Gabbisa Sammuu

Gabbisa Sammuu Barnootaa fi qajeelfamoota jijjiiramaa fi bilchinna sammuu

28/10/2023

Sadarkaalee 25 (Digdamii Shan) Nameenya (Personality) Gaarii Gabbifachuuf Fayyadan

1ffaa: Itti gaafatamummaa fudhachuu!
2ffaa: Namoota biroof dursa kennuu!
3ffaa: Atis namootni biroonis akka injifatan hawwi!
4ffaa: Jechoota dubbattu of eeggannoon filadhu!
5ffaa: Namoota hin ceepha'in, hin mormin!
6ffaa: Kolfi; nama gaarii ta'i!
7ffaa: Amala namoota gara gaaritti hiikkadhu!
8ffaa: Namoota sirriitti dhaggeeffadhu!
9ffaa: Dharraa injifachuu qabaachuu!
10ffaa: Namoota garaa kee irraa jaji!
11ffaa: Wayita dogoggortu amanii irra darbi!
12ffaa: Mari'adhu; malee hin falmin!
13ffaa: Jette-jettee hin odeessin!
14ffaa: Waadaa kee gara kakuu jabaatti jijjiiri!
15ffaa: Namoota galateeffadhu, garuu akka si galateeffatan hin eegin!
16ffaa: Amanamtummaa qabaadhu!
17ffaa: Haaloo garaatti qabattee hin turin!
18ffaa: Waan gootu hundumaa dhugaa irratti hundaa'ii godhi!
19ffaa: Of hin guguddisin!
20ffaa: Namoota hubadhu fedhii isaaniif bakka kenni!
21ffaa: Guyyuu amala gaarii bartee godhadhu!
22ffaa: Qoosaa Amaleeffadhu!
23ffaa: Qoosaa hamilee namootaa buusu hin qoosin!
24ffaa: Hiriyaa gaarii argachuuf jalqaba ofii keetii nama gaarii ta'i!
25ffaa: Bakka namootaa bu'ii yaadi!

.
Fuulli kun barnootaafi qajeltoowwan jireenya dhala namaa guyyaa guyyaan fayyadan waan isiniif dhiheessuuf
Follow godhaa

28/10/2023

KANA BEEKTAA LAATA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

✪ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?

✪ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.

✪ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu.

⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!
⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu!
⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu!
⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!

⁃ Isaan wallaalota,
⁃ Isaan jibbitoota,
⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha.
⁃ Isaan koree jibbiinsaati,
⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha.

⩩ Ati immoo abbaa kaayyooti,
⩩ Ati immoo abbaa mul'ataati.
⩩ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.

● Maalif isaan dhaggeeffattaree?
● ati ofuma qofa ta'i

18/10/2023

Dubbiilee Gaggaarii Ofirratti Dubbadhu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▪️Ani nama gaarii dha!
▪️Ani bareedaadha!
▪️Ani nan hojjedha!
▪️Ani nan jaaladha!
▪️Ani dhiifama godha!
▪️Ani nama mul'ata qabudha!
▪️Ani nan galateeffadha!
▪️Ani nama abjuu qabudha!
▪️Ani nan baradha!
▪️Ani nan dubbisa!
▪️Ani nama gadi jedhudha!
▪️Ani obsa nan qaba!
▪️Ani ajajamaadha!
▪️Ani nama milkaa'aa dha
▪️Ani tattaaffii godha!
▪️Ani fayyaa qaba!
▪️Ani dhaggeeffataa dha!
▪️Ani nan gammada!
▪️Ani dureessa!
▪️Ani nama kabaja qabudha
▪️Ani nama dubbii koo eegudha!
▪️Ani amanamaa dha!
▪️Ani carraa qabeessa!
▪️Ani gaggeessa dha!
▪️Maallaqa koo sirnaan itti fayyadama!
▪️Ani nama kennudha!
▪️Ani nama yaada gaarii qabudha!
▪️Ani nama gatii guddaa qabudha!
▪️Ani jabaadha!
▪️Yerootti sirnaan fayyadama!
▪️Ani nama tasgabbaa'adha!
▪️Ani michuudha!
▪️Ani namummaa gaarii qaba!
▪️Ani boqonnaa qaba!

