WBO Force

WBO Force Hanga bilisoomnutti falmaa hin dhiifnu ❤️💚❤️

Waliin Dubbii Daresalam kessaa!===========================Guyyaa Xumuraa!Marroo: ''...Sirnaa hundaa kenyaaf ta'uu, kan h...
29/02/2024

Waliin Dubbii Daresalam kessaa!
===========================
Guyyaa Xumuraa!

Marroo: ''...Sirnaa hundaa kenyaaf ta'uu, kan hundaa kenyaaf ta'uu haala hundaa kenyaa hirmachisuun haa ijaaramuu...''

Reedwan: ''...Nutii motummaa uummataan filatamnee. Biyyaa bulchuuf itti fufuun mirgaa kenyaa.Kana hin heyyaamnu. Heeraa fi seeraa biyyaatti faallessa. Haala heera fi seera biyyaatti hin dignee qofaan walii_galuu dandeenya...''

Marroo: ''... Motummaa uummataan filatamee ofiin jettaniiree?... Mormitoota hitaan, Wajjiroota isaani Nannoo hangaa Aaanaatti cuuftanii, bakkaa bu'oota isaani filannoof qophessaa turaan hundaa mana hidhaatti galchitaani, miseensotaa fi deggartoota mormiituuti jettanii nama shakkiitan hundaa mana hidhaatti galchiitani eerga filannoo gaggeestaniin bodaa eenyuu waliin dorgomtaani filataamtan? Gadidduu kessaan waliin dorgoomtan moo?...''

Reedwan: ''...Akkanaatti marii itti fufuu hin dandeenyu... na gahee...'' jedheeti barcumaa irraa ka'ee. ''... malumaafu akka biyyaatti hin deebinee isiin gonaa...''

Marroo: ''... walumaan ilaallakaa!...''
😁😁😁

25/02/2024

Dubbichi baay'ee nama jibbisiisa.
YAMAALAGII WALAL

Taateen kun Godina Qellem Wallaggaa Aanaa ta'e.
Gaafa 5/6/2016 dargaggoota 3 Ganda Gurraattii Walal iddoo addaa Duddaa jedhamutti waraanni mootummaa qabani. Isaan keessaa inni amma lubbuun hafee jiru manni isaanii achumadha. Warri lamaa immoo ganda Laaloo Loomicaati. Sangoota daldalan achii bituu dhaqan. Jarreen kana jalqaba yammuu qaban ni sakattaa'ani. Isa tokko harkaa qarshii 40,000 isa tokko harkaa qarshii 35,000 fuudhatani. Qarshiin kuniif isin wal hin madaaltan jedhanii kaampii warra daandii hojjetan duraanii kan amma kaampii waraanaa godhatanii jiranitti kan ganda Laaloo Loomicaa Dimboo jirutti fudhatanii sokkani. Bakki kun qarqara bosonaati. Achitti geessanii isaan keessaa isa qarshii harkaa dhaban sana baay'ee reebani. Akkanumattiin utuusaan reebanii halkan walakkaa ta'e. Inni akkasitti reebu kun Amaariffa qofa dubbata. Ijoolleen kun dadhabaas waan oolaniif warri hin reebamin hirribni isaan fudhate.

Inni reebame baay'ee waan dhukkubeef akkatti ciisu dhabe. Gidduuma kanaan daqiiqaa ja'an boqodhee dhufee raawwachiisa jedhee Amaariffan dubbatee sokke. Yeroo kana mucaa inni reebame kun kaampii sanaa miliqe. Bosonaa bosanatti darbee halkan sana lubbuusaa hambise. Meeshaan irratti hin dhukaane hin jiru. Nageenya isaaf jechan maqaasaa dhahuu dhiise. Abbaa ijoollee lamaati. Garuu kan nama gaddisiisu abbaa ijoollee 2 fi dargaggoo 2015 qormaata kutaa 12ffaa qorame yerooma sana ajjeesani. Jarri kun jireenyuma mo'achuuf daldala jalqaban. Hambeen isa Facaasaa halkan ajjeefamu kana sanbata dura hintala fuudhu baafata ture. Maatiisaa harkaa ijoolleen waan dhumaniif isa akka dhabaatti ilaallatu. Qarshiinni ittiin daldalu kanas maatiimatu kenneef. Dargaggoota kana ajjeesanii dhoksuuf jechammoo achuma boolla haadhanii keessa awwaalani. Maatii fi biyyi odeeffannoo mucaa isa oolee sanarraa ka'uun dhaqanii reeffa ijoollee akka kennaniif kadhatani. Dhowwatanii gaafa kamisaa kennaniif. Yaadigaa Facaasa halkan gaafa 5/6/2016 ajjeefamanii kamisa gaafa guyyaa 7/6/2016 guyyaa reeffisaanii uummataan baafamee maatiin awwaallate.

Achitti qarshiis haata'u, waan qabeenya ta'e kamiinuu sirraa fuunaan kaampii si geessu. Isa booda si ajjeesu. Sababnisaas gadi baatee nu himta waan jedhaniif. Godina sana keessatti gochi waraana mootummaan saamamuufi kan saamamte irratti lubbuukee dhabuu kun bakka hedduutti raawwachaa jira. Bilbilafaa namarraa fuudhanii nama irraa fudhatan sana reebu. "Kana na harkaa fuudhan jettee dubbattee jennaan si ajjeefna" jedhanii doorsisu. Sababa kanaa namni homaa hin dubbatu. Nama itti himatus hin qabu. Miidiyaan uummata sana haqummaan iyyaafatee rakkoosaanii ifa baasu hin jiru. Yeroo hunda kaampii kana keessaa dhukaasatu dhagaahama. Ganda kana lamaan gidduu bosona malee homtuu hin jiru. Ganda walitti aanan waan ta'eef hunduu akka maatiitti wal beeka,walitti dhiyaata. Hawaasni naannoo sanaa rakkoo hamtuu keessa jiru.

Rakkoo network'f turree isiniif gabaafneetii nu oofkalchaa!

 ❤️💚❤️
09/01/2024

❤️💚❤️

Galmoo Oromoo❤️💚❤️
14/12/2022

Galmoo Oromoo❤️💚❤️

10/12/2022
Wanti barraa’e hojiitti hiikamaa jira Oromo!akkasitti dammaramta yoo jabaattee falmachuu baatte! Kan armaan gaditti argi...
09/12/2022

Wanti barraa’e hojiitti hiikamaa jira Oromo!
akkasitti dammaramta yoo jabaattee falmachuu baatte!
Kan armaan gaditti argitan kun kitaaba ida’amuu fuula 375 keessaa kan fudhatameedha!

27/10/2022

Faannoon ilmi goojjamis qabamte ❤️💚❤️💪
WBOn fuulduratti, PPn qileetti!

❤️💚❤️💪 follow & share
17/10/2022

❤️💚❤️💪 follow & share

10/10/2022

“Manaa hamma Arbaa alaa hamma garbaa “ jedha makmaaksi Oromoo tokko!

Address

Oromia
Hagere Hiywot

Telephone

+251941778497

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WBO Force posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share