Mana Murtii Ol'aanaa Godina Wallaggaa lixaa

Mana Murtii Ol'aanaa Godina  Wallaggaa lixaa court

Manni Murtii Olaanaa Godina W/Lixaa guyyaa har'aa gaafa 21/08/2014 Yaa'ii Abbootii Seeraa  manneen murtii Godina W/Lixaa...
29/04/2022

Manni Murtii Olaanaa Godina W/Lixaa guyyaa har'aa gaafa 21/08/2014 Yaa'ii Abbootii Seeraa manneen murtii Godina W/Lixaa geggeessee jira. Yaa'iin kun galma MMOtti kan geggeeffame yeroo tahu Mootoo "Hundeeffama Mana Murtii Aadaa Tumsuudhaan Himannaa Sobaa fi Ragaa Sobaa Ittisuu keeessatti Qooda keenya haabaanu " jedhuun kan geggeeffame yeroo tahu yaa'ii kana irratti qophiileen adda addaa kan dhihaate yeroo tahu" Imalli kenna haqaa manneen murtii G/W/Lixaa eessaa ka'ee eessa jira?" Kan jedhu A/Ad/KBGH obbo Ayyaanaa Taaddaseetiin akkasumas dhiheessii dhimma Mana Murtii Aadaa irratti hubannoo kennuuf kara pirezidaantii MMO obbo Ashabbir Warqinaa dhihaateera. Obbo Abbabee Jootee wilitti qabaa Dhaddacha Dhaabbii Lixaa MMWO keessummaa kabajaa tahuun argamanii yaa'ii kana irratti haasaa dhimma yaa'ichaan walqabatu taasisaniiru. Keessommooti dhihaatanis dhiheessii dhihaate irratti yaada qaban dhiheessaniiru. Hirmaattonis sochii kenna tajaajila Abbaa Seerummaa Manneen Murtii G/W/Lixaa kennaa jiran guddaa kan isaan gammachiise tahuu ibsanii gaaffii qabanis dhiheessanii yaada fi gaaffii erga dhiheessanii booda yaada waliigalaa fi kallattiin kara PMMMO kennameera. Waaree booda ammo hirmaattota dhimmi ilaaluun miseensota Gumii Godinaa filachuun yaa'iin kun haala hawwataa ta'een geggeeffamee mikaa'inaan xumurameera. Miseensota Gumii Godinaa bara hojii isaanii xumuranin bara hojii Gumii dabarsan keessatti ifaajee isaan dabarsaniif guddaa galatoomfachuun miseensota Gumii Godinaa haaraa filatamanii fi pirzidaantiin bakka bu'aniif ammoo akka dhugaan hojjetan hawwaafii yeroo hojii gaarii isiniif haatahu jenneerra.

Manni Murtii Olaanaa G/W/Lixaa guyyaa har'aa harka qalleessota namoota 20f bajata dhimma kanaaf qabamee jiruun deggersa ...
19/04/2022

Manni Murtii Olaanaa G/W/Lixaa guyyaa har'aa harka qalleessota namoota 20f bajata dhimma kanaaf qabamee jiruun deggersa taasiseera.

Gamaggami raawwii hojii baatii sagalii kan manneen murtii aanaalee 18 guyyaa lamaaf kan ture fi kan mana murtii olaanaa ...
15/04/2022

Gamaggami raawwii hojii baatii sagalii kan manneen murtii aanaalee 18 guyyaa lamaaf kan ture fi kan mana murtii olaanaa guyyaa tokkoof geggeeffamaa ture xumurameera.
Gamaaggama kana irratti raawwiin hojii baatii sagalii kan mana murtii olaanaa fi kan manneen murtii aanaalee 18 kara pirezidaantotaa dhihaateera. Raawwii baatii sagalii kana keessatti hojiilee ijoo afuran karooraan xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa ture jalatti hojiwwan (tarkaanfiwwan) raawwatamaa turan fi hojii hojjetameen ammoo bu'aalee argaman xiyyeeffannoon ilaalamaniiru.
Gama si'aa'inaa fi dhaqqabamummaatiin bu'aan gaarii kan argame yeroo tahu qulqullinni hojii Kenna tajaajila abbaa seerummaas fooyyahaa kan jiru yoo tahes ammas gara fuulduraatti dhimmi qulqullinaa dhimma xiyyeefannoo guddaa barbaadu tahuu pirezidaantiin MMO itti dabaluun dhaamaniiru.
Gamaaggama gabaasa raawwii hojii manneen murtii aanaalee fi MMO ilaalchisee dub deebii fi xiinxalli hojiilee ijoo afuran irratti, keessatti ammoo gama qulqullinaa fi dhaqqabamummaa fi si'aa'inaan jiru haala bilchinaa fi sadarkaa isaa eegeen kara Abbaa Adeemsa KBGH MMO obbo Ayyaanaa Taaddaseen dhihaateera. Manneen murtii aanaalee irraa pirezidaantii, bakka bu'aa Qindeessaa kTAS fi Dursaan garee karooraa kan hirmaatan yeroo tahu , MMO irraa ammoo hawaasi MMO hundi hirmaataniiru. Gabaasa dhihaate kan ilaalan koreen gamaaggamaa MMO erga yaada itti kennanii booda yaada fi gaaffilee kahanii fi kallatti hojii gara fuulduraa ilaalchisee pirezidaantiin MMO obbo Ashabbir Warqinaa Ergabuus yaada wali galaa kennuun gamaaggamni kun milkaayinaan goolabameera. Xumura irrattis, aka manneen murtii godina keenyaatti bara 2013/2014 kana keessa abbootii seeraa lama obbo Bultii Ahimad fi obbo Basha'aa Lataa akkasumas ofiisera seeraa 1 fi hojjettoota deggersaa namoota 2 walumatti namoota Shan lubbuun isaanii darbe rakkoo maatiin isaanii irra jiran ilaaluun qarshii daggersaa hawaasa manneen murtii aanaa fi MMO hirmaachiseen walitti qabame maatii namoota kanaaf deggersi taasifamee qarshiin walitti qabame kennuufiin hawaasi manneen murtii godina Kenyaa yeroo rakkinaatti wal bira dhaabachuu aadaa godhachuu akka qabu pirezidaantiin MMO itti dabaluun dhaamaniiru.

04/01/2022
15/12/2021

Address

West Wollega Gimbi
Gimbi
37

Telephone

+251976883744

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aanaa Godina Wallaggaa lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii Ol'aanaa Godina Wallaggaa lixaa:

Shortcuts

Share