Waajjira koominikeeshinii mootummaa Aanaa Gidaamii

Waajjira koominikeeshinii mootummaa Aanaa Gidaamii Govern media

Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii fakkeenyummaa gaarii qabu dalage. (Fulbaana 19/20015, WKAG) Godina Qellem Wallaggaa...
30/09/2023

Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii fakkeenyummaa gaarii qabu dalage.

(Fulbaana 19/20015, WKAG) Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa duula qulqullina magaalaarratti bobba'uun hojii fakkeenyummaa gaarii hojjete.

Aanaa Gidaamiiti kan argamu kutaan waraanaa 82ffaan Iizii giddu galeessaa jalatti kan kan hogganamu gareen Kun hojii nageenya biyyaa kabachiisuu bira darbee hojiilee qulqullinaa faayidaa hawaasaaf qabu uummanni magaalaa Gidaami naannoo qulqullini isaa eegame keessa jiraachuu qaba ejjennoo jedhuun hojii kanarratti kan hirmaatan. Duula kanaanis kosii karaa cina jiru, iddoowwan ija namaa hawwatan tokko tokkoofi mooraa buufata fayyaa Gidaamii keessatti hojii qulqulleessuu raawwatanii jiru.

Ajajaan walii galaa kutaa waraana 82ffaa Koloneel Ayyaaloo Abbabee ibsa Afaan Amaaraatiin kennaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa_ biyya isaatiif lubbuu isaa qaalii kennuurraa eegalee hanga gadi jedhanii hawaasa keessaa bahan tajaajiluutti kan hojjetuudha; gootichi ajjeesuu qofa hin beekuu; akka hawaasni hin miidhamne naannoo isaa qulqulleessuun fayyaan lammiilee akka eegamus gahee isaa nibaha jedhani.

Ittuma fufuun Bulchaan Aanaa Gidaamii obbo Waaqgaarii Dabalaa Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaafi hoggantoota isaanii hojicharratti bobba'an afaanuma walfakkaatuun galateeffatanii hojiin akkasii akka aanaa keenyaatti hinbaratamne; kun immoo agarsiiftuu nageenyi fuula isaa aanaa keenyatti deebifachuuti jedhan.

Garechi dhaadannoowwan adda addaafi sirnoota afaanota garaa garaatiin tokkummaadhaan magaalicha ho'isaniiru.

Manni Maree Aanaa Gidaamii Yaa'ii Ariifachiisaa Geggeesse.Hagayya 24/2015Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Manni...
30/08/2023

Manni Maree Aanaa Gidaamii Yaa'ii Ariifachiisaa Geggeesse.

Hagayya 24/2015

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Manni Maree aanichaa guyyaa har'aa yaa'ii ariifachiisaa taa'e.

Yaa'icharratti karoorri Mana Maree Bulchiinsaa dhiyaachuun hirmaachisummaa isaarratti miseensota mana Maree, koree dhaabbiifi hoggantoota manneen hojii mootummaa aanichaatiin mari'atameera.

Dabalataanis Bara baajeta 2016 tti baajeti aanichaaf ramadame qarshii Mil. 320 kuma 633 fi dhibba 661 akka ta' e Itti gaafatamaan Waajjira Maallaqaa Aanichaa Obbo Biraanuu Fiqaaduu ibsaniiru. Maallaqni waliigalatti qoodame kunis kan Mana Qopheessa Bulchiinsa magaalaa Gidaamiifi Bulchiinsa Magaalaa Qellem kan hammatu yoo ta'u Kana keessaa dhibbeentaa digdamni Pirojektiiwwaniif akka oola jedhameera.

