04/05/2026
Ebila 26/2018 Abbootiin Gadaa Odaa Rommee sirna Wal harkaa fuudhinsa baallii Gadaa Roobaleerraa Gara Gadaa Birmajjiitti taasiifamu irratti Maree Gaggeessan.
Godina Buunnoo Beddelleetti Waajjirri Aadaaf Tuurizimii Qindoomina Abbootaa Gadaa Odaa Rommee waliin sirna wal harkaa fuudhinsa Baallii Waggaa saddeetiin bara Kana Roobalee irraa Gara Birmajjii taasifamu irratti maree taasisan.
Waltajjicha irratti Itti gaafatamtuu Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Buunnoo Beddellee Aadde Tigist Andarge akka jedhanitti Sirni Gadaa Aadaaf dudhaa isaa eeggatee Dhalootaa Dhalootatti Dabarsuuf Sirni Baallii Waggaa saddeetiin Gaggeeffamu Murteessadha Jechuun Kanaaf Aadaa uummata keenyaa Eeguun gahee keenyaa akka baanuu fi Uummaanni Oromoo Sirna gadaan wal bulchaa kan turee yoo ta'uu, Yeroo amma mootummaan naannoo Oromiyaa dhimmaa aadaaf Haaroomsaa Aadaatiif xiyyeeffaannoo olaanaa kenneen Aadaafi duudhaa saba keenyaa bakka isaa ganamaatti akka deebi'u gahee olaanaa bahachuu ibsaniiru.
Waltajjii Kana irratti Gumiin Abbootii Gadaa, Hoggansa Dhimma Gurmaa'insa Uummataa Aanaalee fi ogeeyyiin Waajjira aadaa Tuurizimii Godinichaa kan hirmaatan yoo ta'u Barreeffamni Sirna Baallii Gadaa irratti Xiyyeeffatee karaa ogeessa waajjira Aadaafi Tuurizimii Godinichaan dhiyaachuun Mareen Gabbifameera.