Waajjira AbbaaAlangaa Magaalaa Beddellee

Waajjira AbbaaAlangaa Magaalaa Beddellee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira AbbaaAlangaa Magaalaa Beddellee, Government Organization, Bedele.

Fuula 'page face book' haaraa keenya 'like' gochuun Nu hordofaa! Fuulli duraanii kun guyyoota muraasa booda tajaajila hi...
26/08/2025

Fuula 'page face book' haaraa keenya 'like' gochuun Nu hordofaa! Fuulli duraanii kun guyyoota muraasa booda tajaajila hin kennu'deactivated' ta'a.

26/08/2025

Nagaaa jirtuu?
Riifoormii akkaataa Qajeelfama Miidiyaa Hawaasummaa lakk.30/2017 Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa diriirsee jiruun 'page fb' Waajjira keenyaa bifa haaraan bannee jirra.Kanaafuu,hordoftootni keenya Murtiilee barsiisoo, barreeffamawwan hubannoo seeraa fi dhimmoota Waajjira keenya waliin wal qabatan garaagaraa hordofuuf 'page face book' keenya loogoo Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa qabu kanaan 'like' gochuun akka Nu hordoftan kabajaan Isin beeksisna.
Waajjira A/Alangaa Bu/Magaala Beddellee.
Beddellee.

Hagayya 5,2017.Waajjirri A/Alangaa Bu/ Magaala Beddellee fi Waajjirri Poolisii Bu/Magaala Beddellee marii taasisani.Mari...
11/08/2025

Hagayya 5,2017.Waajjirri A/Alangaa Bu/ Magaala Beddellee fi Waajjirri Poolisii Bu/Magaala Beddellee marii taasisani.

Marichi qindeessummaa hoggansa Waajjiraalee lamaaniin bakka Gareen qorattootaa fi dursaan Garee Ittisa yakkaa Waajjira Poolisii Bu/M/Beddellee jiranitti kan geggeeffamedha.

Haaluma kanaan, Ajandaa mariif qabame raawwii hojii waliigalaa bara 2017 ture keessatti hanqinaalee fi ciminaalee turanii fi kallattii hojii bara 2018 irratti yaadawwan hirmaattota biraa ka'anii jiru.

Akka ciminaatti raawwiin hojii waliigalaa ture jajjabeessaa ta'uu fi qindoominni keessoof alaa Gareewwan Qorattootaa haala gaarii irra jiraachuutu ibsamee jira.Hanqinaaleenis ibsamuun xumura irratti kallattiin karoora hojii bara 2018 karaa hoggansaalee kaa'amuun marichi golaabamee jira.

Hagayya 03,2017Qajeelchi_Poolisii_Godina_Buunnoo Beddellee Hoggansaa fi koree Manaajimantii Waajjiraalee Poolisii Aanole...
09/08/2025

Hagayya 03,2017
Qajeelchi_Poolisii_Godina_Buunnoo Beddellee Hoggansaa fi koree Manaajimantii Waajjiraalee Poolisii Aanolee 9 fi Magaalaa 1 waliin Gamaggama raawwii hojiiwwan Bara 2017 Guyyoota Lamaaf geggeeffamaa ture Xumuruu gabaase.

QPGBB ibsa karaa fuula 'face book' isaanii taasisaniin gamaggamicha irrattis ciminaalee fi hanqinaalee raawwii hojii waliigalaa keessatti turan irratti qorannoon hojii akka geggeeffamaa turedha.

Xumura irrattis,ciminaalee turan daran itti fufsiisuun hanqinaalee adda ba'an irratti ciminaan hojjechuun nageenyi Godina Bu/Beddellee akka itti fufsiisamuu qabuuf kallattiin karaa Ajajaa Q/ P/Godina Bu/ Beddellee G/Kommishineeraa Hambisaa Tasfaa fi Hogganaa W/ Bulchinsaa fi Nageenya Godina Bu/ Beddellee Obbo kifilee Zawudeetiin kallattiin kaa'amuutu gabaafame.

