28/04/2023
Oolmaa dhaddachaa
Himatamaan Seera yakkaa bara 1996 fooyya'ee bahe kwt. 669(3)(B) bira darbuun yakka hanna cimaa raawwate hidhaa cimaan adabame.👇👇👇👇👇
# # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Gizaachoo Faantayee fi 2ffaa Goroms Faantayee jedhaman waliin ta'un gaafa guyyaa 24/03/2015 halkan keessaa tilmaaman sa'aatii 3:00 yommuu ta'u Godiina Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Magaala Fiichee Ganda Caffee iddoo addaa Habitaatii jedhamuu qabeenya Dhaabbata dhuunfaa Hakiikoon Injirariingii fi dhaabbata dhuunfaa ATEM Ijaarsa Waliigalaa Ittigaafatamummaan isaa murtaa'e jalaa Sibiila Feerroo adda addaa tilmaamni waliigala isaa qarshii 42,940.56(Kuma afurtamii lamaaf dhibba sagaliif afurtama 56/100) baasu mana jireenyaa isaanii keessa dhoksanii osoo jiranuu hordoffii qaama nageenyaatin godhameen waan argameef, Abbaan Alangaa fi Qorataa Poolisii galmee waliin erga qulqulleesanii booda, Abbaan Alangaa Seera yakkaa kwt. 683(A) jalatti tarree himannaa lamaan yakka dhoksaan Mana Murtii Aanaa Giraar Jaarsootti himata dhiyeessen, M/Murtiis eenyummaa himatamtoota erga adda baaseen booda himatamtooni jecha amantaa fi waakkii gaafatamaniin himatamaa 1ffaan himannaa Abbaa Alangaa gar tokkee amanee gartokkee yoo waakkatu, himatamaa 2ffaan immoo himannaa Abbaa Alangaa guutumaan guututti waan waakkateef, Manni Murtiis ragaa Abbaa Alangaa dhagahuun ragaan Abbaa Alangaa bu'uuruma himannaan waan irratti mirkaneessaniif keewwatuma ittin himataman jalatti akka of irraa ittisan jedhamaniin himatamtoonis ragaa ittisaa dhiyeeffataniin himatamaa 2ffaan ragaa ittisaa waan irraa faccisaniif bu'uura sdfy kwt 149(2) bilisaan kan gaggeesse yoo ta'u, himatamaa 1ffaan immoo of irraa ittisuu waan hin dandeenyeef, Manni Murtiis ragaan ittisaa himatamtootaa erga dhagaheen booda himatamaa 1ffaa seera yakkaa kwt. 669(3)(B) jalatti hanna cimaa raawwate jechuun balleessadha erga jedhee dhaddacha gaafa guyyaa 18/08/2015 ooleen adabbii hidhaa cimaa Waggaa 7 fi baatii 8 tiin adabeera