24/04/2026
Gamaggama Raawwii Hojii Adeemsaalee Mana Murtii Aanaa Ammayyaa kan Baatii Sagalii Gaggeefdame.⚖️----------------------
Ebla 16/2018
Mana Murtii Aanaa Ammayyaatti, gabaasni raawwii hojii baatii sagalii (9) haala sirnaafi adeemsa isaa eeggateen adeemsaalee hundaan dhiyaateera. Waltajjii kana irrattis gaaffiilee fi yaada hirmaattota irraa ka’an irratti mariin bal'aan taasifameera.
Xumura waltajjichaa irrattis, Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Ammayyaa Obbo Taaddasaa Raafeeraa kallattii hojii gara fuulduraa kaa'uun hawaasa mana murtichaaf ergaa fi dhaamsa dabarsaniiru. Dhaamsa isaaniitiinis Sochiin galmee fi baay'inni dhimmootaa dabalaa waan jiruuf, abbootiin seeraa dhimma harkaa qaban irratti beellama gaggabaabsuun ajajoota hundaa bakka tokkotti 'daguuganii' kennuu akka qabanii fi Hojii hunda keessatti qulqullina murtii fi tajaajilaaf dursa kennuun akka hojjetamu dhaamaniiru.
Dhuma irrattis; baatiilee sagalan darban keessa hojiileen gama dhaqqabummaa haqaa mirkaneessuu, Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo (TQO) hojiirra oolchuu, iddoo hojii mijataa taasisuu fi riifoormiiwwan adda addaa gama hojiirra oolchuutiin bu'aawwan gaariin galmaa'uu isaanii ibsaniiru. Haa ta'u malee, hanqinaalee fi harcaatiiwwan waltajjii gamaggamaa kanaan adda baafaman sirreessuun, yeroo hafe keessatti xiyyeeffannoo guddaan hojjechuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.
Tajaajila Haqaa Si'ataa fi Qulqulluu Ta'e Hawaasa Keenyaaf! ⚖️
#