31/07/2026
Tajaajilli lammummaa hirmaannaa dargaggootaatiin milka'a!
~~~●●○○~~~
Godina Buunnoo Beddelleetti hojiin tajaajila lammummaa gannaa qindoomina jaarmiyaalee dargaggootaatiin hojjetamaa jira. Dudhaa gaarii walgargaaruuf tajaajila tolaatiin hawaasaaf hojjechuu ittifufsiisuuf dargaggootni godinichaa gumaacha guddaa taasisaa jiru.
Haaluma kanaan mareen raawwii hojii tajaajila lammummaa gannaa irratti xiyyeeffate jaarmiyaalee dargaggootaa fi qoodaa fudhattoota waliin geggeeffamaa jira.
Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoof Ispoortii Godina Buunnoo Beddellee Obbo Mohammad Maccaa ganna kana dargaggoota godinichaa kuma 139 hirmaachisuun tajaajila lammummaa gannaa hojjechuuf karoorfamee hojiittii seenamuu ibsan.
Ganna kana dargaggootni dadhabootaaf mana ijaaruu, meeshaalee uffataaf nyaataa, kitaabileef meeshaalee barnootaa sassaabuun gumaachuu, hojiiwwan qulqullina magaalaa, hubannoo seera tiraafikaa kanneen biroo irratti kan hojjetan tahus ibsan.
Ittigaafatamtuun Damee Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Godina Buunnoo Beddellee Aadde Taatuu Teessoo humnaaf qabeenya jiru qindeessuun tajaajila lammummaatiin rakkoo hawaasaa furuuf hojiiwwan tolaa aanaalee godinichaa mara keessatti hojjetamaa jiraa jedhan.
Dargaggootni humnaaf beekumsa qabaniin rakkoo hawaasaa furuun dudhaa gaarii walgargaaruuf walooma cimsuurratti hojjechuu qabuu jedhan. Egeree biyyaa ijaaruufi misooma ittifufsiisuuf gaheen dargaggootaa olaanaa tahuu ibsuun jaarmiyaaleen dargaggootaa humnaaf qabeenya jiru walitti qindeessuun tajaajila lammummaa rakkoo hikan kanneen qulqullinaaf fakkeenyummaa qaban hojjechuurratti xiyyeeffachuu akka qaban dhaaman.