07/05/2024
Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Invastaroota Haaraa 3,747ol Kaappitaala Qarshii Biliyoona 148 ol galmeessisan murtii Boordii argachuu beeksise
Ebla 24, 2016- Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa Miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti bara 2016 keessa Invastaroota 3,747 ol Kaappitaala Qarshii Biliyoona 148 ol galmeessisan lafa heektaara Kuma 35 irratti Murtii Boordii argatanii jiru.
Pirojektootni kunneen humna guutuun yemmuu hojii keessa galan Carraa Hojii namoota 579,114 tiif uumuu akka danda'anii fi jalqaba Kiraa liizii lafaa hanga qarshii biliyoona 5nii Naannichaaf galchuu akka danda'an akkasumas humna guutuun gaafa hojiitti galan Galii hanga Qarshii biliyoona 43 Naannichaaf galii galchuu akka danda'anis itti dabaluun Obbo Ahimad ibsanii jiru
Madda Invastimantiin yemmuu ibsamus Abbootiin Qabeenyaa Biyya Keessaa 1,283, babal'ifannaa,66, Diyaaspooraa 148, Biyya Alaa 17, Qonnaan Bulaa fi gamisa Horsiiseen Bulaa 2,074, IMX 344 fi Waldaa Hojii Gamtaa 53 walumatti Abbootiin Qabeenyaa 3,747 murtii boordii argatanii jiru
Abbootiin qabeenyaa kunis guyyaa xalayaan kennameef irraa eegalee guyyaa 45 keessatti qorannoo sakatta'iinsa Naannoo taasisuun waliigaltee kan mallatteessan yoo ta'u, ji'oota 4 keessatti hojii lafa fudhatan irratti eegaluu qabu
Seektara Damee Diinagdeetiin Qonna, Manufakcharingii, Agro Industirii fi Tajaajila ta'uu Obbo Ahimad dabalataan ibsanii jiru
Dhuma irrattis Pirojektootni Invastimantii murtii Boordii argatan kunneen akkaataa waliigaltee seenaniin yeroo gabaabaa keessatti hojiitti galuu akka danda'an Caasan sadarkaa sadarkaa jiru Deeggarsaa fi Hordoffii barbaachisaa taasisuun yeroo gabaabaa keessatti lafti harka gahu xiyyeeffannoo guddaa itti kennuu akka qaban ibsuun Caasaan kana keessatti seeraan hin raawwanne itti gaafatamummuu akka fudhatan Obbo Ahimad dhaamsa dabarsanii jiru