Haaluma walfakkaatuun, Karoorri qaama seera baaftuufi kan seera hiiktuu dhiyaachuu dhabuun immoo hanqina ijoo yaa'ichaa ta'uu miseensotni mana maree dubbatanii jiru. Dhimmi manneen barnootaa barnoota idileen duraa gandoota baadiyyaafi Inisheetiiviin nyaachisa barattootaa akka jajjabeeffamu dhimma xiyyeeffaannoo argachuu qabuudha ibsamee jira

Dhumarratti, Walitti Qabaan Mana Maree Bulchiinsaafi Bulchaan Aanaa Gidaamii Obbo Waaqgaarii Dabalaa yaadaafi gaaffii miseensota yaa'ichaatiin ka'an irratti ibsa kennaniin Bu'uraaleen misoomaa kan guutaman yoo hirmaannaan hawaasaa si'aataan jiraateedha jedhani. Dabalataanis, dhimma nyaachisa barattootaa irratti sadarkaa aanaatti hamma humna aanichaatti baajeti gahaan qoodamee jiraachuu dubbataniiru.

Yaa'ichi ibsa ejjennoo abbaa qabxii shanii dhimmoota haala yeroofi waliigalaa baafachuun sagalee guutuudhaan irratti waliigaluun raggaasisee jira.

Nyaatakoo  boroo kootti!Hagayya 21/2015, GidaamiiHojii qonna magaalaa sagantaa Nyaatakoo  boroo kootti jedhuun vermi kom...
27/08/2023

Nyaatakoo boroo kootti!

Hagayya 21/2015, Gidaamii

Hojii qonna magaalaa sagantaa Nyaatakoo boroo kootti jedhuun vermi kompostiin qophaa'aa jira. Magaalaa Gidaamii ganda 02'tti daawwannaa hojii kan taasisan Itti gaafatamaan Damee Siyaasa Aanaa Gidaamii Obbo Iyyaasuu Raagaafi Itti gaafatamaan Waajira Qonna Aanichaa Obbo Solomoon Magarsaa Hagayya 19, 2015 qe'ee jiraattota magaalattiitti argamuun vermi kompostii daawwatan.

Jiraattuu Magaalaa Gidaamii ganda 02 kan ta'an aadde Taabotee Waaqjiraa vermi kompostii lafa keessa awwaalamu qopheessaa jiraachuu ragaan daawwannicharraa arganne ni addeessa. Sagantaa kanaanis aadde Taaboteen xaa'oo keemikaalaa gatiinisaa dabale bitachuurra kan harkasaaniitiin qophaa'e fayyadamuun kuduraafi muduraa qe'eesaaniitti oomishuuf qophiirra akka jiran dubbatu.

Obbo Iyyaasuun daawwannicha booda yaada kennaniin hojii aadde Taaboteen hojjettan hirmaannaafi fayyadamummaa dubartoonni misoomaafi guddina dinagdee biyyaa keessatti qabaniif agarsiiftuudha jedhani.
Itti gaafatamaan Waaajjira Qonnaa aanichaas hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjechuusaaniif aadde Taabotee galateeffachuun vermi kompostiin akka xaa'oo keemikaalaa kan biyyee nyaatu osoo hin taanee gabbina biyyee kan dabaluudha jechuun dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun, verm kompostiin suuta suuta waggaa sadii hanga afuriitti gara lafaatti akka dabalamu, qabiyyee lafaa kan hi summeessineefi baasii salphaadhaan kan argamu akka ta'e ragaan waaajjira qonna aanichaarraa arganne ifoomseera. Kanaafuu, hawaasni keenya galiisaafi lafasaa qusachuuf vermi kompostiitti madaqee haa hojjetuun dhaamsa oduu keenyaati.

Dirqama ijaarsa biyyaatiif gaheen uummata Oromoo olaanaadha jedhame.Hagayya 7/2015Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii...
13/08/2023

Dirqama ijaarsa biyyaatiif gaheen uummata Oromoo olaanaadha jedhame.

Hagayya 7/2015

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti leenjiin Milishootaa eegalame.

Aanichaatti guyyaa har'aa leenjiin dargaggoota biyyasaanii eeguuf fedhaan gara milishummaatti dabalamaniif bakka Bulchaan Aanichaa Obbo Waaqgaarii Dabalaafi Jilli garee deggersasfi horfoffii godinaa I/G/Liigii Dargaggoo Godina Qellem Wallaggaa Obbo Obsaa Shifarraatiin durfamu jiranitti jalqabame.

