20/09/2022
"Hundaa ol injifannoo fi jijjiirama biyya keenyaa amma arganne kana wareegama qaqqaalii itti kafallee asiin geenye nageenyi keenya akka boora'u hin barbaannu" kan jedhan yaada dargaggoota Bulchiinsa Magaalaa Galamsoo ti
Fulbaana 10/2015 Ec God/H/Lixaa Bulchiinsa magaalaa Galamsotti dargaggoota magaalaa Hunda waliin haala yeroo irratti mariin geggeeffamaa jira, mariin kun Bakka kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Galamsoo Obbo , I/G W/ra poolisii bulchiinsa magaalaa Galamsoo Enspeektar fi Waajjira Geejjibaa Irraa obbo argamamanitti geggeeffamaa jira.
Dargaggoon jijjiirama kamiiyyuu fiduu keessatti humna guddaadha, biyyi keenya injifannoowwan gurguddoo kan itti argattee fi injifannoo isheetis tursiifachuuf humni kun hundaa ol murteessadha, kanaaf nageenya biyya keenyaa Eegsisuu fi misooma saffisiisaa mirkaneessuu qabdan kan jedhan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Galamsoo Obbo .
Bu'aan kan argamu qindoomuu, wal dhagahuu fi wal utubuudhaan isin dargaggoonni Abbaa biyyaati akkuma jedhamu, Abbaa biyyaa tahuu immoo nageenya biyya keessanii cimtanii kabachiisudhaan waan arganneef leeccallaahuu qabna, kan jedhan I/G W/ra poolisii Enspeektar .
Dargaggoonni kunneen sochii diinagdeen of cimsuu qaba akkuma jedhamu, hojii Baajaj konkolaachisuu irratti bobbaatanii kan jirtan waan taheef, Baajajii keessan hunda karaa Seera tiraafikaa guuttateen tahuu qaba, keessattiyyuu tajaajila boba'aa karaa "TELE BIRR" Qofa fayyadamuu akka qaban yaadachiisaniiru.