21/08/2026
Qonnaan Bultoonni Jimaa Qulqulluu fi Keemikaalaa Irraa Bilisa Ta’e Oomishuu Qabu
Qonnaan bultoonni oomisha jimaa qulqulluu, keemikaalaa irraa bilisa ta’ee fi nageenyi isaa mirkanaa’e akka oomishan hubannoo fi dandeettii isaanii cimsuun barbaachisaa ta’uu Yuunivarsiitiin Haramaayaa ibse.
Yuunivarsiitii Haramaayaatti leenjii “Bu’a qabeessummaa Oomisha Jimaa Cimsuu: Mala Oomishaa Fooyya’aa, To’annoo Dhukkubaa fi Ilbiisotaa, Itti Fayyadama Qorichaa fi Fayyaa” jedhu kenname.
Leenjichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, qonnaan bultoota oomisha jimaa irratti bobba’an, hojjettoota misoomaa, ogeessota fayyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo hirmaachiseera.
Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimma Misoomaa fi Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Haramaayaa, Dr. Abdii Mahaammad, yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitiin Haramaayaa jimaan akkuma bunaa fi warqee qonnaan bultoota naannichaaf madda galii fi jireenyaa ta’uu isaa hubachuun, qorannoo jimaa irratti xiyyeeffate akka gaggeeffama kalatiin ka'amuu ibsanii jiran.
Akka itti Aanaan pireezidantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Dr. Abdiin ibsanitti, Yuunivarsiitichi waggaa lama dura bajata ramaduun Godina Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti argaman keessatti haala oomisha jimaa, hidhata gabaa, itti fayyadama keemikaalotaa fi oomisha jimaa irratti keemikaalonni itti fayyadaman akkasumas dhiibbaa isaan fayyaa namaa fi naannoo irratti qorannoon qorannoon gaggeeffamaa turuu Eeranii jiran.
Qorannoo kana keessatti ogeessonni muummee garaagaraa, akkasumas barattoonni digrii lammaffaa fi sadaffaa Yuunivarsiitii Haramaayaa hirmaachaa turan Dr. Abdii ibsaniiru.
Leenjichi qorattoota, qonnaan bultoota fi qaamolee qooda fudhattootaa gidduutti muuxannoo fi beekumsa waljijjiiruuf carraa uumuus eeranii, hirmaattonni hubannoo fi muuxannoo leenjicharraa argatan hawaasaaf dabarsuun akka irra jiraatu dhaamaniiru.
Barsiisaa fi qorataa Yuunivarsiitii Haramaayaa, Dr. Naannoo Alamuu, yeroo ammaa naannawa Harargee keessatti oomishaalee guddina dinagdee qonnaa keessatti gahee olaanaa qaban keessaa jimaan adda duree ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bulaan kallattiin jimaa nyaataaf itti fayyadamuu baatus, galii oomisha jimaa irraa argamuun nyaata maatii bitachuu, ijoollee barsiisuu fi jireenya isaa gaggeessuuf Oomisha jimaa kan fayyadamuu tahuu qorannoon agarsiisu ibsamee jira.
Haa ta’u malee, qonnaan bultoonni dhukkubootaa fi ilbiisota oomisha jimaa miidhan to’achuu fi ittisuuf keemikaalota fayyadaman sirnaan itti fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’e, fayyaa namaa fi naannoo irratti miidhaa geessisaa jiraachuu Dr. Naannoon hunachiisanii jiran.
Keemikaalonni oomisha irratti hafan yeroo jimaa itti fayyadaman qaama namaa seenuun rakkoo fayyaa, keessumaa dhukkuboota garaagaraa fi rakkoo kalee waliin walqabatan uumuuf saaxiluu danda’u jedhan.
Kanaaf, qonnaan bultoonni keemikaalota oomisha jimaa irratti fayyadaman sirnaan, yeroo fi hamma barbaachisaa ta’een akka itti fayyadaman hubannoo argachuun murteessaa ta’uu ibsameera.
Oomisha jimaa oomisha birootiin bakka buusuun yeroo dheeraa kan gaafatu ta’uu himuun, qonnaan bultoonni oomisha jimaa fi itti fayyadama keemikaalotaa irratti hubannoo gahaa akka argatan gochuuf qorannoon gaggeeffamee jira.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa miidhaa qorichoota oomisha jimaaf qonnaan bultoonni itti fayyadaman irraa dhufu xiqqeessuu fi gara fuulduraatti guutummaatti hambisuuf qorannoowwan bal’aa gaggeessuuf karoorfatee jiraachuu leenjicharratti eerameera.
Qorannoo haala oomishaa, qabaa fi itti fayyadama keemikaalotaa irratti rakkoolee jiran adda baasuuf gaggeeffamu ilaalchisee, qaadhimamaan PhD Yuunivarsiitii Haramaayaa, Dr. Abdii Hassan, qorannoon Godina Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti aanaalee shan irratti gaggeeffamuu ibsanii jiran.
Qorannoon kun jimaan jireenya fi diinagdee hawaasa naannawaa, akkasumas dinagdee biyyaaf gahee olaanaa qabu waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaa kennuuf barbaachisaa ta’uu adda baaheera jedhan.
Dr. Abdii Hassan akka ibsanitti, lafti Harargee bal’ina gahaa kan hin qabneefi ciccitaa ta’uu isaatiin maashinoota qonnaa, keessumaa tiraaktaraa fi dibootiin qotuuf rakkisaa tahuu ibsuun,faallaa kanaatiin baay’inni uummataa dabalaa jiraachuu dubbatu.
Kana keessatti oomishni jimaa madda galii fi jireenyaa hawaasaaf gahee olaanaa qabaachuu qorannoon agarsiiseera jadhuu yaada buufata keenyaaf kennaniin. Haa ta’u malee, kun oomisha jimaa babal’isuu ykn oomisha midhaanii bakka buusuu jachuu osoo hin taane, qonnaan bulaan lafa qabu irratti midhaan nyaataa oomishuu fi jimaa qulqullina isaa mirkanaa’e, keemikaalaa irraa bilisa ta’e wal cinaa oomishuu akka qabu ibsamee jira.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa yeroo jalqabaaf leenjiiwwan akkanaa qopheessuun hubannoo hawaasaa cimsuu fi of-eeggannoo hawaasaa guddisuu keessatti bu’aa olaanaa qabaachuu hirmaattonni leenjichaa ibsaniiru.
Keessumaa, oomisha jimaa keessatti qorichoota keemikaalaa ykn summii sirnaan fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’e rakkoo fayyaa namaa irratti uumamu ilaalchisee hubannoo fi muuxannoo haaraa argachuu isaanii dubbatanii jira.
Leenjichi qonnaan bultoota, ogeessota fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti muuxannoo waljijjiiruu fi odeeffannoo saayinsawaa hawaasa biraan ga’uuf carraa gaarii uumuu isaas hirmaattonni leenjichaa yaada kennaniin ibsanii jiran.
FM HU irraa odeeffanne
Xirroo Media