Haaluma walfakkaatuun, Bulchaan Aanaa Gidaamii Obbo Waaqgaarii Dabalaa haasaa saaqiinsaa taasisaniin "Dhugaafi haqa waanqabnuuf jabaannee waltaanee gaaffii Oromoo nideebifna; mootummaan krenya harkisaa bal' aa waan ta'eef kanneen bosonatti rakkachaa jiran dargaggoota akka keessaniitiifis akka galanii nuwaliin qabsaa'aniif dhaamsa ergaafii" jechuun ergaa onnachiisaafi tumsaa dabarsanii jiru.

"Dirqama Ijaarsa biyyaatiif gaheen uummata Oromoo olaanaadha," kan jedhan immoo I/G/Liigii Dargaggoota Godinaa Qellem Wallaggaa Obbo Obsaa Shifarraati.

Leenjichi heera mootummaa, leenjii loltummaafi leenjii siyaasaa akka ofkeessaa qabu ibsamuun, dargaggoonni kunniinis, leenjicha haala gaariin naamusa isaa eeganii akka xumuraniifi hubannoo argataniinis cichanii biyyasaanii akka eeggatan waadaa galaniiru.

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Tarsiimoo Muuxannoo Gaggaarii Oomisha  Boqqolloorratti Qonna gannaa Bara 2015/...
13/08/2023

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Tarsiimoo Muuxannoo Gaggaarii Oomisha Boqqolloorratti Qonna gannaa Bara 2015/16 tiin taasifamaa jiru.

Dhugaa Waloo Qabannee Siidaa Seenaa Ijaarra!Hagayya 6/2015Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Leenjiin Miseensa Pa...
12/08/2023

Dhugaa Waloo Qabannee Siidaa Seenaa Ijaarra!

Hagayya 6/2015

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Leenjiin Miseensa Paartiif kennamaa ture Xumurame.

Mata duree Dhugaa Waloo fi Qeenxee, Kalaqa , Ariitii fi Mootummaa Interpireeneraa jedhu irratti leenjiin miseensota Paartiif guyyoota sadi'iif kennamaa ture milkiin goolabamee jira.

Jijjiirama eegalame saffisiisuu fi Addunyaa guddina ariifataa galmeessaa jiru waliin imaluun kan danda'amu haalota duraan turan haaressuu, haaraa kalaquu fi ariitii yeroon gaafatuun hoojechuun milkaa'ina barbaadame abuura. Kunis sirna ijaaraa jirru bu'uura jaabaarra dhaabuuf gahee guddaa gumaacha jedhan Itti aanaa Waajjira Barnootaa Godina Qellem Wallaggaa kan ta'an barsiisaa Dabalaa Bulchaa.

Dhugaa Waloo qabannee siidaa seenaa ijaarra kan jedhan Barsiisaa Dabalaan, Itoopiyaa hundaaf mijoofte bu'uuressuun biyya keenya maqaa gaariin waamsisuuf kutannoon hojjechuu akka qabnu ergaa dabarsaniiru.

Leenjichi arganii dhagahanii bahuu qofa osoo hin taane Jecha gochatti jijjiiruun hojii qabatamaan madaaluun dhimma filannoo hin qabneedha jechuun Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Gidaamii obboo Abbabee Tizaazuu dubbatanii, haala beeknee irratti hojjechuun hudhaawwan hunda injifannee galma Badhaadhinaa dhugoomsuu qabna jedhan. Kanaafis hojiiwwan gara fuulduraatti hojjetamaniif hunduu of qopheessuu akka qabu hirmaattotaaf kallattii kennaniiru.

Hirmaattoonni waltajjichaa yaada kennaniin akka jedhanitti leenjichi dhimma yeroon gaafatuu fi jijjiirama eegalame milkeessuuf shoora olaanaa qaba jechuun akka isaan gammachiise ibsaniiru.

Waldorgommiin shaampiyoonaa mo'aa mo'attoota Oromiyaa marsaa 1ffaan goolabame.Hagayya 6/2015Taphni shaampiyoonaa kilaboo...
12/08/2023

Waldorgommiin shaampiyoonaa mo'aa mo'attoota Oromiyaa marsaa 1ffaan goolabame.