23/08/2023

FACTS ABOUT PERSONALITY ⚠️

1. People will respect you based on how you respect yourself, talk to people and how you treat people around you with respect and good and positive energy.

2. No amount of bribery can make people love you if you're a bad person.

3. Good behavior attracts people to you, while bad behavior repels people.

4. Tell people your own story first. They will share theirs eventually. (The Art of Making Someone Confess).

5.Blind people are much sensitive.

6. If you want someone new to like you, then refer to people you’ve just met by their name. People love being referred to by their name and it will establish a sense of trust and friendship right away.

7.Be thankful for all the struggles you went through. They make you stronger, wiser and humble. Don't let it break you and let it make you.

8. Slow eaters generally like to be in control and know how to appreciate life. Fast eaters tend to be ambitious, goal-oriented, open to new experiences, and often impatient.

9. Before talking to a new person, a smile from you gains their positive approach towards you.

10.70% of people pretend to be okay simply because they don't want to annoy others with their problems.

11. You don’t have to be good at all things to be rich, but you have to be good at some things in which no one can beat you.

12. People think that to be strong is to never feel pain . But in reality, the strongest people are the ones who feel it but get through it.

13.Apparently, it will only take up to 4 minutes to decide whether you like someone or not. As such, if you want to make a good impression on someone, you have only got around 4 minutes to do so.

Thank you for reading 📚 ❤️ 🙏

16/08/2023

GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema, Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.

16/08/2023

Of jaalachuu fi of qofa jaalachuun walitti dhihaatu fakkaatu malee waliif faallaa dha.

16/08/2023

Bilchinni wantoota kallattii kee qofaan ilaaluu yoo dhiiftuu dha.

07/08/2023

Addunyaa kanarra yeroo takka qofa jiraatta. Asirraa dabrinaan lammata asirratti hin deebitu. Gaafa tokko biqiltuu jiruu irraa akka baala gogeetti harca'uun kee hin oolu.
Kanaafuu:
Yoo balleessite dogoggora kee fudhadhu. Yoo nama miite dhiifama gaafadhu. Yoo jaalatte baasii dubbadhu. Osoo hin du'in badii kee asirraa qulqulleessi. Namni biroo sirraa bakka bu’u waan hin jirreef. Waan har'a hojjatuu qabdu boritti hin dabarsin. Borus hojii mataa isaa waan qabuuf. Tarii bor ni dhufa garuu ati hin geessu ta’a. Qalbii nama tokkos hin cabsin. Haqa nama tokkos hin dabsin. Daangaa kee tarkaanfattee jiruu nama tokkoo hin seenin. RABBIIN keetirraa si gaafata malee kan namaatii miti.
Nama gaafa du'u uffataa fi kopheen isaa qofti irraa haftu osoo hin taane: nama seenaa faana dhalootni irra deemu hojjatu tahi. Nama hundaan wajji amala gaariin jiraadhu.
Namni amala gaariin asirratti urgaa'e: osoo dachee jala seenellee hin ajaa'u!

Jireenyaaf carraa takka qofa qabda. Asirraa deemnaan abadan asitti hin deebitu! Jecha kana qalbisii xiinxali !!!

milkaa'inaa

07/08/2023

⚰Du'a⚰

⏺Awwaalcha kee sa'aatii tokko booda,

Boo'ichi ni hir'ata. Maatiin kee gara manaatti deebi'ee nyaataa fi dhugaatii kennuun firoota kee kunuunsuu jalqabu. Yeroositti qaamni kee biyyee waliin wal argu.

▶Sa'aatii lama booda,

Warri boo'ichakee hin dhufne mana keessanitti bilbilanii sirna awwaalcha irratti argamuu dadhabuu isaaniif sababa dhiheessanii maatii kee dhiifama gaafatu. Yeroon booda namoonni mana keessan keessa jiran tokko tokko waa'ee ispoortii, tapha adda addaa fi siyaasaa dubbachuu jalqabu.

⏩Sa'aatii jaha booda,

Maatii kee dhiyoo qofatu hafe. Namni hundi gara manaatti deebi'ee karoora guyyaa itti aanu karoorfachuu jalqaba. Abbaaf haatikee suuraa kee guddifamee fireemiin hojjatame sana ilaalaa gaddu.

⏺Sa'aatii digdamii afur booda,

Qaamonni keessoo kee bulbulamuu jalqabu. Gidduu kana ergaa fi bilbilli namoota du'uu kee hin beekne irraa bilbila kee irratti dhufuu itti fufeetuma jira. Garuu namni kaasu hin jiru. Maatiin kee ilaalaniituma deebii dhabanii dhiisu.

▶Guyyaa sadii booda,

Bakka hojii keetitti bakka kan kee guutuuf af-gaaffiin dorgomtoota waliin taasifama. Yeroo sanatti qaamni kee dhiita’uu kan jalqabu yoo ta’u, dhangala’aan foomii qabu afaanii fi hidhii kee keessaa ba’a.

▶Guyyaa shan booda,

Intalti fi ilmi kee hojiitti deebi'u(yoo qabaachuu baattemmoo homtuu. Yeroo kanatti qaamoleen dhiigaa kee manca'uu waan jalqabuuf qaamni kee magariisa irraa gara diimaatti jijjiirama.

▶Torban lama booda, .

Ijoolleen keessan qabeenya qooddachuuf abukaatoo waliin mana murtiitti wal argu. Yeroo kanatti cimdii fi ilkaan kee har'ca'uu jalqaba.

▶️Waggaa tokko booda namni tokko,

"Wow, erga du'ee/duutee hanga kana qofaa? kaleessa fakkaataam jedha."

-Waggaa kudhan booda,

Hiriyaan tokko suuraa durii irratti si argee si yaadata.Qaama kee irraa kan hafe lafee qofatu jira. Yeroon booda lafichis bullaa'ee biyyoo ta'a. Jireenyi ilma namaa hanganuma. Yeroo qabdu keessatti yoo waan gaarii hin hojjanne , yoo nama ittiin waamamtu hin qabaanne ,

07/08/2023

DUBBISA FI DUBBISAA!
(READING AND READER)

✪ Dubbisuun fakkaattii kaleessaa, argama har'aa fi maalummaa boriitti bocaa fi bifa godha. Waan kaleessaa irraa muuxannoo nama dhaalchisa, har'a immoo jireenya hiikkaa qabu namaaf kennuun boruufis abdii nama keessa bulcha.

✪ Eeyyeen, jireenya ilma namaa keessatti halluu halaalatti mul'atuun sarara adda bahinsaa kaa'ee garaagarummaa fida. Akkuma bishaan uffata miicee qulleessuu, keshaa irraas cilee fi dhukkee baasee adii godhu, dubbisuunis sammuu dubbisaa haaressee booka beekumsaan guuta.

⩩ Sammuun barachuu fi dubbisuutti amanu dhalootaaf dhangaa, rakkoof furmaataa fi haalotaaf immoo deebii galumsaa qabaachuun bu'aa buusa malee, ba'aa ofii fi nama biraa ta'ee hin argamu. Bu'aa malee ba'aa miti!

⩩ Dubbisni arraba gabaabsa, afaan dhiphisa, sammuu immoo daran bal'isa. Eeyyeen wallaalaa beekaa godha, beekaa immoo ittuma qara.

