29/10/2025
Qophaa'ummaan Dargaggoonni Carraalee Hojii Jirutti Fayyadamuuf Qaban Cimuu Qaba.
Fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneysuuf mootummaan sagantaa inisheetivota gara garaa bocee gad buusee jira. Saganticha hojiirra olchuun Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti inisheetivota gara garaa ijaaraman irratti dargaggoonni waldaan gurmaawanii fayyadamuu irratti argamu. Haaluma walfakkaatuun bara kanaas waldaaleen haarayni inisheetivii irratti hojjachuuf waldaan gurmaawanii jiru.
Guyyaa har'aa miseensota waldaalee haarawa ijaaramanii waliin marii kana gaggeeysan Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Itti/ A Kaantiibaa fi I/G/W/Daldalaa/CHU Obbo Mahadii Aliyyii Dargaggoonni fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneysuuf hojjatamaa jira ja'anii kanaafiis waldaaleen haarayni halduree barbaachisu hunda guuttachuun hojitti galuuf qophaa'ummaan keeysan murteysaadha ja'an.
Obbo Mahadiin waltajjii kana irratti kanneen hirmaatan hoggansa fi miseensa waldaalee haarayaaf ergaa dabarsaniin Waldaaleen hojii kanaaf gurmaa'an adeemsa keysaa bahanii hojiitti galuu qabuus ja'an.