Wajj/Kantiibaa Bul/Mag/Dadar - Deder Town Mayor Office

Wajj/Kantiibaa Bul/Mag/Dadar - Deder Town Mayor Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wajj/Kantiibaa Bul/Mag/Dadar - Deder Town Mayor Office, Government Organization, Deder.

"Gamaaggamni Hojii Gaggeeyfamaa Ture Daawwii Hojii Lafarraatiin Goolabame."Amajjii 21/2018  Godina Harargee Bahaa Bulchi...
29/01/2026

"Gamaaggamni Hojii Gaggeeyfamaa Ture Daawwii Hojii Lafarraatiin Goolabame."

Amajjii 21/2018

Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Hojiin Piroojaktoota fi Inisheetiivii Gara Garaa Hojjatame fi Hojjatamaa Jiru Hoggansa Sadarkaan Jiruun Daawwatame

Daawwannaan hojii Inisheetiivii kilastara Horsiisa loon Aannanii, Furdisaafi Horsiisa lukkuu fi Hojiin kooridara Magaalaa, ijaarsa Paarkii Gaara Obbii fi Hojiin Badhaadhina Maatii gandoota keysaa Hoggansa Magaalaafi Gandaatiin Bakka Kantibaa Bul Mag Dadar Obbo Salahaddiin Yuusuf fiKoreen Qindeeysaa Magaalaa jiranitti Daawwatamee jira.

Magaalonni qormaata keysaa bahuun, dilbii qaban Magaalaa tarkaanfilee-addaa bocamaniin sochii keeysa galaniiru. Kanneen keysaa tokko misooma kilaastara Magaalaati. Inisheetiviin bara 2018 hojjataman fayyummaa diinagdee Magaalaa keenyaa eeguu fi fayyadamummaa Dargaggootaa mirkaneysaa kan jiruudha.

Walumaa Galatti Magaalaan Dadar haala qabatamaa jiruun leecalloofi humna qabdu qixaan fayyadamuun inisheetivoota fayyadamummaa ummataa mirkaneeysan adda addaa Bocaman hojiirra oolchuurratti Argamti. Bu'uuruma kanaan, Magaalaan keenya giddugala omishaa ta'uun milkaa'ina kan gonfate yoo ta'u gabaa tasgabbeeysuufi dargaggoota hedduufiis carraa hojii bal'aa uumuu irratti argamti.

Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Qonna Magaalaa Milkaa'ina Gonfate.Barii Jijjiiramaan Asitti Magaalaan Iddoo Bittaa Fi Gurg...
26/11/2025

Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Qonna Magaalaa Milkaa'ina Gonfate.

Barii Jijjiiramaan Asitti Magaalaan Iddoo Bittaa Fi Gurgurtaa Qofa Osoo Hin Taane Jiddugala Oomishaa fi Muuxannoo Akka Taatu Hojjatamaa Jira.

Baadiyyaa fi Magaalattiis Eeggattummaa irraa gara Oomishtummaatti cehuuf hojiin abdachiisaan hojjatamaa jira.
Bulchiinsa Magaalaa Dadar Bishingaan Kilaastaraan qotame kun akka fakkeenyaatti kan fudhatame yoo ta'u gandoota baadiyyaa hundatti, Qe'ee manneen dhunfaa, mooraa manneen hojii mootummaa fi dhaabbiileetti haaluma walfakkaatuun hojiin fakkeenyummaa qabu hojjatamaa jira. Tarsimoon Qonna Magaalaa Magaalaa Dadaritti haala gaariin hojiirra kan oole yoo ta'u Wabii midhaan nyaataa mirkaneysuu, carraa hojii babal'isuu fi fayyummaa diinagdee mirkaneysuu irratti argama. Kanaan olittiis Magaalaa Dadar iddoo bittaa fi gurgutaa qofa osoo hin taane jiddugala oomishaa fi muuxannoo gaggaarii taasisuuf xiyyeeyfannoon hojjatamaa jira.
Jijjiirama gama kanaan mul'ate irratti qotee bilaan dubbifne Tarsimoo Qonna Magaalaa mootummaan gad buuse sirnaan hubannee fi hojiirra yoo oolchine Nyaata keenya qe’ee keenyatti oomishachuun madda nyaata madaalawaa argachuu, hamma tokko dhiibbaa qaala’insa jireenyaa dandamachuu, carraalee hojii babal'isuu fi dhiibbaa hirkattummaa galteewwan baadiyyaa irraa hafuu akka dandeenyu hubannee jirra ja'an.
Magaalonni akka baadiyyaa lafa bal'aa qonnaaf oolu qabaachu baattuus isuma jirutti yoo fayyadamame hojii gurguddaa hojjachuun akka danda'amu hojii waggoottan darbe hojjatameen ilaalchi hawaasni magaalaa qonnaaf qabu kan jijjiirame tahuu yaada nomootaa irraa hubatamee jira.

Guyyaan Alaabaa Marsaa 18ffaa Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Kabajame.
13/10/2025

Guyyaan Alaabaa Marsaa 18ffaa Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Kabajame.

 ~Dadar‼️Qajeelfama Raawwii Fooyya’iinsa Iskeelii Mindaa Haaraya labsii lakk.29/2018  baherratti  Hojjattoota Mootummaaf...
13/10/2025

~Dadar‼️
Qajeelfama Raawwii Fooyya’iinsa Iskeelii Mindaa Haaraya labsii lakk.29/2018 baherratti Hojjattoota Mootummaaf Orenteeshiniin kennamee jira.

