15/12/2022
Leenjii fi Hubannoo .
Manni murtii keenya guyyaa har'aa leenjii mata duree Dhimma Naamusaa Muudamtootaa fi Hojjattoota sivil servantii ilaachisee kaayyoo,Gosoota badiiwwan naamusaa jiran, Adabbiiwwan isaanii fi Adeemsa qorannoo badiiwwan naamusaa irratti karaa B/B Ofiisara Naamusaa fi W/Qabaa Koree Naamusaatin kennameera.
Akkasumas,mata duree "Gaggeessummaa fi Jijjiirama Hoogganuu irratti karaa Pireezidaantii mana Murtichaatin hubannoon irratti kennameera. Qabatama mana hojii keenyatiinis maal fakkaata isa jedhu irratti yaada fi mariidhanis gabbifameera. Oolmaa waaree boodatiin Itti Fayyadama CCMS(Court case management system) irratti ogeessa TQO fi B/B Qindeessaa Ofiisaroota Seeraa A/Seeraa,Ofiisaroota Seeraa fi Raawwataa deeskii Odeeffannoof irratti hubannoon kennamaa jira.
Fuula fesbukii keenya 'Share,follow fi comment ' godhaa!
Horaa bulaa Deebanaa!
Mudde 6,2015 Calliyaa,Oromiyaa!