Hagayya 6/2015

Taphni shaampiyoonaa kilaboota Kubbaa Miillaa Bulchiinsa magaalota Oromiyaa gaggeeffamaa ture marsaan jalqabaa guyyaa har'aa goolabame.

Dorgommichi magaalaa Baatuutti taasifamaa kan jiru yoota'u, kilabiin magaalaa Gidaamii garee Bulchiinsa magaalaa Ukkee waliin walmorkii taasisaniin 1:1 xumurame. Taphichi sa'a 4:00 irraa eegalee kan geggeeffame yommuuu ta'u, gareen lachuu morkii cimaa taasisaniin walqixa bahanii jiru.

Haaluma kana fakkaatuun Bulchiinsi magaalaa Gidaamii galchiiwwan 6 fi qabxii 7 walitti qabachuun ramaddicha keessaa sadarkaa 1ffaa bahuun gara liigii Oromiyaatti cehuu iaa mirkaneeffatee jira.

Kanumaan walqabatee garechi tapha gatanii darbuutiif ofqopheessaa akka jiran ragaan gamasii arganne ni calaqqisiisa. Dabalataanis, kilabichi miira gammachuu waliin qooddachaa akka jiran dhaga'ameera.

doolessa 12/20015Barattoota Qormaata Biyyoolessaaf Oorenteeshiniin kennameGodina Qellem wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Bara...
18/07/2023

doolessa 12/20015
Barattoota Qormaata Biyyoolessaaf Oorenteeshiniin kenname
Godina Qellem wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Barattoota Qormaata Biyyoolessaa seensa Yuunbarsitii fudhataniif Oreenteeshinii Gabaabaan kenname.
Qormaatni seensa yuunbarsitii Barattoota Barnoota sadarkaa olaanaa irra jiraniif kennamuuf haal-dureewwan gara garaa gama mootummaafi Ministeera Barnootaan xumuramuu isaa beekamaadha.
Kanuma bu’uureffachuun guyyaa har’aa barattoota Aanaa Keenyaa kan hirmaachise sadarkaa magaalaa Gidaamiitti Oorenteeshinii gabaabaan karaa Waaajjia Manneetii Barnootaa Aanaa Gidaamiitiin kennamaa oolera.
Dhumarrattis barattootni qophii barbaachisu gochuudhaan guyyaa qormaanni itti keennamu akka eeggataniif dhaamsi darbeeraaf.

"Guyyaa seena qabeessa Guyyaa seenaan itti hojjetamu"Adoolessa 10/2015Godinaa Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Hojii g...
17/07/2023

"Guyyaa seena qabeessa Guyyaa seenaan itti hojjetamu"

Adoolessa 10/2015
Godinaa Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Hojii guyyaa tokkotti Biqilaa Ashaaraa Magariisaan miliyoona 500 dhaabuu eegale

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Hojiin sosochii dhaabbii Ashaaraa magariisaa eegalchiisuuf Dubartoota Aanichaa...
15/07/2023

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Hojiin sosochii dhaabbii Ashaaraa magariisaa eegalchiisuuf Dubartoota Aanichaan biqilaan dhaabame.

Dhalootaaf galaa kaa'uun Amalaan Dubartoota keenya biratti beekamaadha waan ta'eef dhaloota egereef haala qilleensaa mijataa Akka argataniif galaa dhalootaaf Ashaaraa ofii kaa'achuuf guyyaa har'aa Dubartoonni Aanaa Gidaamii Biqilaa dhaabuun ifatti eegalchiisan.

Waxabajjii 26, 2015Qormaanni Naannoo Eegalame Godinaa Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Qormaanni Kutaa 8ffaa Eegalame....
03/07/2023

Waxabajjii 26, 2015
Qormaanni Naannoo Eegalame
Godinaa Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti Qormaanni Kutaa 8ffaa Eegalame.
Aanichatti bara kana buufata 3 irratti qormaatichi kennamaa kan jiru yoota'u naamusniifi nageenyi qormaatichaa haala gaariirra kan jiru ta'uun beekameera.

19/06/2023

Address

Gidami

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira koominikeeshinii mootummaa Aanaa Gidaamii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share