16/06/2022
๐๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐'๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐ง๐ข๐ข ๐๐ข ๐๐จ๐๐ก๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐ค๐ค๐๐ ๐๐๐'๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐ง ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐๐ง ......................
๐. ๐๐๐๐ง๐ฌ๐
Daaโimman qaama hawaasaa miidhaa adda addaaf saaxilamtoota (vulrnerable groups) taโan keessaa tokkodha. Sababii umurii isaanii fi bilchina qaamaa fi sammuu gahaa hin qabneef rakkoo hedduuf saaxilamoodha. Kana irraa kan kaโe guddinaa fi fayyummaa qaamaa fi sammuu isaaniif, naamusa gaarii akka horataniif, akkasumas guddina hawaasummaa isaaniitiif, walumaagalatti nageenyaa fi jireenya isaaniitiif yeroo hunda gargaarsaa fi gorsa warraa irra darbee qaama hawaasaa hunda irraa kunuunsaa fi eegumsa addaa barbaadu.
Haa taโu malee yeroo baay'ee hojmaata farra namoomaan, loogiidhaan, barmaatilee hawaasa keessatti dagaageen mirgi namoomaa fi dimokiraasummaa isaanii maatii fi hawaasaa balโaa keessatti akkasumas birookiraasii jiruun balโinaan sarbama. Biyyoota guddachaa jiran keessatti eegumsii fi tajaajilli hawaasummaa daa'immanii gahaan jiraachuu dhabuutti dabalatee gochootnii fi ilaalchotni barmaatilee boodatti hafaa, rakkoon dinagdee fi qaala'iinsa jireenyaa, rakkoon nageenyaa, balaan uumamaa fi rakkoowwan adda addaa biroon nageenyaa fi jireenya daaโimmanii rakkisaa taasisee jira. Kana cinatti ammoo barmaatilee fi gochootni yakkaa daa'imman irratti miidhaa geessisan bal'inaan kan raawwataman ta'uun rakkoo nageenyaa fi jireenya daaโimmanii daran kan hammeessudha. Keessattuu gochootni haala dhokataa ta'een daa'imman irratti raawwataman (kan akka gudeeddii, dhaqna qabaa ijoollee durbaa, umurii gaa'elaaf hin geenyeen fuudhaa fi heeruma raawwachuu fi raawwachiisuu, seeraan ala daa'imman daddabarsuu fi daaโimmaniin daldaluu, yeroo ammaa kana ammoo akka faashiniitti babal'achaa kan dhufe wal-quunnamtii saalaa saala walfakkaataa amala uumamaa fi duudhaa hawaasaaf faallaa ta'e daa'imman irratti (daaโimman dhiiraa irratti) raawwatamu) qorqalbii, guddinaa fi faayyummaa qaamaa fi sammuu, akkasumas abdii egeree daa'immaniif yaaddoo guddaadha. Kanaan walqabatees, daaโimman sababa rakkoo jireenyaa fi miidhaan isaan irra qaqqabeen amala gaarii qaban irraa jijjiiramuun yakkaa fi araada adda addaa keessa yommuu galan ni mulโata. Gama biraatiin ammoo daaโimman miidhaan irratti dhaqqabe miidhaa kana gabaasuuf sodaa qabaachuun isaanii fi yakkoota kanneenis ta'e yakkoota biroo daaโimman irratti raawwataman ittisuu fi saaxiluu keessatti sochii fi hirmaannaan qaamolee garaa garaan taasifamu laafaa ta'uun mirgootaa fi dantaa daaโimmanii kabachiisuu irratti qormaata isa biraati.