Nutis,akka Waajjira A/Alangaa M/Beddelleetti Kaayyoo qorannoo raawwii karoora hojii keessaa tokko hojiiwwan karoorfamanii harca'anii hafan wal-yaadachiisuun irratti hojjechuufi karoora milkaa'eefis wal-jajjabeessuu ta'uu fi akka Magaala keenyaatti milkaa'inawwan hojiiwwan gama olaantummaa seeraa mirkaneessuutiin argamaniif ifaajiiwwan A/Alangaa dabalatee shoorri Garee Qor.Poolisii Magaala keenyaa Olaanaa akka ture kan hubatamudha.

👉Kanaafuu,sadarkaa Magaalaa keenyatti raawwii hojii bara 2017 ilaalchisee dub-deebiiwwan hirmaattotni wal-tajjicha irratti argatan A/Alangaa keenyaaf qooduun bara 2018tti raawwii olaanaa gama olaantummaa seeraa mirkaneessuutiin of qopheessuu qabna jenna.
‎

Hubachiisa Daldaltoota keenyaaf!✦✦✦✦✦✦✦Akkaataa Labsii Dorgommii Daldalaa fi Eegumsa Fayyadamtootaa Federaalaa lakk.813/...
07/08/2025

Hubachiisa Daldaltoota keenyaaf!
✦✦✦✦✦✦✦
Akkaataa Labsii Dorgommii Daldalaa fi Eegumsa Fayyadamtootaa Federaalaa lakk.813/2006 keewt.15'n Daldalaan kamiyyuu gatii gurgurtaa Meeshaalee Wiirtuu gurgurtaa isaa keessatti bakka ifa ta'etti maxxansuuf akka dirqamu kan akeekudha.Kana gochuu dhabuun itti gaafatamummaa Adabbii bulchiinsaas ta'e kan yakkaa kan hordofsiisudha.

Adoolessa 9,2017.Sagantaa Ashaaraa Magariisaan  biqiltuuwwan dhaabaman.▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪Sagantaa duula Ashaaraa Magariisa ...
16/07/2025

Adoolessa 9,2017.Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan dhaabaman.
▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪▪
Sagantaa duula Ashaaraa Magariisa bara kanaa sababeeffachuun Guyyaa har'aa(9/11/2017) Abbootiin Alangaa,akkasumas Hojjettootni Bulchiinsaa Waajjiraalee A/A/ Godina Bu/Beddellee,M/Beddellee fi A/Beddellee Waliin ta'uun mooraa W/ A/Alangaa M/Beddellee keessatti biqiktuuwwan gosa garaagaraa dhaabaa oolanii jiru.Sagantaa kana irrattis biqiltuuwwan baroottan darban dhaabamanii turan dawwatamuun haala guddina gaarii irra akka jiran adda ba'ee jira.

Badhaasa Pirezedaantawaa MNO Marsaa 4ffaan Biiroon keenya(AAWO) sadarkaa sekteraaleetti raawwii olaanaan sadarkaa 3ffaa ...
15/07/2025

Badhaasa Pirezedaantawaa MNO Marsaa 4ffaan Biiroon keenya(AAWO) sadarkaa sekteraaleetti raawwii olaanaan sadarkaa 3ffaa ba'uun badhaafamee jira.

Qajeelfama Adabbii  Yakkaa Federaalaa lakk.2/2006 fooyya'uun Qajeelfamni lakk.3/2017'n tumamee jira.Keessumaa,ogeessotni...
05/07/2025

Qajeelfama Adabbii Yakkaa Federaalaa lakk.2/2006 fooyya'uun Qajeelfamni lakk.3/2017'n tumamee jira.Keessumaa,ogeessotni buufadhaa dubbifadhaa.Dhimmoota fooyya'insi irratti taasisaman adda baafadhaa.Guutuu qajeelfamichaaf chaanaalii teligiraamii keenya https://t.me/BedTownAttorneyoffice 'subscribe' godhaatii 'pdf' isaa buufadhaa.

Address

Bedele

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira AbbaaAlangaa Magaalaa Beddellee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share