02/08/2026
Uummanni keenya baroota dheeraaf, walitti bobba'ee gaddaaf gammachuu isaa waliin qoodachuuf haalonni isaan daangessuu yoo uumame gamtaan furachuun beekkamu.
Haalonni walitti dhufeenya uummata keenyaa adda kutan keessa tokko lageen gurguddoo waktii gannaa guutaniidha. Uummanni keenya hawwaasummaan isaa akka adda hin cinneef, tooftalee garagaraatti dhimma ba'aa ture, har'as ittuma jira. Uummanni gamtaan ba'ee riqicha aadaa riqachaa jiru kun gondina shawaa lixaa aanaa ganda .
Aanaa ilfataa gandoota hedduu keessatti waktii ganna kana sababa lageen gurguddoon hedduu riqicha dhabuun uummanni keenya rakkoo jajjabduuf saaxilamaa jira. Aanaa ilfataa keessa daandiin gandoota walqaunnamsiisu, tajaajjilli bishaan dhugaatii fi tajaajjilli ifaa hin jiru.
Tajaajilli isaa ga'aa ta'uu baatus, buufataleen fayyaa magaalaa bakkee fi guutee keessa yoo jiraates, uummata gandoota 17 keessa jiraataniif har'as dharraa fi hawwii ta'eera. manneen barnootaa gandoota kanneen keessa jiranis, tajaajilli isaan kennan sababa barsiisoota ga'aa dhabuutin tajaajila qulqulluu kennaa hin jiru. Manneen qorichaa uummataaf tajaajila giddugaleessaa kennu hin jiru. Rakkoo tajaajila geejjibaan uummanni meeqa lubbuu dhabaa akka oolu yaadannoon yeroo dhihoo fakkeenya gaariidha.
Bulchiitoonni gara aanaa saniitti ergaman marti yeroon booda tujaarota. Erga aanaan sun bara 1998 ALItti hundoofte bulchiitoota 17 ol keessummeessiteetti. Achi keessa namni hin tujaroomni hin jiru.
Gababumatti aanaan kun aanaa xiyyeeffannoon itti kennamuu qabudha. Baajanni aanaaf ramadamu kaaminee sooruuf osoo hin taane, riqicha ijaaruuf haa oolu, daandii haaressuu fi haaraa hojjechuuf haa tajaajilu, manneen qorichaa tajaajila uummataaf giddugala ta'e haa hojjetu, bakka ifaan hin geenye akka ifaan ga'uuf haa tajaajilu, buufatalee fayyaa fi hopsitaala haa ijaaru, manneen barnootaa keessatti barsiisota ga'aa haa qacaru erga kana gootanii waan irra hafe yoo nyaattanis rakkoo hin qabu.
!