Dhimmi daaโimmanii maatii, hawaasaa fi mootummaa bira darbee sadarkaa idil addunyaatti dhimma yaachisaa taโuun waan hubatameef xumura Waraana Addunyaa 2ffaa hordofuudhaan mirgoota namummaa dhala namaa kabachiisuuf mootummoota gamtoomaniin waliigalteewwan (konveenshinootni), labsiilee fi pirotokoolotni adda addaa erga bahaniin booda eegumsaa fi kabajni mirgoota daaโimmanii xiyyeeffannaa adda akka argatu ta'ee jira. Haaluma kanaan mootummoonni hundi mirgoota daaโimmanii haala adda taโeen eegumsa gochuu fi kabachiisuu akka dandahaniif waliigalteewwanii fi seeronni adda addaa sadarkaa addunyaatti mallatteeffamuun hojiirra ooluu dandaโanii jiru. Kanneen keessaas; Konveeshiniin Mirga Daaโimmanii (CRC), Konveenshiniin Daaโimman Dirqiin Hojjechisuu fi Gurguruu Dhabamsiisuu fi Pirotokoliin Filannoo Konveenshinii Mirga Daaโimmanii isaan ijoodha. Sadarkaa ardii Afrikaattis mirgoota daaโimmanii mirkaneessuuf sanadni 'Chaartarii Mirgaa fi Nageenyummaa Daaโimman Afrikaa' jedhu qofaatti bahee jira. Sanadoonni dhimma kabajamuu mirgoota daaโimmanii ilaalchisuun sadarkaa idil addunyaa fi ardiitti addatti bahan kunneenis barmaatilee, hojmaataa fi loogiiwwan mirgoota buโuuraa daaโimmanii sarban kan balaaleffatanii fi dhorkanidha. Biyyi keenyas mirgoota daaโimmanii kabachiisuudhaaf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhattee jirti. Haaluma kanaan dhimmootni dantaa fi mirgoota namummaa fi dimokiraasummaa daaโimmanii ilaallatan haguuggii Heera Mootummaa argachuutti dabalee imaammattoota garaa garaa (kan akka imaammata fayyaa, barnootaa, bulchiinsa haqaa fi kanneen biroo) keessatti akka hammatamu taasifamee jira. Mirgoota daaโimmanii heeraa fi imaammataan wabii argatan hojiirra oolchuu fi kabajamuu isaanii mirkaneessuufis seeronni adda addaa tumamanii; dhaabbilee garaa garaa keessattis hojmaatileen adda addaa diriiranii hojiirra oolaa jiru.
Egaa, mirgoota daaโimmanii wabii seeraa sadarkaa hundatti argatan kabachiisuu fi hojiirra oolchuun qaamolee mootummaa hunda, dhaabbilee mit mootummaa garaa garaa fi hawaasa hunda irraa kan eegamudha. Haa taโu malee mirgoota daaโimmanii heeraa fi seerota adda addaa keessatti mirkanaahan beekanii kabajuu fi kabachiisuu irratti hawaasa balโaa birattis taโe qaamolee mootummaa adda addaa biratti hanqinni hubannoo balโaan waan mulโatuuf eegumsa heeraa fi seeraan daaโimmaniif kenname irratti hubannoo seeraa kennuun dhimma murteessaa taโee argama. Barreeffamni kunis guyyaa kabaja daaโimman Afirikaa bara 2014 ilaalchisuun mirgoota daaโimmanii heera mootummaa fi seerota biyya keenyaa adda addaa keessatti mirkanaaโanii fi qabiyyee isaanii irratti hubannoo kennuudhaan kabajamuu fi hojiirra oolmaa isaanii cimsuuf qophaahee jira.
๐. ๐๐ข๐ข๐ค๐ ๐๐๐'๐ข๐ฆ๐๐: ๐๐๐โ๐ข๐ฆ๐ง๐ข ๐๐๐ง๐ฒ๐ฎ?
Waadaan Mirgoota Daaโimmanii (Convention on the Rights of Child/CRC), seerota idil-addunyaa eegumsaa fi kunuunsa mirgoota daaโimmaniif taasisan keessaa isa olaanaa fi muummee ta'e, hiikkaa jecha โdaaโimaโ jedhuuf kenneen; โnamni kamiyyuu umuriin isaa ykn ishee waggaa 18 gadi taโe/taate', daa'ima akka taโe ibsa.Bifuma walfakkaatuun, biyya keenyattis, Seera Maatii Federaalaa Fooyyaโee fi Seera Maatii Oromiyaa keessatti, daaโimni (minor) eenyu kan jedhuuf hiikkoon kennamee jira. Seerri maatii federaalaa kwt 215 jalatti daaโima jechuun saala kamiyyuu taโee umuriin isaa ykn ishee waggaa 18 gadi kan taโe/taate jechuun hiika. Seerri maatii Oromiyaas kwt 232 jalatti nama gaaโela hin geenye jechuun saalaan osoo adda hin bahiin umuriin isaa waggaa 18 nama hin guunnedha jechuun hiikee jira.