3/2028
Godina Harargee Bahaa Bul.Magaalaa Dadaritti Waajjira Bulchinsa Magaalaa Dadariin Qajeelfamni Raawwii Fooyya’iinsa Iskeelii Mindaa Haaraya labsii lakk.29/2018 baherratti Hubannoon kennamee jira.
Labsicha irratti Hoggansa, Hojjataa Mootummaa hundaaf Bakka I/Gaafatamtuun Waajjira Paartii Badhaadhinaa B/Mag.Dadar Aadde Helan MahammadI/G fi Waajjira Paartii B/M/Dadaritti I/G Damee Ijaarsa Paartii Obno Ahmed Umara Argamanitti hubannoon kennamee jira.
Waltajjii marii kana irratti I/G Waajjira Kantiiba Obbo Fuad Awwal fooyya'iinsi mindaa itti quufinsa kenna tajaajilaan mirkanaa'uu qaba ja'an. Labsicha kan dhiheeysan A/Adeemsa Humna Nama Waaj.Bulchiinsa Obbo Saani Abroo hojjattoonni xiyyeeyfannoo mootummaan hojjataa mootummaaf kanneen olitti tajaajila kannuuf of qopheeysuu qaba ja'an.
Fooyya'iinsi mindaa hojjattoota mootummaaf haldureen barbaachisu hundi guutamee hojiirra akka aaluus himame.

Ayyaanonni Ummataafi Amantaa agarsiistuu heddummina Itiyoophiyaati"******Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Ayyaanni Damaraa ...
26/09/2025

Ayyaanonni Ummataafi Amantaa agarsiistuu heddummina Itiyoophiyaati"
******

Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Ayyaanni Damaraa haala ho'aan kabajamee jira.

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa hambaalee kiliyyaa Itiyoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti galmeeysiste keeysaa tokkoodha.
Ayyaanicha irratti argamuun ergaa baga geeysanii kan dabarsan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dadar Obbo Salahaden Yusuf ayyaanni bara kanaa ayyaana seena qabeeysa yeroo alka'iinsa Itoophiyaa kabajaa jirrutti kabajnu waan taheef akka ayyaana tokkummaa keenya calaqqisutti kabajuu qabna ja'anii hordoftoota amantichaaniis baga ittiin isin gahe baga nuun gahe ja'anii jiru.

Ayyaana Gaarii

Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Hojiin tajaajila tolaa itti fufee jira.Guyyaa arraa Hojii tajaajila lammummaa Bulchiinsa M...
26/07/2025

Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti Hojiin tajaajila tolaa itti fufee jira.

Guyyaa arraa Hojii tajaajila lammummaa Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti itti fufee jiru irratti Hoggansa Godinaa Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Obbo Mohammed Jemal, I/G/W/Carraa Hojii Uumuu fi Oogummaa Obbo Ahmaddiin Sufiyaan, koree qindeeysaa Magaalaa Dadar fi Koree qindeeysaa Aanaa Dadar dabalatee qaamonni gara garaa hirmaatanii jiru.

Tola Namatti Ooluuf Nama Tahuun qofti gahaadha. Fageenyi kan nama hin daangeeysine Hojii tajaajila tolaa irratti waan qabnuun, waan dandeenyuun haa hirmaannu.

Wajj/Kantiibaa Bul/Mag/Dadar - Deder Town Mayor Office

Waajjirri Fayyaa Bulchiisa Magaalaa Dadar Hojii Innisheetivii Seektara Fayyaa Waligalaatiin Sadarkaa  Daran Ol’aanaa  wa...
22/07/2025

Waajjirri Fayyaa Bulchiisa Magaalaa Dadar Hojii Innisheetivii Seektara Fayyaa Waligalaatiin Sadarkaa Daran Ol’aanaa waan galmeesseef Shaampiyoona Bara kanaa tahuun Badhaasa Oonnachiistuu Beekamtii Motorcycle argateera.
====//==//////////===////=///////

Waajjira Fayyaa Godina Harargee Bahaatti Gamaaggama Raawwii Hojii Bara 2017 Hojiilee Akka Seektara Fayyaatti Bara kana Hojjataman Gamaaggamuun Ciminoota Hojii keessatti turan itti fufsiisuun Hanqinoota turan irraa Barachuun Galtee Bara 2018 godhachuun irratti Hojjetamu akka qabu Bakka Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Harargee Bahaa Obbo Abdulaziz Abdurhaman fi Itti Aantuun Waajjiricha Aadde Nasriyaan argamanitti Gamaaggama kana irratti Hoggantotni Waajjira Fayyaa Aanoota fi Manajimantiin Waajjira Fayyaa Godinaa hundi kan argaman yommuu tahu Hojiileen Bara 2017 keessa akka Seektara Fayyaatti hojjetama turan Baay'ee kan Nama Onnachiisuu tahuu irratti Walifgaluudhaan Hojiilee Karoora Guyyaa 90 Bara 2018 Hojjetamu qabu Keessaattuu akka Hoggansatti Innisheetivii irratti Xiyyeeffachuun Hojiilee Idilees Hoggansi haala fi Kenna Tajaajila Qindeessee Baayi'na, Ariitii fi Qulqulinaan itti deemu akka qabnu Kallattiin nuuf Kennameera. Xumura irratti Karoora Bara 2018 kan Guyyaa 90 Sanada Waligaltee waliif Mallateessuun Aanoota Karoora Bara 2017 keessa Raawwii Hojii Fakeenyumaa Gaarii fi Muuxxannoo tahan Milkeessaniif Badhaasni Oonnachiistuun Motorcycle erga nuuf Kennamen booda Milkaa'inaan Goolabneera.
==///==//==//
Adoolessa 15/2017
Wajj/Kantiibaa Bul/Mag/Dadar - Deder Town Mayor Office

Address

Deder

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wajj/Kantiibaa Bul/Mag/Dadar - Deder Town Mayor Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share