyaa gara E-Court tti ceesisuuf karoora tarsiimoo qopheeffachuun hojiitti seenanii hojjetaa turanii jiru.
Haaluma Kanaan, bara 2018 si’oomina Tajaajila Abbaa seerummaa fooyyessuu ilaalchisee sadarkaa Manneen Murtii sadanitti dhimmoota sochii irra turan Galmee 608,889 keessaa Galmeen 595,199 (%97.75) furmaata argatanii jiru. Galmee akka waliigalaatti murtii argatan kana keessaa Galmeen 585,372 (%98.35) daangaa yeroo taa'e keessatti furmaata kan argatedha

Address

Ganda Bilee
Aweday

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share