Akka waliigalaatti, daaโimummaan umurii yeroo dhalootaa fi gaโeessummaa giddu jirudha. Kana jechuun, namni umuriin isaa waggaa 18 gadi ta'e daa'ima kan jedhamuu fi nama haala addaan kunuunsa, eegumsaa fi deeggarsa barbaachisaa qaamolee dhimmi ilaallatu hundarraa barbaadudha. Daaโimman sababa umurii, bilchina sammuu fi guddina qaama isaanii irraa kan kaโe gaarii fi hamaa addaa baasanii kan beekan miti.Kana malees daaโimman dhaloota egeree addunyaa kanaa dhaloota harkaa fuuchuun dhaloota dhufuuf dabarsanidha. Kana waan ta'eef karaa maatii, hawaasaa fi mootummaatiin eegumsii fi kunuunsi barbaachisaan daa'immaniif taasifamuufii qaba.
๐. ๐๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐๐ ๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ง ๐๐๐โ๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐ง๐ข๐ข
๐.๐. ๐๐ฐ๐ฐ๐ข๐ฌ๐ ๐๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐โ๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐ง๐ข๐ข ๐๐๐๐ซ๐ ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐๐
๐ ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข
Biyyi keenya yeroo adda addaatti sanadoota kabaja mirga dhala namaa sadarkaa Addunyaa fi ardii Afrikaatti bahan hedduu fudhachuudhaan mallatteessuu bira dabartee mirgootan dhala namummaaf iddoo olaanaa kennuudhaan heera keessatti hammachiiftee jirti. Heerri Mootummaa RDFIs waliigalteewwan addunyaa mirgoota namoomaan wal-qabatanii fi raggaโan qaama seera biyyattii akka taโan tumee jira. Kanaafuu waliigalteewwan biroo adda adda dabalatee waliigalteewwan idil-addunyaa fi ardii mirgoota daaโimmanii Itoophiyaan miseensa taโuun raggaastee jirtu qaama seera biyya keenyaa taโanii jiru. Gama biraan ammoo, heerri RDFI mirgoota namoomaa fi dimookiraasummaa mirkaneessee jira. Buโuuruma kanaan Heerichi daaโimmaniif mirgaa fi eegumsa addaa kennuun mirgoota buโuuraa daaโimmanii kabajamuu qaban haala waliigalaatiin kwt 36 jalatti tumee jira. Akka tumaa heeraa kanaatti;
โ Daaโimman mirga lubbuun jiraachuu; maqaa fi lammummaa argachuu; warra isaanii yookiin namoota mirga seeraan guddisuu qaban beekuu fi kunuunsa isaaniis argachuu qabu.
โ Daaโimman mirga gochaawwan aadaa humna isaanii saamanirraa eegamuu, hojiilee barumsa, fayyummaa fi nageenya isaaniirratti miidhaa dhaqqabsiisan irratti akka hojjetan dirqisiisamuu dhabuu ykn hojjechuurraa eegamuu; manneen barnootaatti ykn dhaabbilee guddisa daaโimmaniitti adaba hammeenyaa fi farra namoomaa qaama irratti raawwatamurraa bilisa taโuu qabu.
โ Tarkaanfiiwwan daaโimman ilaallatan dhaabbilee mootummaa, tola-ooltummaa ykn dhuunfaa, Manneen Murtiitiin, abbootii taayitaa bulchiinsaatiin ykn qaamolee seera baasaniin yeroo fudhatamanitti nageenyummaan daaโimmanii adda durummaan dursee itti yaadamuu fi ilaalamuu qaba.
โ Dargagoonni badii irratti bobbaโan, dhaabbilee sirreessaa ykn deebisanii dhaabuutti argaman, gargaarsa mootummaatiin kan guddatan, dhaabbata mootummaa ykn dhuunfaa kan daaโimman warri irraa duโan guddisu keessatti argaman namoota gurguddaarraa adda bahanii qabamuu qabu.
โ Fuudhaa fi heerumaan alatti ijoolleen dhalatan fuudhaa fi heeruma keessatti kan dhalatan wajjin mirga wal qixa taโe qabu.