⩩ Keessaa namaa haaressuun
alaa jijjiira.

⩩ Quba namatti qabbii hir'isuun, of beekuu fi sakatta'insa keessaa namatti dhiyeessa.

⩩ Of nama barsiisa! Kan of bare immoo, ofiifis ta'e hawaasa keessa jiraatuuf jal'isii ta'ee kan goge jiisaa, kan jiidhee immoo lalisiisa malee, lolaa ta'ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin gololeessu. Jal'isii yookaan lolaa ta'uu filachuun egaa filannoo abbaati! Filadhuu darbimee!
Namni dubbisus isa hin dubbifne irraa adda.

⩩ Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma daamuuti; dhaggeeffataan 'dhaggeeffadhuu' malee dhageeffata.

⩩ Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan hin mo'atamu. Hayyee, dubbisuun dubbisaa ta'i! Dubbisa keessaanis lafa yadde ni geessa. Ragaan dubbii kanaa jijjiirama dubbisuun boodaa haa ta'u!

Barnootawwan 10n "Akkaataa Namoonni Milkaa'oon Itti Guddatan" jedhu kan Jiim Koolinsi barreesse 1. Dandeettiiwwan ijoo k...
07/08/2023

Barnootawwan 10n "Akkaataa Namoonni Milkaa'oon
Itti Guddatan" jedhu kan Jiim Koolinsi barreesse

1. Dandeettiiwwan ijoo kee guddifadhu. Maal irratti addatti dandeettii qabda? Wantoonni ati hojjettu kan warri kaan hin dandeenye maali? Dandeettiiwwan ijoo kana guddisuu irratti xiyyeeffadhu karaa milkaa’ina gaarii irra jirtaa.

2. Mul’ata ifaa ta’e qabaadhu. Jireenya kee keessatti maal galmaan gahuu barbaadda? Kaayyoon kee maali? Mul’ata ifaa ta’e qabaachuun kaayyoo kee galmaan ga’uuf kallattii fi kaka’umsa siif kenna.

3. Itti cichi. Abjuu keetiif abdii hin kutatin. Yeroo meeqa yoo kufteyyuu carraaqqii kee itti fufi. Cichoominni milkaa’inaaf furtuudha.

4. Balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaadhu. Waan gurguddaa galmaan gahuu yoo barbaadde balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Naannoo mijataa hin taane keessa tarkaanfachuun waan haaraa yaaluu hin sodaatiin.

5. Barataa umurii guutuu ta'i. Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa waan jirtuuf yeroo hunda barachuu qabda. Kitaaba dubbisi, konfiraansii irratti hirmaadhu, akkasumas koorsii fudhadhu dursitee turuuf.

6. Namoota yaada gaarii qabaniin of marsi. Namoota waliin yeroo dabarsitu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa qabu. Kanaafuu namoota gaarii abjuu kee deeggaraniin of marsi.

7. Deebisii kenni. Hawaasa keetiif ykn waa'ee isaaniif dhimmaa jiraachuu keetiif karaa ittiin deebiftee kennitu barbaadi. Kana gochuu keetiif miira gaariitu sitti dhagahama akkasumas namoota biroo wajjin akka wal qunnamtuuf si gargaara.

8. Milkaa'ina kee kabaji. Yeroo galma tokko galmaan geessu yeroo fudhadhuutii milkaa'ina kee kabaji. Kunis kaka’umsa qabaachuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuun akka itti fuftuuf si gargaara.

9. Namoota biroo wajjin of hin madaalin. Hunduu imala mataa isaa irra jira. Kanaaf namoota biroo wajjin of hin madaalin. Kaayyoo mataa keetii fi guddina mataa keetii qofa irratti xiyyeeffadhu.

Maddi: fuula fb Orooliyaanaa Margaa

Address

Kokosa
Dodola

Telephone

+251910545499

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gabbisa Sammuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Gabbisa Sammuu:

Share

Category