Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Haqaan Haqaaf Hojjanna!
(1)

03/09/2026
03/09/2026

.

Bu'uu4a Labsii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Fedraalaa Hundeessuuf Bahe Lakk. 214/2011 keewwata 7 jalatti Aangoo Waajjira Abbaa Alangaaf seeraan kennamte 51 kan tarreessee yoo tahu waajjirri Abbaa Alangaa ummataaf akka kennuu fi bu'aa hubannoon seeraa kenname buuse xinxaaluu akka qabu tumee jira kanaas kwt. (33) jalatti ""Hubannoon seeraa hawaasaa akka cimu barumsa hubannoo seeraa ni kenna; qaamota dhimma kana irratti hirmaatan ni qindeessa; bu’aa isaa ni xiinxala"" Kan jedhu ifaan tumameera.

Walumaagalatti Waajjirri Abbaa Alangaa hubannoo seeraa Qaamaan jidduu hawaasaatti argamuunii fi karaa midiyaa hawaasaatiin hubannoo seeraa wanti kennuuf dirqama seera itti kenname bahachuuf hubannoo seeraa kan kennuudha.

03/09/2026
02/09/2026
02/09/2026

Namni duuti isaa akka hin oolle itti dhagahame Afaaniin waa dhaammachuun isaa hin hafu lafaa,konkolaataa,manaa fi qabeenyoota biroos ni dhaammata garuu seera duratti fudhatama ni qabaa ?? 👇🏻 dubbisaa

dhimmoota akkanaa ilaalchisee seerri dhaalaa dhaamoof beekkamtii kennee jira gaaffi armaan olii kanan deebisuuf Gosoota dhaamoo 3n keessaa dhaamoo Afaaniin taasifamu haa laalluu

✍🏻Dhaamoo afaanii jechuun namni duuti isaa kan hin oolle ta’uun itti dhaga’amee jechoota fedhii isaa isa dhumaa ragoolii lamaaf kan kennu jechuudha.

✍🏻Ragooliin dhaamoo afaanii ga’eessa kan ta’anii fi murtiidhan yookan seeran kan hin dhorkamne ta’uu qabu.

isaa
↪Dhaalchisaan dhaamoo afaaniin wanti taasisuu danda’u :-
✍🏻Sirna awwaalcha isaa wantoota ilaallatan irra ajaja kennuu
✍🏻Qabeenya dhaalaa tokko tokko gatiin isaa tilmaama qarshii Itoophiyaa 500(dhibba shan) hin caallef kennaa dhaamoo taasisuu
✍🏻Murteewwan bulchiinsa yookan guddisa ijoollee ga’eessa hin taane ilaallatan kennuu ni danda’a.


✍🏻Jechi dhaamoo biraa dhaamoo afaanii keessa gale kamiiyyuu fudhatama hin qabu.
✍🏻Dhaamoo afaanii tokko keessatti kenni dhaamoo qabeenya dhaalaa gatiin qarshii Itoophiyaa 500(dhibba shan) ol ta’e taasifame yoo ta’e,hanga sanatti gadi hir’ifama. Dhaamoon Afaaniin taasifamu seera biratti fudhatama argachuuf haalota armaan olii kana guutuun barbaachisa

afaanii hafaa ta’uu
✍🏻Dhaamoon afaaniin taasifame guyyaa dhaamoon sun taasifame irraa eegalee ji’a 3(sadi) booda dhaammataan yeroo kana lubbuun jira yoo ta’e hafaa ta’a. Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Meettaa

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo 7ffaa # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #...
02/09/2026

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo 7ffaa
# # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddanno Hordoffii fi Deeggarsa Hojii Dantaa Hariroo Hawaasaa Mootummaa fi Uummataa Waajjira Fayyaa Aanaa Baddannootti Gaggeesse jira!

Gareen Hordoffii fi Deeggarsaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddanno , Bu'uuraa labsii BAAWO Lakk 214/2011 fi dambii lakk 243/2016tiin kallattii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa kennameen, har’a gaafa guyyaa 27/12/2018, Waajjira Fayyaa Aanaa Baddannotii qaamaan argamuun hordoffii fi deeggarsa hojii taasiseera.

✍️Hordoffii fi deeggarsi kunis, raawwii hojii Waajjira fayyaa ilaalu, ,qabeenya mootummaa qisaasamee jiru Haala waliin Deebifamuu, Dantaa mootummaa fi uummataa gama Hariiroo hawaasaatiin kabachiisuu, ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuu, akkasumas bakka hanqinni jiru irratti kallattii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuun, hojiiwwan karoorfaman bu’a qabeessa, seera-qabeessa fi itti gaafatamummaa qabuun akka raawwataman taasisuudha .
✍️.Dhuma irratti Ciminnii Jiru Akkumaa jirutti ta’e Gara fuulduraatti Hanqina jiru irratti Xiyyeeffatanii Bu'uuraa Seeraa qofaan Akkaa hojjatan irrattii Kallattii hojii fulaa Duraa kaayachuun Xumuramee jira.

✍️Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddanno
Haqaaf Haqaan Hojjanna

02/09/2026
02/09/2026
01/09/2026
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo 6ffaa # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #...
01/09/2026

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo 6ffaa
# # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddanno Hordoffii fi Deeggarsa Hojii Dantaa Hariroo Hawaasaa Mootummaa fi Uummataa Dhaabata Tajaajila Bishaan Dhugaati fi Dhangala'aa magaala Baddannootti Gaggeesse jira!

Gareen Hordoffii fi Deeggarsaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddanno , Bu'uuraa labsii BAAWO Lakk 214/2011 fi dambii lakk 243/2016tiin kallattii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa kennameen, har’a gaafa guyyaa 26/12/2018, Dhaabata Tajaajila Bishaan Dhugaati fi Dhangala'aa magaala Baddannotii qaamaan argamuun hordoffii fi deeggarsa hojii taasiseera.

✍️Hordoffii fi deeggarsi kunis, raawwii hojii Dhaabata Tajaajila Bishan Dhugaat ilaalu, ,qabeenya mootummaa qisaasamee jiru Haala waliin Deebifamuu, Dantaa mootummaa fi uummataa gama Hariiroo hawaasaatiin kabachiisuu, ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuu, akkasumas bakka hanqinni jiru irratti kallattii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuun, hojiiwwan karoorfaman bu’a qabeessa, seera-qabeessa fi itti gaafatamummaa qabuun akka raawwataman taasisuudha .
✍️.Dhuma irratti Ciminnii Jiru Akkumaa jirutti ta’e Gara fuulduraatti Hanqina jiru irratti Xiyyeeffatanii Bu'uuraa Seeraa qofaan Akkaa hojjatan irrattii Kallattii hojii fulaa Duraa kaayachuun Xumuramee jira.

✍️Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddanno
Haqaaf Haqaan Hojjanna

Address

9. 1106359, 41. 6305041
Bedeno

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 17:30
Friday 08:30 - 17:30
Saturday 09:00 - 17:00

Telephone

+251253320778

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo:

Shortcuts

Share