โ Mootummaan daaโimman abbaan ykn haati, ykn lamaanuu irraa duโaniif eegumsa addaa taasisuu fi dhaabbilee haala daaโimman guddifachaan ittiin guddatan mijeessanii fi babalโisan, akkasumas nageenyaa fi barnoota isaanii adeemsisan akka hundeeffaman jajjabeessuu qaba.
Buโuura tumaa waliigalaa heera mootummaa kanaan seeronni bahan hedduunis mirgoota daaโimmanii mirkaneessanii argamu. Akka fakkeenyaattis seera maatii, seera yakkaa, seera dhaalaa, seera bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa, seera hojjetaa fi hojjechiisaa, seera hojjetoota mootummaa fi kkf kaasuun ni dandaโama.
๐.๐. ๐๐๐ฃ๐๐๐ฅ๐ญ๐จ๐จ๐ฐ๐ฐ๐๐ง ๐๐ฎโ๐ฎ๐ฎ๐ซ๐๐ ๐๐๐ ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐ ๐๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐โ๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐ง๐ข๐ข
Eegumsi heeraa fi seeraa mirgoota daaโimmanii qajeeltoowwan buโuuraa guguddoo afur armaan gadii buโuura kan godhatedha.
3.2.1. Qajeeltoo Loogii Irraa Bilisa Taโuu
Qajeeltoon loogii irraa bilisa taโuu kun mirgoota daaโimmanii beekamtii fi eegumsa buโuura seeraa argatan hojiirra oolchuu keessatti akka qajeeltoo jalqabaatti kan gargaarudha. Daaโimmanis dhala namaa waan taโaniif, mirgoonni namoomaa hundi isaaniifis raawwatamummaa ni qabaatu. Kanaaf haala kamiiniyyuu daaโimman irratti loogii gochuun dhorkaadha.
Mootummaan seerota loogii dhala namaa gidduutti uuman, daaโimman dabalatee, maqsuu fi seerotni garaagarummaa fidanis akka hin baane gochuu fi qabatamaanis walqixxummaa kabajuu fi kabachiisuuf dirqama qaba. Kana malees, daaโimman qomoon, amantiin, afaaniin, bifaan, saalaan, sabummaan, miidhaa qaamaan ykn ulaagaalee biroo kamiiniyyuu loogii fi garaagarummaan irratti taasifamuu hin qabu. Kanumaafidha, Heera Mootummaa FDRI fi Naannoo Oromiyaa kwt 36 (2) jalatti, daaโimman fuudhaa fi heerumaa alatti dhalatanis kanneen fuudhaa fi heerumarraa dhalatan waliin mirga walqixa taโe qabu jechuun kan tumameef.
3.2.2. Qajeeltoo Dantaa Olaanaa Daaโimmanii
Qajeeltoon dantaa olaanaa daaโimmanii (the best interest of the child) gochaaleen daaโimman ilaallatan yommuu raawwataman xiyyeeffannoon dursaa fi olaanaan daaโimmaniif kennamuu akka qabu dirqisiisa.Kunis qaamoleen mootummaas taโe miti mootummaa dantaa fi mirga daaโimmanii kabachiisan dursa kennuu kan qaban mirgaa fi nageenya guddina egeree daaโimmaniif taโuu akka qabudha. Heera Mootummaa Feederaalaa fi Naannoo keenyaa keessattis dursi dantaa daaโimmaniif kennamuu akka qabu ifatti hammatamee jira. Kanaaf maatiin, hawaasni, dhaabbileen mootummaa ykn dhaabbileen tola ooltummaa, qaamoleen haqaa, qaamoleen bulchiinsaa ykn qaamoleen seera baasan gochaaleen daaโimman ilaallatan yommuu raawwataman dantaa daaโimmaniif dursa kennuu qabu.
