Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii Kenna tajaajila haqaa, olaantummaa seeraa fi seerota irratti hubannoo fi odeeffannoo hawaasaa cimsuu.

๐–๐š๐š'๐ž๐ž ๐Œ๐š๐ง๐š ๐‡๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐€๐›๐›๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐ง๐ ๐š๐š ๐€๐š๐ง๐š๐š ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข

Akkaataa heera mootummaa naannoo Oromiyaa fooyyaโ€™ee bahe labsii lakk 46/1994 kwt 45, 46 fi 47tiin mootummaan naannoo Oromiyaa aangoo seera baasuu, seera raawwaachiisuu fi seera hiikuu heeraan kennameef buโ€™uureffachuun, kan heeraan taa'e akkuma jirutti ta'ee, qaamolee mootummaa fi caasaalee adda addaa hundeessuunii fi gahee fi aangoo isaanii murteessu

un hojii isaanii akka bahaatan taasisaa tureera, taasisaas jira. Buโ€™uuruma kanaan qaamolee seera raawwaachiiftuu mootummaa seeraan hundaa'uun aangoon keenameefii caasaan isaaniis hanga Aanaatti diriiree hojjechaa jiran keessaas labsii lakk. 2014/2011tiin irra deebiin bifa haaraan gurmaaโ€™ee kan hundaa'e Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa isa tokkodha. Aangoo fi gaheen Mana Hojichaaf seeraan kenname bal'aa ta'us hojii ijoon Mana Hojichaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi mirkaneessuu, mirgoonni namoomaa fi dimokiraasii lammiileen heeraa fi seeraan goonfatan kabachiisuudha. Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa itti gaafatamummaa fi gahee hojii seeraan kennameef bahachuu fi hojiirra oolchuuf, akkasumas tajaajila kennu dhaqqabamaa taasisuuf bu'uura caaseffama bulchiinsaa heeraan taa'ee fi labsii lakk. 2014/2011tiin sadarkaa Aanaatti caasaa qabaachuu qaba. Haaluma kanaan hojiiwwan Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa fi akka waliigalaattis hojiiwwan olaantummaa seeraa mirkaneessuu sadarkaa Aanaatti hojjetamuu qaban hojjechuu fi tajaajila haqaa dhiyeenyaan uummataaf kennuuf sadarkaa Aanaaleetti Manni Hojii Abbaa Alangaa akka hundaa'u ta'eera. Akka Bulchiinsa Aanaa Gimbiittis Manni Hojii Abbaa Alangaa hundaa'ee hojii bal'aa hojjechaa tureera, hojjechaas jira. Haalli gurmaa'inaa, hundeeffamaa, hojmaataa fi raawwii hojii Mana Hojii Abbaa Alangaa akka waliigaala naannoo Oromiyaattis ta'e akka Aanaa Gimbiitti bara 1986 irraa eegalee yommuu ilaalamu seenaa dheeraa kan qabuu fi bu'aa bahii hedduu kan keessummeesse ta'ee argama. Haa ta'uutii ammaaf seenaa Mana Hojichaa asitti tarreessuun mijataa ta'uu baatus muraasa gabaabinaan tuquun ni danda'ama. Manni Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii kanaan dura (bara 1998 irraa eegalee hanga bara 2011tti) Waajjira Haqaa jedhamee waamamaa kan turee fi caasaa Biiroo Haqaa Oromiyaa sadarkaa Aanaa ta'uudhaan labsiiwwan gurmaaโ€™ina, gahee fi aangoo qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin hundeessuuf bahaa turan - labsii lakk.105/1998, labsii lakk.132/2000, labsii lakk.160/2003, labsii lakk.163/2003 fi labsii lakk.199/2008 - keessatti gahee fi aangoo hojii Biirichaaf kenname galmaan gaโ€™uuf hojjechaa kan turedha. Bara 2011 irraa eegalee ammoo bu'uura labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hundeesuuf bahe labsii lakk. 2014/2011tiin Mana Hojii Abbaa Alangaa jedhamuun kaayyowwan Heeraa fi sirna Heeraa kabajuu fi kabachiisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, seera yakkaa kabachiisuu, dantaa hariiroo hawaasaa mootummaa fi uummataa kabachiisuu jedhan qabatee bifa haaraan gurmaaโ€™ee hojjechaa jira. Akkaataa labsii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin gurmeessuu fi gahee fi aangoo isaanii murteessuuf bahe lakk.213/2011, kwt 66 (4)tiin itti waamamni Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii Mana Maree Bulchiinsa Aanichaa fi Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaatiifidha. Akkasumas labsii lakk.213/2011, kwt 62 (1)(g) jalatti Itti Gaafatamaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa miseensa Mana Maree Bulchiinsa Aanichaa ta'uun kaa'amee jira. Haa ta'u malee haalli muudama hooggansa Mana Hojichaa kan hooggansa Manneen Hojii qaama raawwachiistuu mootummaa biroo irraa addadha. Kunis, akkaataa labsii lakk. 213/2011, kwt 62 (7) fi Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa lakk. 218/2013, kwt 23(1)tiin Itti Gaafatamaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa, Abbaa Alangaa Waliigalaatiin dhiyaatee Gumii Waliigalaa Bulchiinsa Abbootii Alangaatiin kan muudamu taโ€™uu isaati. Itti waamamni isaas Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Itti Gaafatamaa dhiyoo isaatiif (Itti Gaafatamaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Godinaaf) akka ta'e Dambii lakk. 218/2013, kwt 23(1) jalatti kaa'ameera. Madda galii ilaalchisee Manni Hojichaa baajata mootummaa karaa Mana Maree Bulchiinsa Aanichaatiin ramadamuufiin kan buludha. Gama humna namaatiin Manni Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii Itti Gaafatamaa fi Abbootii Alangaa Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa lakk.218/2013 tiin bulanii, fi hojjattoota bulchiinsaa biroo akkaataa seera bulchiinsa hojjattoota mootummaa labsii lakk.215/2013 tiin bulaniin kan gurmaa'edha. Akkaataa caasaa Mana Hojichaatti baay'inni humna namaa hayyamame 37 (Abbaa Alangaa 20 fi hojjettoota bulchiinsaa Siivil Servaantii 17)dha. Haa ta'u malee yeroo ammaa kana baayโ€™inni humna namaa Manni Hojichaa qabu 18 (Abbootii Alangaa 9 fi hojjetoota bulchiinsaa 9) qofaadha. Akka waliigalaatti Manni Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii hundeeffama isaarraa eegalee bu'aa bahii fi rakkoolee garaa garaa keessa darbaa hojii bal'aa hojjechaa har'a gahee jira. Ammas taanaan rakkoo baajetaa, loojistikii fi hanqina humna namaa jiru cinatti rakkoolee fi hanqinoota garaa garaa alaa fi keessaan mul'atan dandamachaa hawaasaa fi qaamolee mootummaa Bulchiinsa Aanaa Gimbii fi Bulchiinsa Magaalaa Gimbii tajaajilaa jira.

๐„๐ซ๐ ๐š๐ฆ๐š (๐Œ๐ข๐ฌ๐ฌ๐ข๐จ๐ง)

Namoota heeraa fi seera darbanii fi gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa fi haqa qabeessa taโ€™e itti kennisiisuun olaantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu, dantaa hariiroo hawaasaa uummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa taโ€™e galmeessuu, hubannoo seeraa hawaasichaa gabbisuu, seerotni bifa wal fakkaatuun hojii irra akka oolan taasisuu.

๐Œ๐ฎ๐ฅโ€™๐š๐ญ๐š (๐•๐ข๐ฌ๐ข๐จ๐ง)

Tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuun sirna haqaa amantaa uummataa horate uumuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu.

๐Š๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ (๐Œ๐š๐ข๐ง ๐Ž๐›๐ฃ๐ž๐œ๐ญ๐ข๐ฏ๐ž)

โ€ข Heeraa fi sirna Heeraa kabajuu fi kabachiisuu,
โ€ข Olaantummaa seeraa mirkaneessuu,
โ€ข Seera yakkaa kabachiisuu,
โ€ข Dantaa hariiroo hawaasaa mootummaa fi uummataa kabachiisuu

๐ƒ๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž (๐‚๐จ๐ซ๐ž ๐•๐š๐ฅ๐ฎ๐ž๐ฌ)

โ€ข Olaantummaa seeraa
โ€ข Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
โ€ข Bilisummaa ogummaa
โ€ข Itti gaafatamummaa
โ€ข Iftoomina
โ€ข Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
โ€ข Fakkeenyummaa
โ€ข Hirmaachisummaa
โ€ข Tajaajila gahumsa qabu kennuu
โ€ข Jijjiiramaaf qophaaโ€™uu fi hojjechuu
โ€ข Beekumsaa fi amantaan hoogganuu
โ€ข Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
โ€ข Aadaa gareen hojjechuu

Teessoo:
Magaalaa Gimbii, Ganda 02, Naannoo Maalifuu
Bil. 057-771-0717
https://m.facebook.com/mhojiiaalangaa.agimbii
Email: [email protected]

๐—ฆ๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ ๐—˜๐—ฒ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚ ๐—ณ๐—ถ ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ๐—ป ๐—ฌ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐— ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—น๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐˜๐˜๐—ถ ๐——๐—ต๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜‚ Maaloo dubbisaatii qoodaa! (Please read and share it!)
16/06/2023

๐—ฆ๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ ๐—˜๐—ฒ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚ ๐—ณ๐—ถ ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ๐—ป ๐—ฌ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐— ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—น๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐˜๐˜๐—ถ ๐——๐—ต๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜‚

Maaloo dubbisaatii qoodaa! (Please read and share it!)

๐—ฆ๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ ๐—˜๐—ฒ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚ ๐—ณ๐—ถ ๐—ข๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ๐—ป ๐—ฌ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐— ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—น๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐˜๐˜๐—ถ ๐——๐—ต๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜‚ Kabajamtoota hordoftootaa fi hawaasa Godina keenyaa akkam jirtu? Yer...

09/10/2022

แ‹จแŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แ‰ฅแˆญ แŠฅแŠ“ แ‹จแ‹แŒญ แˆ€แŒˆแˆญ แŒˆแŠ•แ‹˜แ‰ฅแŠ• แ‹ญแ‹ž แˆ˜แŒˆแŠ˜แ‰ต/แˆ›แ‹˜แ‹‹แ‹ˆแˆญ แ‹ซแˆˆแ‹ แ‹จแˆ•แŒ แ‰ฐแŒ แ‹ซแ‰‚แАแ‰ต แˆ€แŒˆแˆซแ‰ฝแŠ• แŠ แŠ•แ‹ฐแˆŒแˆŽแ‰ฝ แˆ€แŒˆแˆซแ‰ต แŒˆแŠ•แ‹˜แ‰ฅ แ‹จแŠขแŠฎแŠ–แˆšแ‹‹ แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต แˆ†แŠ– แ‹จแˆšแ‹ซแŒˆแˆˆแŒแˆแŠ“ แ‹ญแˆ…แŠ•แŠ• แ‹แˆตแŠ• แ‹จแˆ€.....

๐๐š๐›๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž ๐‹๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข ๐๐ฎ๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐๐จ๐ซ๐ข๐œ๐ก๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐๐š๐ก๐ž (๐‹๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข ๐‹๐š๐ค๐ค. ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ)................๐‚๐จ๐ง๐ญ๐ž๐ง๐ญ ๐จ๐Ÿ ๐€ ๐๐ซ๐จ...
03/10/2022

๐๐š๐›๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž ๐‹๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข ๐๐ฎ๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐๐จ๐ซ๐ข๐œ๐ก๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐๐š๐ก๐ž (๐‹๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข ๐‹๐š๐ค๐ค. ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ)................
๐‚๐จ๐ง๐ญ๐ž๐ง๐ญ ๐จ๐Ÿ ๐€ ๐๐ซ๐จ๐œ๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง ๐“๐จ ๐๐ซ๐จ๐ฏ๐ข๐๐ž ๐…๐จ๐ซ ๐…๐จ๐จ๐ ๐š๐ง๐ ๐Œ๐ž๐๐ข๐œ๐ข๐ง๐ž ๐€๐๐ฆ๐ข๐ง๐ข๐ฌ๐ญ๐ซ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง (๐๐ซ๐จ๐œ.๐๐จ. ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ)
____________________

Labsiin kun nyaata, qoricha, meeshaalee yaalaa, meeshaalee miidhaginaa fi oomisha tamboo gabaaf dhiyeessuu ykn karaa biraa kamiinuu uummatni akka itti fayyadamuuf afeeruu ilaalchisee, akkasumas oomishaalee fi meeshaalee dheedhii biroo tumaalee labsichaa ilaallatan irratti raawwatiinsa kan qabudha. Labsichi keewattoota 74 fi kutaalee gurguddoo 9 tti qoodamee kan tumamedha.

Kutaa 1ffaan labsichaa (kwt 1-3) tumaalee waliigalaa kan ilaallatu yoo ta'u kunis mata duree labsichaa, hiikoo fi daangaa raawwatiinsa labsichaa hammata. Kutaa 2ffaan (kwt 4) qaamolee raawwachiistuu adda durummaan labsicha hojiirra oolchanii fi aangoo, gahee hojii fi itti gaafatamummaa isaanii irratti kan xiyyeeffatudha. Kutaa 3ffaan, kwt 5-18, bulchiinsa nageenya nyaataa ilaallata. Akka kanaan, dhaabbanni nyaata tajaajila uummataaf oolu dhiyeessu kamiyyuu nageenya nyaatichaa mirkaneessuu qabu. Nageenyii fi eegumsi nyaataaf taasifamus gosaa fi balaa nyaatichi fayyaa namaa irratti dhaqqabsiisuu danda'u irratti kan bu'uureffate ta'uu qaba. Dhaabbileen daldala nyaataa galmaahuu qabu. Akkasumas dhaabbileen nyaata oomishanii fi daldalan adeemsa nyaata ykn oomishaalee nyaataa oimishuu qopheessuu, kuusuu fi geejibsiisuu ulaagaalee eegumsa nageenya nyaataa kabajuu qabu. Nyaatni biyya alaatii galus ta'e biyya alaatti ergamu ulaagaalee eegumsa nageenya nyaataa guutuutu irra jiraata. Dhaabbilee nyaataa hunda keessatti oomishni nyaataa sirna toโ€™annoo qulqullinaa keessa darbuu qaba. Kanaan walqabatees, labsichi nyaata dabalataaf, galteewwan nyaataaf (wantoota nyaatatti dabalamaniif), golgaa nyaataaf, carara (irradiation) fi foormulaawwan nyaata daa'immaniif sadarkaaleen to'annoo qulqullinaa akka diriirfaman ka'a. Kana malees bulchiinsi nageenya nyaataa to'annoo nageenya bishaanii fi dhugaatiiwwan alkoolii irratti taasifamus kan dabalatudha.

Kutaa 4ffaan, kwt 19-45, bulchiinsa meeshaalee yaalaa fi meeshaalee miidhaginaa ilaallata. Kunis itti fayyadama qorichaa, seeraan ala oomishuu, qoricha farra ilbiisoota fayyaa hawaasaa, fi kanneen biroo of keessatti qabata. Kutaa 5ffaan, kwt 46-52, to'annoo tamboo fi oomishaalee kanaan walqabatan kan ilaalu yoo ta'u akka kanaan tamboo fi oomishaalee tamboon walqabatan oomishuuf, fichisiisuuf, jumlaan raabsuu fi tamsaasuuf hayyamni addaa kennamuu qaba. Kutaa 6ffaan, kwt 53-62, saamsaa fi qarqaaba oomishaa, baarreffama ibsituu wa'ee oomishaa, beeksisaa fi leellisa oomishaa (advertising & promoting), hojii tumsa taasisuu (sponsorship) fi dhorkaawwan kanaan walqabatan ilaallata. Kutaan kun dhimmoota maqaa fi sadarkaa qulqullina oomishaa ilaallatan irratti gochoota sobaa, gowwoomsuu fi waliindhahuu kamiyyuu akka hin raawwatamne dhorka. Dabalataanis, miidiyaa fi bakeewwan uummataaf ifa ta'anitti dhugaatiiwwan alkoolii, tamboo fi oomishaalee tamboo beeksisuu fi leellisuu kan dhorkudha. Kana malees, namoota dhugaatiiwwan alkoolii fi tamboon itti gurguramuu hin qabnee fi bakkeewwan dhugaatiiwwan alkoolii fi tamboo itti gurguun, raabsuun, fayyadamuu fi ispoonsera ta'uun hin danda'amne adda baasee daangessuun dhorkaa kan kaa'udha.

Kutaa 7ffaan, kwt 63-64, aangoo, hojii fi dirqama to'attootaa (inspeektarootaa) kan ibsudha. Kutaa 8ffaan, kwt 65-67, tarkaanfiiwwan bulchiinsaa fi gochoota gaafatamummaa yakkaa hordofsiisan irratti xiyyeeffata. Akkaatuma kanaan tumaaleen kwt 65 fi 66 tarkaanfiwwan bulchiinsaa fudhatamuu qabanii fi haala tarkaanfii bulchiinsaa fudhatamu irratti komiin dhiyaachuu danda'u kan ibsan yoo ta'u tumaan kwt 67 ammoo gochoota yakkaan gaafachiisan tarreessuun adabbii isaanii waliin kan kaa'udha.

Kutaan xumuraa labsichaa, kutaa 9ffaan (kwt 68-74), tumaalee adda addaa kan of jalatti qabatudha. Kutaan xumuraa kun haala oomishni tajaajilaaf hin oolle itti qabamuu fi dhabamsiifamu, haala qabiinsa ragaa, seerota haqaman, dambii fi qajeelfama labsicha hojiirra oolchuuf gargaaru eenyu baasuu akka qabu kan ibsudha. Kutaa kana jalatti, aangoo fi hojiiwwan to'annoo fi hordoffii Biirolee Fayyaa Naannolee fi Inistiitiyuushinii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaaf dabarfamanii fi Ministeera Fayyaa ilaallatanii fi, tumaalee ce'umsaa kaa'mee jira. Xumura irrattis dhimmootni muraasni dhugaatii alkoolii fi tamboon walqabatan guyyaa labsichi ragga'e Guraandhala 21/2011 (February 28/2019) irraa eegalanii ji'a 3 hanga 12 booda hojiirra kan oolan ta'uu fi tumaaleen labsichaa biroon garuu guyyuma labsichi ragga'e irraa eegalanii raawwatiinsa kan qaban ta'uun tumamee jira.

Yeroo ammaa kana labsichi hojiirra kan jirudha. Kana waan taโ€™eef caalmaatti labsicha argachuun qabiyyee isaa hubachuuf akka isin gargaaruuf labsicha fuula Teelegiraamii keenyarratti isiniif dhiyeessinee jirra. Buufadhaa, dubbisaa, hubadhaa, waliif qoodaa, walhubachiisaa!

๐‹๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข ๐‹๐š๐ค๐ค. ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ: ๐‹๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข ๐๐ฎ๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐๐จ๐ซ๐ข๐œ๐ก๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐๐š๐ก๐ž ................. ๐....

29/09/2022
๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ƒ๐š๐š'๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐†๐จ๐œ๐ก๐จ๐จ๐ญ๐š ๐˜๐š๐ค๐ค๐š๐š ๐ƒ๐š๐š'๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐ง ......................๐Ÿ. ๐’๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐šDaaโ€™imman qaama haw...
16/06/2022

๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ƒ๐š๐š'๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐†๐จ๐œ๐ก๐จ๐จ๐ญ๐š ๐˜๐š๐ค๐ค๐š๐š ๐ƒ๐š๐š'๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐ง ......................
๐Ÿ. ๐’๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š

Daaโ€™imman qaama hawaasaa miidhaa adda addaaf saaxilamtoota (vulrnerable groups) taโ€™an keessaa tokkodha. Sababii umurii isaanii fi bilchina qaamaa fi sammuu gahaa hin qabneef rakkoo hedduuf saaxilamoodha. Kana irraa kan kaโ€™e guddinaa fi fayyummaa qaamaa fi sammuu isaaniif, naamusa gaarii akka horataniif, akkasumas guddina hawaasummaa isaaniitiif, walumaagalatti nageenyaa fi jireenya isaaniitiif yeroo hunda gargaarsaa fi gorsa warraa irra darbee qaama hawaasaa hunda irraa kunuunsaa fi eegumsa addaa barbaadu.

Haa taโ€™u malee yeroo baay'ee hojmaata farra namoomaan, loogiidhaan, barmaatilee hawaasa keessatti dagaageen mirgi namoomaa fi dimokiraasummaa isaanii maatii fi hawaasaa balโ€™aa keessatti akkasumas birookiraasii jiruun balโ€™inaan sarbama. Biyyoota guddachaa jiran keessatti eegumsii fi tajaajilli hawaasummaa daa'immanii gahaan jiraachuu dhabuutti dabalatee gochootnii fi ilaalchotni barmaatilee boodatti hafaa, rakkoon dinagdee fi qaala'iinsa jireenyaa, rakkoon nageenyaa, balaan uumamaa fi rakkoowwan adda addaa biroon nageenyaa fi jireenya daaโ€™immanii rakkisaa taasisee jira. Kana cinatti ammoo barmaatilee fi gochootni yakkaa daa'imman irratti miidhaa geessisan bal'inaan kan raawwataman ta'uun rakkoo nageenyaa fi jireenya daaโ€™immanii daran kan hammeessudha. Keessattuu gochootni haala dhokataa ta'een daa'imman irratti raawwataman (kan akka gudeeddii, dhaqna qabaa ijoollee durbaa, umurii gaa'elaaf hin geenyeen fuudhaa fi heeruma raawwachuu fi raawwachiisuu, seeraan ala daa'imman daddabarsuu fi daaโ€™immaniin daldaluu, yeroo ammaa kana ammoo akka faashiniitti babal'achaa kan dhufe wal-quunnamtii saalaa saala walfakkaataa amala uumamaa fi duudhaa hawaasaaf faallaa ta'e daa'imman irratti (daaโ€™imman dhiiraa irratti) raawwatamu) qorqalbii, guddinaa fi faayyummaa qaamaa fi sammuu, akkasumas abdii egeree daa'immaniif yaaddoo guddaadha. Kanaan walqabatees, daaโ€™imman sababa rakkoo jireenyaa fi miidhaan isaan irra qaqqabeen amala gaarii qaban irraa jijjiiramuun yakkaa fi araada adda addaa keessa yommuu galan ni mulโ€™ata. Gama biraatiin ammoo daaโ€™imman miidhaan irratti dhaqqabe miidhaa kana gabaasuuf sodaa qabaachuun isaanii fi yakkoota kanneenis ta'e yakkoota biroo daaโ€™imman irratti raawwataman ittisuu fi saaxiluu keessatti sochii fi hirmaannaan qaamolee garaa garaan taasifamu laafaa ta'uun mirgootaa fi dantaa daaโ€™immanii kabachiisuu irratti qormaata isa biraati.

Dhimmi daaโ€™immanii maatii, hawaasaa fi mootummaa bira darbee sadarkaa idil addunyaatti dhimma yaachisaa taโ€™uun waan hubatameef xumura Waraana Addunyaa 2ffaa hordofuudhaan mirgoota namummaa dhala namaa kabachiisuuf mootummoota gamtoomaniin waliigalteewwan (konveenshinootni), labsiilee fi pirotokoolotni adda addaa erga bahaniin booda eegumsaa fi kabajni mirgoota daaโ€™immanii xiyyeeffannaa adda akka argatu ta'ee jira. Haaluma kanaan mootummoonni hundi mirgoota daaโ€™immanii haala adda taโ€™een eegumsa gochuu fi kabachiisuu akka dandahaniif waliigalteewwanii fi seeronni adda addaa sadarkaa addunyaatti mallatteeffamuun hojiirra ooluu dandaโ€™anii jiru. Kanneen keessaas; Konveeshiniin Mirga Daaโ€™immanii (CRC), Konveenshiniin Daaโ€™imman Dirqiin Hojjechisuu fi Gurguruu Dhabamsiisuu fi Pirotokoliin Filannoo Konveenshinii Mirga Daaโ€™immanii isaan ijoodha. Sadarkaa ardii Afrikaattis mirgoota daaโ€™immanii mirkaneessuuf sanadni 'Chaartarii Mirgaa fi Nageenyummaa Daaโ€™imman Afrikaa' jedhu qofaatti bahee jira. Sanadoonni dhimma kabajamuu mirgoota daaโ€™immanii ilaalchisuun sadarkaa idil addunyaa fi ardiitti addatti bahan kunneenis barmaatilee, hojmaataa fi loogiiwwan mirgoota buโ€™uuraa daaโ€™immanii sarban kan balaaleffatanii fi dhorkanidha. Biyyi keenyas mirgoota daaโ€™immanii kabachiisuudhaaf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhattee jirti. Haaluma kanaan dhimmootni dantaa fi mirgoota namummaa fi dimokiraasummaa daaโ€™immanii ilaallatan haguuggii Heera Mootummaa argachuutti dabalee imaammattoota garaa garaa (kan akka imaammata fayyaa, barnootaa, bulchiinsa haqaa fi kanneen biroo) keessatti akka hammatamu taasifamee jira. Mirgoota daaโ€™immanii heeraa fi imaammataan wabii argatan hojiirra oolchuu fi kabajamuu isaanii mirkaneessuufis seeronni adda addaa tumamanii; dhaabbilee garaa garaa keessattis hojmaatileen adda addaa diriiranii hojiirra oolaa jiru.

Egaa, mirgoota daaโ€™immanii wabii seeraa sadarkaa hundatti argatan kabachiisuu fi hojiirra oolchuun qaamolee mootummaa hunda, dhaabbilee mit mootummaa garaa garaa fi hawaasa hunda irraa kan eegamudha. Haa taโ€™u malee mirgoota daaโ€™immanii heeraa fi seerota adda addaa keessatti mirkanaahan beekanii kabajuu fi kabachiisuu irratti hawaasa balโ€™aa birattis taโ€™e qaamolee mootummaa adda addaa biratti hanqinni hubannoo balโ€™aan waan mulโ€™atuuf eegumsa heeraa fi seeraan daaโ€™immaniif kenname irratti hubannoo seeraa kennuun dhimma murteessaa taโ€™ee argama. Barreeffamni kunis guyyaa kabaja daaโ€™imman Afirikaa bara 2014 ilaalchisuun mirgoota daaโ€™immanii heera mootummaa fi seerota biyya keenyaa adda addaa keessatti mirkanaaโ€™anii fi qabiyyee isaanii irratti hubannoo kennuudhaan kabajamuu fi hojiirra oolmaa isaanii cimsuuf qophaahee jira.

๐Ÿ. ๐‡๐ข๐ข๐ค๐š ๐ƒ๐š๐š'๐ข๐ฆ๐š๐š: ๐ƒ๐š๐šโ€™๐ข๐ฆ๐ง๐ข ๐„๐ž๐ง๐ฒ๐ฎ?

Waadaan Mirgoota Daaโ€™immanii (Convention on the Rights of Child/CRC), seerota idil-addunyaa eegumsaa fi kunuunsa mirgoota daaโ€™immaniif taasisan keessaa isa olaanaa fi muummee ta'e, hiikkaa jecha โ€˜daaโ€™imaโ€™ jedhuuf kenneen; โ€˜namni kamiyyuu umuriin isaa ykn ishee waggaa 18 gadi taโ€™e/taate', daa'ima akka taโ€™e ibsa.Bifuma walfakkaatuun, biyya keenyattis, Seera Maatii Federaalaa Fooyyaโ€™ee fi Seera Maatii Oromiyaa keessatti, daaโ€™imni (minor) eenyu kan jedhuuf hiikkoon kennamee jira. Seerri maatii federaalaa kwt 215 jalatti daaโ€™ima jechuun saala kamiyyuu taโ€™ee umuriin isaa ykn ishee waggaa 18 gadi kan taโ€™e/taate jechuun hiika. Seerri maatii Oromiyaas kwt 232 jalatti nama gaaโ€™ela hin geenye jechuun saalaan osoo adda hin bahiin umuriin isaa waggaa 18 nama hin guunnedha jechuun hiikee jira.

Akka waliigalaatti, daaโ€™imummaan umurii yeroo dhalootaa fi gaโ€™eessummaa giddu jirudha. Kana jechuun, namni umuriin isaa waggaa 18 gadi ta'e daa'ima kan jedhamuu fi nama haala addaan kunuunsa, eegumsaa fi deeggarsa barbaachisaa qaamolee dhimmi ilaallatu hundarraa barbaadudha. Daaโ€™imman sababa umurii, bilchina sammuu fi guddina qaama isaanii irraa kan kaโ€™e gaarii fi hamaa addaa baasanii kan beekan miti.Kana malees daaโ€™imman dhaloota egeree addunyaa kanaa dhaloota harkaa fuuchuun dhaloota dhufuuf dabarsanidha. Kana waan ta'eef karaa maatii, hawaasaa fi mootummaatiin eegumsii fi kunuunsi barbaachisaan daa'immaniif taasifamuufii qaba.

๐Ÿ‘. ๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐ƒ๐š๐šโ€™๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข

๐Ÿ‘.๐Ÿ. ๐”๐ฐ๐ฐ๐ข๐ฌ๐š ๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ƒ๐š๐šโ€™๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐‡๐ž๐ž๐ซ๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐‘๐ƒ๐…๐ˆ ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข

Biyyi keenya yeroo adda addaatti sanadoota kabaja mirga dhala namaa sadarkaa Addunyaa fi ardii Afrikaatti bahan hedduu fudhachuudhaan mallatteessuu bira dabartee mirgootan dhala namummaaf iddoo olaanaa kennuudhaan heera keessatti hammachiiftee jirti. Heerri Mootummaa RDFIs waliigalteewwan addunyaa mirgoota namoomaan wal-qabatanii fi raggaโ€™an qaama seera biyyattii akka taโ€™an tumee jira. Kanaafuu waliigalteewwan biroo adda adda dabalatee waliigalteewwan idil-addunyaa fi ardii mirgoota daaโ€™immanii Itoophiyaan miseensa taโ€™uun raggaastee jirtu qaama seera biyya keenyaa taโ€™anii jiru. Gama biraan ammoo, heerri RDFI mirgoota namoomaa fi dimookiraasummaa mirkaneessee jira. Buโ€™uuruma kanaan Heerichi daaโ€™immaniif mirgaa fi eegumsa addaa kennuun mirgoota buโ€™uuraa daaโ€™immanii kabajamuu qaban haala waliigalaatiin kwt 36 jalatti tumee jira. Akka tumaa heeraa kanaatti;

โ€” Daaโ€™imman mirga lubbuun jiraachuu; maqaa fi lammummaa argachuu; warra isaanii yookiin namoota mirga seeraan guddisuu qaban beekuu fi kunuunsa isaaniis argachuu qabu.
โ€” Daaโ€™imman mirga gochaawwan aadaa humna isaanii saamanirraa eegamuu, hojiilee barumsa, fayyummaa fi nageenya isaaniirratti miidhaa dhaqqabsiisan irratti akka hojjetan dirqisiisamuu dhabuu ykn hojjechuurraa eegamuu; manneen barnootaatti ykn dhaabbilee guddisa daaโ€™immaniitti adaba hammeenyaa fi farra namoomaa qaama irratti raawwatamurraa bilisa taโ€™uu qabu.
โ€” Tarkaanfiiwwan daaโ€™imman ilaallatan dhaabbilee mootummaa, tola-ooltummaa ykn dhuunfaa, Manneen Murtiitiin, abbootii taayitaa bulchiinsaatiin ykn qaamolee seera baasaniin yeroo fudhatamanitti nageenyummaan daaโ€™immanii adda durummaan dursee itti yaadamuu fi ilaalamuu qaba.
โ€” Dargagoonni badii irratti bobbaโ€™an, dhaabbilee sirreessaa ykn deebisanii dhaabuutti argaman, gargaarsa mootummaatiin kan guddatan, dhaabbata mootummaa ykn dhuunfaa kan daaโ€™imman warri irraa duโ€™an guddisu keessatti argaman namoota gurguddaarraa adda bahanii qabamuu qabu.
โ€” Fuudhaa fi heerumaan alatti ijoolleen dhalatan fuudhaa fi heeruma keessatti kan dhalatan wajjin mirga wal qixa taโ€™e qabu.
โ€” Mootummaan daaโ€™imman abbaan ykn haati, ykn lamaanuu irraa duโ€™aniif eegumsa addaa taasisuu fi dhaabbilee haala daaโ€™imman guddifachaan ittiin guddatan mijeessanii fi babalโ€™isan, akkasumas nageenyaa fi barnoota isaanii adeemsisan akka hundeeffaman jajjabeessuu qaba.

Buโ€™uura tumaa waliigalaa heera mootummaa kanaan seeronni bahan hedduunis mirgoota daaโ€™immanii mirkaneessanii argamu. Akka fakkeenyaattis seera maatii, seera yakkaa, seera dhaalaa, seera bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa, seera hojjetaa fi hojjechiisaa, seera hojjetoota mootummaa fi kkf kaasuun ni dandaโ€™ama.

๐Ÿ‘.๐Ÿ. ๐๐š๐ฃ๐ž๐ž๐ฅ๐ญ๐จ๐จ๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐๐ฎโ€™๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š๐š ๐„๐ž๐ ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ƒ๐š๐šโ€™๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข

Eegumsi heeraa fi seeraa mirgoota daaโ€™immanii qajeeltoowwan buโ€™uuraa guguddoo afur armaan gadii buโ€™uura kan godhatedha.

3.2.1. Qajeeltoo Loogii Irraa Bilisa Taโ€™uu

Qajeeltoon loogii irraa bilisa taโ€™uu kun mirgoota daaโ€™immanii beekamtii fi eegumsa buโ€™uura seeraa argatan hojiirra oolchuu keessatti akka qajeeltoo jalqabaatti kan gargaarudha. Daaโ€™immanis dhala namaa waan taโ€™aniif, mirgoonni namoomaa hundi isaaniifis raawwatamummaa ni qabaatu. Kanaaf haala kamiiniyyuu daaโ€™imman irratti loogii gochuun dhorkaadha.

Mootummaan seerota loogii dhala namaa gidduutti uuman, daaโ€™imman dabalatee, maqsuu fi seerotni garaagarummaa fidanis akka hin baane gochuu fi qabatamaanis walqixxummaa kabajuu fi kabachiisuuf dirqama qaba. Kana malees, daaโ€™imman qomoon, amantiin, afaaniin, bifaan, saalaan, sabummaan, miidhaa qaamaan ykn ulaagaalee biroo kamiiniyyuu loogii fi garaagarummaan irratti taasifamuu hin qabu. Kanumaafidha, Heera Mootummaa FDRI fi Naannoo Oromiyaa kwt 36 (2) jalatti, daaโ€™imman fuudhaa fi heerumaa alatti dhalatanis kanneen fuudhaa fi heerumarraa dhalatan waliin mirga walqixa taโ€™e qabu jechuun kan tumameef.

3.2.2. Qajeeltoo Dantaa Olaanaa Daaโ€™immanii

Qajeeltoon dantaa olaanaa daaโ€™immanii (the best interest of the child) gochaaleen daaโ€™imman ilaallatan yommuu raawwataman xiyyeeffannoon dursaa fi olaanaan daaโ€™immaniif kennamuu akka qabu dirqisiisa.Kunis qaamoleen mootummaas taโ€™e miti mootummaa dantaa fi mirga daaโ€™immanii kabachiisan dursa kennuu kan qaban mirgaa fi nageenya guddina egeree daaโ€™immaniif taโ€™uu akka qabudha. Heera Mootummaa Feederaalaa fi Naannoo keenyaa keessattis dursi dantaa daaโ€™immaniif kennamuu akka qabu ifatti hammatamee jira. Kanaaf maatiin, hawaasni, dhaabbileen mootummaa ykn dhaabbileen tola ooltummaa, qaamoleen haqaa, qaamoleen bulchiinsaa ykn qaamoleen seera baasan gochaaleen daaโ€™imman ilaallatan yommuu raawwataman dantaa daaโ€™immaniif dursa kennuu qabu.

3.2.3. Qajeeltoo Mirga Lubbuun Jiraachuu fi Misoomuu

Qajeeltoon mirga lubbuun jiraachuu fi misoomuu daaโ€™immanii mirga uumamaan daaโ€™imni tokko qabudha. Kanaaf mirgi lubbuun jiraachuu daaโ€™immanii qabatamaan xiyyeeffannoo olaanaan kennameefii hojiirra ooluu qaba. Akka qajeeltoo kanaatti, mirgi lubbuun jiraachuu daaโ€™immanii haala kaminiyyuu daangeffamuu kan hin dandeenye akka taโ€™edha. Kunis Waadaa Mirgoota Daaโ€™immanii adda addaa fi seerota yakkaa biyyootaa keessatti beekamtii argateera. Seerri yakkaa biyya keenyaas, kwt 117(1) jalatti, yeroo gochi yakkaa raawwatametti umuriin himatamaa waggaa 18 hin guutne taanaan adabbiin duโ€™aa itti hin murtaaโ€™u jechuun murtiin duโ€™aa daaโ€™imman irratti murtaaโ€™uu akka hin qabne ifatti tumeera. Kanumaan walqabatee, seerri kun kwt 119 jalatti adabbiin duโ€™aa dubartii ulfaa irratti kan murtaaโ€™e yoo taโ€™es, hanga dubartiin kun haala akkasii keessaa baatutti adabbiin kun dhorkamee turuu akka qabu ni tuma. Kana malees, kwt 120(1) jalatti dubartiin kun daaโ€™ima lubbuu qabu kan deessee fi daaโ€™ima kanas sooruu fi guddisuun yoo ishee irra jiraate, adabbiin duโ€™aa ishee irratti raawwatamuun hafee gara hidhaa cimaa umurii guutuutti jijjiiramuufii akka qabu kaaโ€™a.

Gama biraatiin qajeeltoon kun, daaโ€™imman haala gaarii fi olaanaa taโ€™e keessatti akka guddatan akeeka. Kun ammoo wantoota barbaachisoo fi murteessoo taโ€™an guutuu gaafata. Fakkeenyaaf, daaโ€™imman haala gaarii fi olaanaa keessatti guddachuuf, nyaata gahaa fi madaalawaa taโ€™e argachuu fi nyaachuu akka qaban, kunuunsaa fi eegumsa yaala fayyaa argachuu, akkasumas miidhaa garaagaraa irraa eegamuuf mana jireenyaa fi uffata argachuu qabu. Haalota kana guutuuf ammoo dirqamni akka waliigalaatti qaama mootummaa fi dhuunfaa irratti kan gatame yoo taโ€™es, hangafummaan dirqamichaa maatii irratti kan gatamu taโ€™uu seerota dhimmichaaf rogummaa qaban kan akka seera maatii irraa hubachuun ni dandaโ€™ama.

3.2.4. Qajeeltoo Kabaja Ilaalcha Daaโ€™immanii

Qajeeltoon kun daaโ€™imman dantaalee fi mirgoonni isaanii akka kabajamanii fi hojiirra oolaniif, qaama dhimmi ilaallatutti โ€” qaama bulchiinsaas taโ€™e qaama aangoo abbaa seerummaa qabutti (mana murtiitti) โ€” dhiyaachuun yaadaa fi fedhii isaanii ibsachuuf mirga kan qaban ta'uu fi mirgi kunis kabajamuufii akka qabu kan agarsiisudha. Kanaaf, sirna haqaa keessatti sirni qajeeltoo kabaja ilaalcha daaโ€™immaniif iddoo olaanaa kennu diriirfamuun sirni daaโ€™imman itti dhagahamanii fi murtii saffisaa argachuu dandaโ€™an mijataan jiraachuu qaba. Daaโ€™imman dhimma dantaa isaanii ilaallatu hundumaa keessatti yaada isaanii kennuuf ykn dhagahamuuf dandeettii ni qabu jedhamee tilmaamni fudhatamuu qaba. Akka kanaan, daaโ€™imman yaada isaanii yommuu dhiyeeffatan ykn dhagahaman dandeettii isaanii mirkaneessuuf hin dirqaman jechuudha. Mana Murtiis haa taโ€™u qaamni mootummaa kamiyyuu dantaa daaโ€™immanii irratti yommuu murtii kennu ykn tarkaanfii fudhatu akka qajeeltootti daaโ€™imman yaada isaanii kennuuf dandeettii ni qabu jedhee tilmaamuu fi fudhachuu qaba. Qajeeltoon kun bulchiinsa maatii keessatti marii fi murtii taasifamu keessatti daaโ€™imman hirmaachisuu fi yaadni isaanii akka dhagahamu gochuus ni dabalata.

Kutaa 2ffaan itti fufa. Kutaa kana keessatti barmaatilee fi gochoota daa'imman irratti miidhaa geessisanii fi itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisan kan isiniif dhiyeessinu ta'a. Nagaa argadhaa, nagaan turaa!
___________________
๐–๐š๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐ง๐ ๐š๐š ๐€๐š๐ง๐š๐š ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข
๐–๐š๐ฑ๐š๐›๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข ๐ŸŽ๐Ÿ—, ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’

Qajeelfama To'annoo Qulqullina Galtee Simmintoo fi Oomisha Simmintoo Ministeera Albuudaatiin Bahe.......แˆ˜แˆ˜แˆชแ‹ซ แ‰. 890-2014...
13/06/2022

Qajeelfama To'annoo Qulqullina Galtee Simmintoo fi Oomisha Simmintoo Ministeera Albuudaatiin Bahe.......
แˆ˜แˆ˜แˆชแ‹ซ แ‰. 890-2014 : แ‹จแˆฒแˆšแŠ•แ‰ถ แŒแ‰ฅแŠ แ‰ต แŠฅแŠ“ แ‹จแˆฒแˆšแŠ•แ‰ถ แˆแˆญแ‰ต แŒฅแˆซแ‰ตแŠ• แˆˆแˆ˜แ‰†แŒฃแŒ แˆญ แ‰ แˆ›แ‹•แ‹ตแŠ• แˆšแŠ’แˆตแ‰ดแˆญ แ‹จแ‹ˆแŒฃ

12/06/2022
โ„น๏ธ๐‡๐ฎ๐›๐š๐ง๐ง๐จ๐จ๐Ÿ: ๐†๐จ๐ซ๐ฌ๐š ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐š๐š๐ฌ๐šGorsa seeraa murteessaa fi sochii jiruu fi jireenyaa keessatti nama fayyadan...
03/06/2022

โ„น๏ธ๐‡๐ฎ๐›๐š๐ง๐ง๐จ๐จ๐Ÿ: ๐†๐จ๐ซ๐ฌ๐š ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐š๐š๐ฌ๐š

Gorsa seeraa murteessaa fi sochii jiruu fi jireenyaa keessatti nama fayyadan muraasa kanneen quba qabaadhaa.
โ˜ž Ofii keessan, maatii, qabeenyaa fi hojii keessan gocha hamaa ta'ee fi itti gaafatamummaa seeraa fidu irraa eegaa.
โ˜ž Waliigaltees ta'e sanada barreeffamaa kamiinuu osoo sirriitti hin hubatiinii fi galagalcha isaa harkatti hin galfatiin hin mallatteessinaa.
โ˜ž Hanga danda'ametti waliigaltee yommuu raawwattan, keessattuu hangi maallaqa isaa qarshii 500.00 ol yoo ta'e, barreeffamaan ragaa biratti taasisaa.
โ˜ž Dhimma tokko irratti ajajuuf, gaafachuuf, raawwachuuf ykn raawwachiisuuf dursa mirga qabaachuu keessan mirkaneeffadhaa. Ragaa ykn haayyama kana gochuu kan isin dandeessisu (abbaa mirgaa ta'uu keessan ykn aangoo qabaachuu keessan ibsu) of harkaa qabaadhaa, sirnaanis qabadhaa.
โ˜ž Gochi yakkaa namoota biroo irratti, ollaa, naannoo ykn bakka hojii keessanitti yommuu raawwatamu qaamolee seeraaf odeeffannoo kennuun qoratamee seeratti akka dhiyaatuuf deeggaraa. Osoo argitanii, dhageessanii yoo callistan babal'achaa deemuun bor iftaan mataa keessan irratti ykn maatii ykn qabeenya keessan irratti raawwaatamuun isaa hin oolu.
โ˜ž Dhimma hariiroo hawaasaa furmaata seeraa barbaadu himachuufis ta'e deebii kennuuf falmii Mana Murtii dhaquun duratti maatii keessan ykn waahiloota hojii ykn miseensota dhaabbata keessanii fi ogeessa seeraa hayyama qabu (Abukaatoo) waliin mari'adhaa.
โ˜ž Nama yakkaan miidhamee falmatee beenyaa gaafatachuuf humna hin qabne, qaama miidhamaa, daa'imman abbaa fi haadha hin qabne, dubartootaa fi namoota dadhaboo harka qalleeyyii mirgaa fi faayidaa isaanii kabachiifachuu kan hin dandeenye ta'anii dhimma hariiroo hawaasaatiin furmaata seeraa barbaadu kan qaban yoo ta'e ammoo ulaagaa barbaachisu guutuudhaan Waajjirri Abbaa Alangaa akka falmuufiif iyyata itti dhiyeeffachuu danda'u. Dabalataanis tajaajilli deggarsa seeraa bilisaa akka kennamuufiif Abukaatota dhuunfaas ta'e qaamolee tajaajila seeraa bilisaa kennan biroof gaaffii dhiyeessuun deggarsa argachuu danda'u.

Hubadhaa, wal hubachiisaa!

Nagaan oolaa!
____________________
๐–๐š๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐ง๐ ๐š๐š ๐€๐š๐ง๐š๐š ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข
๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ”/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’

โ„น๏ธ ๐—ค๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฑ๐˜‚๐˜‚ ๐—Ÿ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ?๐๐š๐ฃ๐ž๐ž๐ฅ๐Ÿ๐š๐ฆ๐š ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข ๐‡๐จ๐จ๐ ๐ ๐š๐ง๐ฌ๐š ๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐ฆ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐‡๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐๐š๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š ๐ƒ๐ž๐ž๐›๐ข๐ข๐ง ๐…...
27/05/2022

โ„น๏ธ ๐—ค๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฑ๐˜‚๐˜‚ ๐—Ÿ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ?
๐๐š๐ฃ๐ž๐ž๐ฅ๐Ÿ๐š๐ฆ๐š ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข ๐‡๐จ๐จ๐ ๐ ๐š๐ง๐ฌ๐š ๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐ฆ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐‡๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐๐š๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š ๐ƒ๐ž๐ž๐›๐ข๐ข๐ง ๐…๐จ๐จ๐ฒ๐ฒ๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐๐š๐ก๐ž ๐‹๐š๐ค๐ค. ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’
Hiituu (liinkii) kana ๐Ÿ‘‰ https://bit.ly/3wVMHHL irraa dubbisuu yookiiin buufachuu dandeessu.

๐๐š๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐๐š๐ซ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐’๐š๐๐š๐ซ๐ค๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š ๐€๐๐ข๐ฏ๐ž๐ž๐ง๐ญ๐ข๐ฌ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข๐Ÿ ๐‡๐ฎ๐›๐š๐ง๐ง๐จ๐จ๐ง ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Š๐ž๐ง๐ง๐š๐ฆ๐ž(๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ–/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’)_________________...
26/05/2022

๐๐š๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐๐š๐ซ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐’๐š๐๐š๐ซ๐ค๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š ๐€๐๐ข๐ฏ๐ž๐ž๐ง๐ญ๐ข๐ฌ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข๐Ÿ ๐‡๐ฎ๐›๐š๐ง๐ง๐จ๐จ๐ง ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Š๐ž๐ง๐ง๐š๐ฆ๐ž
(๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ–/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’)
____________________
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii mata duree "๐Œ๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ƒ๐š๐š'๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข, ๐๐š๐š๐ซ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข๐ฅ๐ž๐ž ๐Œ๐ข๐ข๐๐ก๐š๐š ๐†๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ฌ๐š๐ง๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐†๐จ๐œ๐ก๐จ๐จ๐ญ๐š ๐˜๐š๐ค๐ค๐š๐š ๐ƒ๐š๐š'๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐ง ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐ง" jedhu irratti Barattoota Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii Sadarkaa 2ffaaf hubannoo kenne.

Barumsi hubannoo seeraa kenname kunis gama tokkoon barattootni mirgoota daa'immanii heeraa fi seerota biyya keenyaa keessatti eegumsi taasifameef beekuun, akkasumas barmaatilee fi gochoota fayyaa, nageenya, qorqalbii fi jireenya daa'immanii irratti miidhaa geessisuun rakkoolee garaa garaaf isaan saaxilanii fi gaafatamummaa yakkaa hordofsiisan hubachuudhaan kabajamuu mirgoota daa'immanii mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qabanii fi isaanirraa eegamu akka bahatan gochuuf; gama biraan ammoo sirna baruu fi barsiisuu keessattis ta'e maatii fi hawaasa isaanii keessatti gochoota yakkaarraa of qusachuun naamusaa fi amala gaarii gonfatanii barnoota isaaniitti akka xiyyeeffataniif jajjabeessuu kan kaayyeffatedha.

๐„๐ซ๐ ๐š๐š ๐–๐š๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐ข๐œ๐ก๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐๐š๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š๐š๐Ÿ

Kutaa hawaasaa keessaa bal'inaan gochoota yakkaa kan raawwatanis ta'e gochoota yakkaa raawwatamaniin kan miidhaman namoota umuriin isaanii gaa'elaaf hin geenyedha. Namootni kunneen sirnaan guddachuu fi barachuu kan barbaadan ta'uutti dabalee umurii barnootaa keessatti kan argamanii fi qabatamaanis dhaabbilee barnootaa adda addaa keessa kan jiranidha. Kutaan hawaasaa kun baay'een isaanii sababa umuriitiin bilchina sammuu fi guddina qaamaa gahaa akka hin qabnetti kanneen tilmaamamanidha. Sababa kanaaf maatii irra darbee qaama hawaasaa, dhaabbilee fi qaamolee miti mootummaa fi mootummaa hunda irraa eegumsaa fi deggarsa addaa barbaadu.

Gama kanaan gaheen Waajjira Abbaa Alangaa kutaan hawaasaa kunneen yakka yommuu raawwatan seeratti dhiyeessuu qofa osoo hin taane mirgaa fi faayidaan isaanii akka kabajamuufis gama yakkaa fi hariiroo hawaasaatiin hojii tajaajila seeraa kennuu fi hojii hubannoo seeraa cimsuu hojjechuudhaan deggarsa taasisuudha. Kanaafuu dhaabbilee fi manneen barnootaa Aanaa Gimbii fi Magaalaa Gimbii keessatti argamtan biroonis mata dureewwan seeraa garaa garaa irratti barattootni hubannoo akka argataniif haala mijeessuudhaan sagantaa qabattanii yoo nu quunnamtan ogeessota keenya erginee hubannoo kennuuf qophii ta'uu keenya isin hubachiifna.

๐‘ซ๐’‰๐’‚๐’๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‰๐’–๐’ƒ๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’๐’‚๐’‚๐’Ž๐’–๐’”๐’‚๐’‚๐’˜๐’‚๐’‚ ๐’Ž๐’Š๐’“๐’ˆ๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’…๐’Š๐’“๐’’๐’‚๐’Ž๐’‚ ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’†๐’† ๐’š๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’†๐’‡๐’‡๐’‚๐’•๐’–๐’– ๐’‡๐’Š ๐’”๐’‚๐’‚๐’™๐’Š๐’๐’– ๐’˜๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’ ๐’‰๐’‚๐’‚ ๐’Š๐’‹๐’‚๐’‚๐’“๐’“๐’–!

โ„น๏ธ ๐๐ฎ ๐๐ฎ๐ฎ๐ง๐ง๐š๐ฆ๐š๐š
๐Ÿ“Œ Teessoo: Magaalaa Gimbii, Ganda 02, Naannoo Maalifuu
โ˜Ž๏ธ Bil. 057-771-0717
๐Ÿ“ง Email: [email protected]

โ„น๏ธ ๐๐ฎ ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š
โ˜ž Facebook: https://m.facebook.com/mhojiiaalangaa.agimbii
โ˜ž Twitter: https://m.twitter.com/a_alangaa_ag
โ˜ž Instagram: https://www.instagram.com/abbaa.alangaa_ag
____________________
๐–๐š๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐ง๐ ๐š๐š ๐€๐š๐ง๐š๐š ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข
๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ–/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’

๐Ž๐๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐š๐š: ๐‡๐ข๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง ๐›๐š๐๐ก๐š๐š๐๐ก๐ข๐ง๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ฆ๐š๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž๐Ÿ ๐š๐ซ๐ ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฒ๐š๐š๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฒ๐š๐ค๐ค๐š ๐ก๐š๐ง๐ง๐š๐š ๐ซ๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐ž ๐ก๐ข๐๐ก๐š๐š๐ง ๐š๐๐š๐›๐š๐ฆ๐ž.(๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ/...
21/05/2022

๐Ž๐๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐š๐š:
๐‡๐ข๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง ๐›๐š๐๐ก๐š๐š๐๐ก๐ข๐ง๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ฆ๐š๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž๐Ÿ ๐š๐ซ๐ ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฒ๐š๐š๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฒ๐š๐ค๐ค๐š ๐ก๐š๐ง๐ง๐š๐š ๐ซ๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐ž ๐ก๐ข๐๐ก๐š๐š๐ง ๐š๐๐š๐›๐š๐ฆ๐ž.
(๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’)
________________________
Dargaggeessi maqaan isaa Galataa Taaddalee jedhamu Caamsaa 07/2014, waaree booda tilmaamaan saโ€™a 12:00 irratti Godina Wallagga Lixaa, Magaalaa Gimbii, Ganda 04, bakka addaa naannoo Hoteela Faamilii jedhamu dugda duubatti mooraa mana jireenyaa miidhamaa maqaan isaa Gammachiis Lammeessaa jedhamu keessaa qabeenyaa miidhamaa kanaa kophee miillaa cimdii tokko, bifti isaa diimaa bukkee irraan halluu adiin bocamee fi barreeffama Puumaa (PUMA) jedhu ofirraa qabuu fi lakkoofsi isaa 41 (afurtamii tokko) ta'ee fi tilmaama qarshii 1,100.00 (kuma tokkoo fi dhibba tokko) baasu bakka miicamee fannifamee jiruu jalaa hatee fudhatee erga deemeen booda qabeenya mataa isaa taasisuun guyyaa gaafa 07/09/2014 waaree booda tilmaamaan saโ€™a 12:30 irratti Magaalaa Gimbii, Ganda 04, Hoteela Affiniitii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Taammiruu Tasfaayee jedhamutti qarshii 500.00'n kan gurgurate yoo ta'u hordoffii taasifameen battaluma sanatti qabamee Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Gimbiitti dhiyaachuun galmeen qorannaa irratti hundaa'eera.

Qorannaa geggeeffameenis dhimmi isaa ragaadhaan qulqullaahee erga xumurameen booda Abbaan Alangaa galmee qorannichaa irratti murtii kenneen himatamaan badhaadhina hin malleef argachuuf yaaduun qabeenya nama biroo hatee fudhateera jechuun badii raawwateef seeraan akka gaafatamuuf Caamsaa 12/2014 Seera Yakkaa bara 1996 bahe kwt 665 (1) jalatti himata irratti hundeessee Mana Murtii Aanaa Gimbiitti dhiyeesseera.

Haaluma kanaan, guyyuma kana himatamaan Mana Murtiitti dhiyaatee eenyummaan isaa erga adda baheen booda himannicha hubachuu isaa, mormiis kan irraa hin qabnee fi ofiin kan falmatu ta'uu ibsuun adeemsi falmii kan eegaledha. Jecha amantaa fi waakkii gaafatameenis gocha yakkaa ittiin himatame akkaataa himata dhiyaateen raawwachuu isaa haala itti raawwate waliin ibsuun guutummaan guutuutti amanuun balleessaa kooti jedhee jira. Manni Murtichaas yaada Abbaan Alangaa bu'uura SDFY kwt 134(1)tiin murtiin balleessummaa akka itti kennamu jechuun dhiyeesse fudhachuun ragaa dhagahuun osoo isa hin barbaachisiin buโ€™uuruma jecha amantaa himatamaatiin himatamaan gocha yakka hannaan gaafachiisu waan raawwateef balleessaa qaba jechuun murtii balleessummaa kennee jira. Itti aansuunis Manni Murtichaa yaada adabbii bitaa fi mirgaan dhiyaate erga dhagaheen booda bu'uura qajeelfama sirna adabbiitiin murtii adabbii kenneera. Murtii adabbii kenneenis himatamaa ni barsiisa, kanneen biroofis fakkeenya ni ta'a jechuun himatamaan hidhaa salphaa waggaa tokkoo fi ji'a saddeetiitiin akka adabamu murteesseera.

Egaa, dargageessi humnaa fi dandeettii qabuun hojjetee nyaachuu fi jiraachuu osoo danda'uu gocha hannaa raawwachuun seeraan kan gaafachiisu ta'uutti dabalee hawaasa keessattis gocha fokkataa nama qaanessudha. Bu'aan karaa dalgaa qalbii namaa faala; kanaanis shakkamanii qabamuu fi himatamanii adabamuun bilisummaa uumamaan namni qabu nama jalaa daangessa.

Nagaan Oolaa!
________________________
๐–๐š๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐ง๐ ๐š๐š ๐€๐š๐ง๐š๐š ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข
๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ‘/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’

๐–๐š๐ฅ๐ญ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐‡๐ฎ๐›๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐‡๐จ๐จ๐ ๐ ๐š๐ง๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐‡๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐‚๐ข๐ฆ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐†๐ž๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž(๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’)____________________Waajjirri...
19/05/2022

๐–๐š๐ฅ๐ญ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐‡๐ฎ๐›๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐‡๐จ๐จ๐ ๐ ๐š๐ง๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐‡๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐‚๐ข๐ฆ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐†๐ž๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž
(๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’)
____________________
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii Waajjira Bulchiinsa Aanichaa waliin qindoomuun mata dureewwan "๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐Š๐ž๐ง๐ง๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐“๐š๐ฃ๐š๐š๐ฃ๐ข๐ฅ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐๐š๐š๐ฆ๐ฎ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐†๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐‡๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š" jedhan irratti, bakka Bulchaa Itti Aanaan Aanichaa Obbo Shaafee Alamuu argamanitti hooggansaa fi hojjettoota mootummaa seektaroota Manneen Hojii Aanichaaf hubannoo kenne. Bulchaa Itti Aanaan Aanichaa waltajjii hubannoo cimsuu geggeffame irratti argaman haasaa saaqinsaa taasisuun kan jalqabsiisan yoo ta'u bakka bu'aan Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gimbiis, Obbo Gannatii Bantii, kaayyoo fi barbaachisummaa waliigalaa leenjichaa hirmaattotaaf ibsanii jiru. Itti fufuudhaanis, mata dureewwan lamaan irratti barreeffamni hubannoo cimsuuf qophaahe walduraa dubaan hirmaattotaaf dhiyaatee jira.

Barreeffamoota hubannoo cimsuuf dhiyaatan lamaan irrattis ibsi bal'aan erga taasifameen booda bakka bu'aan Waajjirichaa fi Bulchaa Itti Aanaan Aanichaa wal duraa duubaan ergaa xumuraa fi kallattii fuula duraa dabarsanii jiru.

Mata duree sirna kenniinsa tajaajilaa jedhu irratti barreeffamni qophaahee fi hubannoon kenname hooggansii fi hojjetootni manneen hojii mootummaa Aanichaa maalummaa fi barbaachisummaa maamilaa, tajaajilaa fi kenniinsa tajaajilaa; gosoota, amaloota, qajeeltowwan bu'uuraa, ulaagaalee fi safartuulee kenniinsa tajaajilaa; akkasumas maloota kenniinsa tajaajila qulqullina qabuuf dandeessisanii fi akkaataa qabiinsa abbootii dhimmaa irratti beekumsaa fi hubannoo waliigalaa qabaatanii, kan qabanis cimsatanii tajaajila qulqullina, si'aayinaa fi iftoomina qabu akka kennanii fi, gahee fi itti gaafatamummaa seeraan irratti gatame sirnaan akka bahatan jajjabeessuuf kan yaadamedha.

Gama biraatiin, manneen hojii mootummaa aangoo fi gahee isaanii sirnaan bahachuu fi tajaajila qulqulluu, iftoomina qabu, si'ataa fi dhaqqabamaa ta'e hawaasaaf kennuuf naamusni hooggansaa fi hojjetootaa, akkasumas sirni itti gaafatamummaan ittiin mirkanaahu jiraachuun murteessaadha. Kanarraa ka'uun barreeffamni gabaabaan naamusaa fi itti gaafatamummaa hojjetoota mootummaa jedhu irratti qophaahe hooggansii fi hojjetootni manneen hojii mootummaa Aanichaa hojii guyyaa guyyaan hojjetan keessatti mirgaa fi dirqamaa qaban, daangaa aangoo isaanii, itti gaafatamummaa qabanii fi naamusa isaan irraa eegamu yaada keessa galchuun miira itti gaafatamummaa qabuun akka socho'an hubachiisuu irratti kan xiyyeffatedha.
__________

๐–๐š๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐ง๐ ๐š๐š ๐€๐š๐ง๐š๐š ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข
๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ’

Address

5RMJ+CMR
Gimbi

Opening Hours

Monday 02:30 - 23:30
Tuesday 02:30 - 23:30
Wednesday 02:30 - 23:30
Thursday 02:30 - 23:30
Friday 02:30 - 23:30

Telephone

+251577710717

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gimbii:

Shortcuts

Share