Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Lixaa

  • Home
  • Ethiopia
  • Gimbi
  • Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Lixaa

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Lixaa -

โฃ๐—”๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐— ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐ŸŒฒ๐Ÿ€โ˜˜๐ŸŒฟ๐ŸŒด๐ŸŒฒโ˜˜๐ŸŒฟ๐ŸŒด__Sagantaa ashaaraa magariisa bara kanaa mata duree โ€œDhaabuudhaan Bayyanachuu (Renewal Throu...
31/07/2025

โฃ
๐—”๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐— ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ
๐ŸŒฒ๐Ÿ€โ˜˜๐ŸŒฟ๐ŸŒด๐ŸŒฒโ˜˜๐ŸŒฟ๐ŸŒด
__
Sagantaa ashaaraa magariisa bara kanaa mata duree โ€œDhaabuudhaan Bayyanachuu (Renewal Through Planting)โ€ jedhuun geggeeffamaa oolee fi jiru irratti hirmaannaan taasifame.
[Adoolessa 24/2017]

Guyyaa harโ€™aa hooggansii fi hojjettootni KNFMO Waajjira Damee Lixaa hooggansaa fi hojjettoota seektaraalee mootummaa, qaamolee nageenyaa adda addaa fi kutalee hawaasa garaagaraa waliin taโ€™uun Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gimbii, Ganda Cuuttaa Gaacii jedhamutti argamuun duula biqiltuu gosa muka garaagaraa dhaabuu geggeessanii jiru.

Hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa Hundaaf,Baga Ayyaana Yaadannoo Guyyaa Du'aa Ka'uu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin kan ba...
20/04/2025

Hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa Hundaaf,
Baga Ayyaana Yaadannoo Guyyaa Du'aa Ka'uu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin kan bara 2017 geessan

BAGA GEESSAN Happy Eid Al-Fitr to all Muslim Brothers & Sisters.
29/03/2025

BAGA GEESSAN
Happy Eid Al-Fitr to all Muslim Brothers & Sisters.

Malaammaltummaafi HojiMaatni Badaan Guddina Biyyaa Quucarsee,Dhaloota Hiyyummaaf Saaxila.Amajjii 20/2017 Komishinii Naam...
28/01/2025

Malaammaltummaafi HojiMaatni Badaan Guddina Biyyaa Quucarsee,Dhaloota Hiyyummaaf Saaxila.

Amajjii 20/2017 Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Lixaa.

Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Gimbiitti, Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Lixaa Gamaggama Rawwii Hojii Kurmaana 2ffaa bara 2017,Ogeessoota Deggersaa fi Hordoffi Dhimmoota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Godina Wallagga Lixaa,Godina Qellem Wallaggaa fi Magaalaa Najjoo irraa argaman waliin geggeesseera.

Itti Gaafatamaan Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Lixaa Obbo Waaqgaarii Sanbataa Waltajjicha irratti haasaa Saaqinsaa taasisaniin "Ogeessoonni Deggersaafi hordoffi dhimmoota Naamusaafi Farra Malaammaltummaa,Malammaltummaafi hojimaata badaa ittisuuf,Naamusa dagaagsuuf,Al-Naamusummaa irratti Qabsaa'uuf,Qisaasama mallaqaafi Qabeenyaa mootummaa irra qaqqabu ittisuu fi to'achuu,yoo rawwatamee argame hordofuun tarkaanfiin barbaachisaan akka fudhatamu taasisuu,dhugaafi haqa hawaasaa egsiisuuf kan dhabbate waan ta'eef,hojii kurmaana kana hojjechaa turre keessatti Hojii Mootummaafi Amaanaa hawaasa biraa nutti kenname hangam rawwannee? qulqullina barbaadamuun rawwanneerraa? jennee, Hanqinaa fi Cimina keenya adda baafachuun,yeroo itti Aanutti hojiiwwan harca'an duguugnee rawwachuun hojii fayyadamummaa hawaasaa giddu galeeffate lafarratti arguun nurraa eegama"jedhaniiru.

Haaluma kanaan Gabaasni Rawwii hojii Kurmaana 2ffaa Dhimmoota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Manneen Hojii Mootummaa fi Dhabbilee Misooma Mootummaa Kan Godinaalee,Magaalootaa fi Aanaalee,Ogeessoota Deggersaa fi Hordoffi Dhimmoota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaatiin wal duraa duubaan dhiyaateera.

Gabaasa dhiyaate giddu galeeffachuun Hirmaattonni yaada kennaniin "Gabaasni dhiyaate darbee darbee hanqina qabaatus haala gaariin dhiyaateera,garuu iddoo tokko tokkotti sodaa fi hojii ofiif iddoo kennuu dhabuun hojiin Caasaa kanaan rawwatamuu maluku harcaatii qaba

19/12/2024
Sadaasa 23/2017(KNFMO Waajjira Damee Lixaa)****"Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun:Badhaadhina Hunda Galeessaaf"...
04/12/2024

Sadaasa 23/2017
(KNFMO Waajjira Damee Lixaa)
****
"Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun:Badhaadhina Hunda Galeessaaf"
Guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa bara kana akka Addunyaatti yeroo 21ffaa,akka Itoophiyaatti yeroo 20ffaa, akka Naannoo Oromiyaatti yeroo 19ffaa kabajamu/yaadatamu ilaalchisee akka KNFMO tti torban kana sosochii hubannoo ittisa malaammaltummaa irratti kallattii adda addaatiin geggeeffamaa jira.Kunis manneen hojii mootummaatti sagantaa marii paanaalii geggeessuun,manneen barnootaa keessatti sagantaa dorgommii gaaffii fi deebii tiin,kolleejjotaafi Dhaabbilee leenjii ogummaa adda addaa keessatti sagantaa dorgommii gaaffiifi deebiinfi marii panaaliitiin ,akkasumas qaamolee hawwaasaa adda addaa haala hirmaachiseen sosochii ittisa malaammaltummaafi naamusa/safuu dagaagsuu bal'inaan hojjetamaa jira.
Sosochiin hubannoo uumuu guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa sababeeffachuun haala addaatiin geggeeffamaa jiru kun waltajjii marii panaalii sadarkaa Godinaatti geggeeffamuun kan goolabamu ta'a.
Haaluma kanaan sosochii hubannoo uumuu guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa kana sababeeffachuun geggeeffamaa jiru kana ilaalchisee marii fi ibsa bal'aa tamsaasa istuudiyoo Buufata Raadiyoo Barnootaa Gimbiitti argamuun geggeeffamee jira.

Guyyaa 24/3/2017(KNFMO Waajjira Damee Lixaa)**********************Guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa Waltajjii Sadark...
04/12/2024

Guyyaa 24/3/2017
(KNFMO Waajjira Damee Lixaa)
**********************
Guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa Waltajjii Sadarkaa Waajjira Dameetti (KNFMO Waajjira Damee Lixaatiin) Qophaa'e guyyaa har'aa (24/3/2017) Magaalaa Gimbii Galma Bulchiinsa Magaalaa Gimbiitti sagantaawwan adda addaatiin dabaalamee hooggansa,koree mgt manneen hojii,qaamolee hawwaasaa adda addaa hirmaachisuun haala gaarii ta'een geggeeffamee jira.
Waltajjii kun marii paanaalii,faaruu barattootaa,walaloowwan adda addaa sosochii qabsoo Farra Malaammaltummaa finiinsuu danda'aniin hedduudhaan geggeeffamee jira.

Address

Gimbi
-

Telephone

+251577712226

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share