3.2.3. Qajeeltoo Mirga Lubbuun Jiraachuu fi Misoomuu
Qajeeltoon mirga lubbuun jiraachuu fi misoomuu daaโimmanii mirga uumamaan daaโimni tokko qabudha. Kanaaf mirgi lubbuun jiraachuu daaโimmanii qabatamaan xiyyeeffannoo olaanaan kennameefii hojiirra ooluu qaba. Akka qajeeltoo kanaatti, mirgi lubbuun jiraachuu daaโimmanii haala kaminiyyuu daangeffamuu kan hin dandeenye akka taโedha. Kunis Waadaa Mirgoota Daaโimmanii adda addaa fi seerota yakkaa biyyootaa keessatti beekamtii argateera. Seerri yakkaa biyya keenyaas, kwt 117(1) jalatti, yeroo gochi yakkaa raawwatametti umuriin himatamaa waggaa 18 hin guutne taanaan adabbiin duโaa itti hin murtaaโu jechuun murtiin duโaa daaโimman irratti murtaaโuu akka hin qabne ifatti tumeera. Kanumaan walqabatee, seerri kun kwt 119 jalatti adabbiin duโaa dubartii ulfaa irratti kan murtaaโe yoo taโes, hanga dubartiin kun haala akkasii keessaa baatutti adabbiin kun dhorkamee turuu akka qabu ni tuma. Kana malees, kwt 120(1) jalatti dubartiin kun daaโima lubbuu qabu kan deessee fi daaโima kanas sooruu fi guddisuun yoo ishee irra jiraate, adabbiin duโaa ishee irratti raawwatamuun hafee gara hidhaa cimaa umurii guutuutti jijjiiramuufii akka qabu kaaโa.
Gama biraatiin qajeeltoon kun, daaโimman haala gaarii fi olaanaa taโe keessatti akka guddatan akeeka. Kun ammoo wantoota barbaachisoo fi murteessoo taโan guutuu gaafata. Fakkeenyaaf, daaโimman haala gaarii fi olaanaa keessatti guddachuuf, nyaata gahaa fi madaalawaa taโe argachuu fi nyaachuu akka qaban, kunuunsaa fi eegumsa yaala fayyaa argachuu, akkasumas miidhaa garaagaraa irraa eegamuuf mana jireenyaa fi uffata argachuu qabu. Haalota kana guutuuf ammoo dirqamni akka waliigalaatti qaama mootummaa fi dhuunfaa irratti kan gatame yoo taโes, hangafummaan dirqamichaa maatii irratti kan gatamu taโuu seerota dhimmichaaf rogummaa qaban kan akka seera maatii irraa hubachuun ni dandaโama.
3.2.4. Qajeeltoo Kabaja Ilaalcha Daaโimmanii
Qajeeltoon kun daaโimman dantaalee fi mirgoonni isaanii akka kabajamanii fi hojiirra oolaniif, qaama dhimmi ilaallatutti โ qaama bulchiinsaas taโe qaama aangoo abbaa seerummaa qabutti (mana murtiitti) โ dhiyaachuun yaadaa fi fedhii isaanii ibsachuuf mirga kan qaban ta'uu fi mirgi kunis kabajamuufii akka qabu kan agarsiisudha. Kanaaf, sirna haqaa keessatti sirni qajeeltoo kabaja ilaalcha daaโimmaniif iddoo olaanaa kennu diriirfamuun sirni daaโimman itti dhagahamanii fi murtii saffisaa argachuu dandaโan mijataan jiraachuu qaba. Daaโimman dhimma dantaa isaanii ilaallatu hundumaa keessatti yaada isaanii kennuuf ykn dhagahamuuf dandeettii ni qabu jedhamee tilmaamni fudhatamuu qaba. Akka kanaan, daaโimman yaada isaanii yommuu dhiyeeffatan ykn dhagahaman dandeettii isaanii mirkaneessuuf hin dirqaman jechuudha. Mana Murtiis haa taโu qaamni mootummaa kamiyyuu dantaa daaโimmanii irratti yommuu murtii kennu ykn tarkaanfii fudhatu akka qajeeltootti daaโimman yaada isaanii kennuuf dandeettii ni qabu jedhee tilmaamuu fi fudhachuu qaba. Qajeeltoon kun bulchiinsa maatii keessatti marii fi murtii taasifamu keessatti daaโimman hirmaachisuu fi yaadni isaanii akka dhagahamu gochuus ni dabalata.
Kutaa 2ffaan itti fufa. Kutaa kana keessatti barmaatilee fi gochoota daa'imman irratti miidhaa geessisanii fi itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisan kan isiniif dhiyeessinu ta'a. Nagaa argadhaa, nagaan turaa!
___________________
๐๐๐๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐ฅ๐๐ง๐ ๐๐ ๐๐๐ง๐๐ ๐๐ข๐ฆ๐๐ข๐ข
๐๐๐ฑ๐๐๐๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐, ๐๐๐๐