04/08/2026
Sirna beekamtii fi Badhaasaa Kutaa Magaalaa Duukam
~~~~~~~•~~~~~~~~~~~~~~~~~
"Mul'ataa fi galma Magaalaan keenya qabattee milkeessaa jirtu akka Kutaa Magaalaa Duukamitti Kallattii fi ergama Koree qindeessituu Magaalaa onnee guutuun fudhannee Kutannoodhaan hirmaannaa ummatatiin dabaalle ni dhugoomsina."
Bulchaa Kutaa Magaalaa Duukam Ob.Mangistuu Alamuu
"Ummata keenya kabajamaa fi jaallatamaa, hooggantoota fi hojjettoota mootummaa: Misooma magaalaa Bishooftuu kutaa Magaalaa Duukam mirkaneessuuf carraaqxan hundaaf: Baga Gammaddan! Baga Gammanne! akka kutaa Magaalaa Duukamitti seektaroota jiran keessa waajjirri lafaa Kutaa Magaalaa Duukam 1ffaa bahuun badhafamuunsaa raawwii karoora bara 2019 milkeessuuf humna furguggisaa nuuf ta'a.kanaaf Hoggansi ,Manajimantiin,hojjattoonni mana hojichaa badhaafamtan baga gammaddan harka walqabannee tokkommaadhaan yoo hojjenne injifannoorratti injifannoo ni galmeessifna!!"
Hoogganaan Damee Ijaarsaa fi Siyaasa paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Bishooftuu Ob.Qaasim Aansee gamasaaniitiin ergaa dabarsaniin raawwii karoora hojii Paartii fi Mootummaatiin milkaa'uun beekamtii argachuun hamilee guuttachuun bareeda ta'ee Galmi akka Badhaadhinaatti qabannee guddaa fi amna dheeraa kan gaafatu waan ta'eef kanaa olitti ijaaramnee,ummata keenya ijaarree qindoomina ,hojii halkanii guyyaa fi miira xiiqii ol'aanaadhaan dagannaa tokko malee fuunduratti tarkanfachuutu nurra jedhanii jiru.