Nbns Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Nbns, Library, Ambo shoawa, Hagere Hiywot.

14/03/2024
27/09/2022

"Baga jala bultii Ayyaana Irreechaa kan bara 2022/2015tiin isin gahe"

Birraan abdiifi jaalala akkasumas gammachuufi milkaa'ina fidee dhufa. Oromoon ayyaana Irreechaa sirnaaf qaba. Kanaafuu, Ayyaanota kamiyyuu milkaa'ina irraa argachuuf kabajata jechuudha. Ganna roobni yandisee dhoqqeen bu'ee, laggeen guutanii walitti cehuu nama dhorku. Oromoodhaaf ammoo wal argaa caalaa wanti bu'aa buusu hin jiru. Yoo wal arganii wal gahan dhimma sabaa mari'atu waan ta'eef wal argaa ganni gufachiise abdii birraan eeggatu.

Irreechi irree Oromooti. Kana jechuun ammoo waan irree nutti jabaatte nurraa laaffisee diinarra nu aansuun milkiitti nu baasa jedhee waan amanuufi. Sirnaan taanan dhuguma Oromoon irreen isaa jabaadha. Jabaatee waan yaade galmaan gahatee bu'aa dhamaatii isaa dhamdhamata. Jaalalaafi tokkummaan ilmaan isaa gidduutti dagaageetu biyya abbaa isaarratti abbaa ta'ee qananiin jiraata! Irreechatu milkii saniin nu gahaaf malkaatti bahanii ayyaaneffatu!

Ammas irra deebiin jala bultii Baga Ayyaana Irreechatiin isin gahe!

Ayyaana gaarii!

26/09/2022

Abbaa Duulaa Dinku Deyasa Biru baga ayyaana Irreechaa 2015 si gahe.

25/09/2022

deemta ?
Kaayyoon galma bakka gahuuf yaadaniiti.

Kaayyoo qabaachuun eessa akka deemaniif akeektuudha.
Kaayyoo malee galmi hiika hinqabu.
Galma malee kaayyoonis hiika hin qabu.
Kanaaf, namni eessa akka deemu beeku, nama kaayyoo qabudha.

Namni eessa akka deemu beeku hundi nama kaayyoo qabu ta'us, namni kaayyoo qabu hundi garuu eessa akka deemu beekuu dhabu ni mala.

Kaayyoo qabaatee kaayyoo isaa daandii sirrii filatee irra hin adeemsisu taanaan kaayyoon isaa hiika dhaba.

Kaayyoo hin qabdu taanaan lafa galma kee hin beektu jechuudha.

Addunyaa kanarra gaafa gabaabinaan ilaallu namoota sadiitu nutti argama.

#1. Warra kaayyoo hin qabneefi warra eessa akka deeman hin beekne.

Warri akkanaa warra addunyaaf bu'aa homaa hin buusnedha.
Warri akkanaa warra addunyaa jeeqanii fi warra addunyaa nagaa dhowwatanidha.

Warri kuni namaaf dhiisii ofiifuu warra tahuu hin dandeenyedha.
Dhalatanii warra akkasumaan darbani dha.

#2.Warra kaayyoo qabanii fi eessa akka deeman garuu hin beekne.

Warri kun cimoodha. Dandeettii qabu. Garuu maal godha eessa akka deeman hin beekani.

Garuma haalli isaan oofetti deemu. Warri kunis addunyaa kanaaf baay'ee barbaachisoo miti.

3.Warra kaayyoo qabaniifi eessa akka deemanis beekan.

Warri kun warra addunyaa kanaaf barbaachisoo fi warqii addunyaa kanaati.

Addunyaan kun isaan malee hiika hin qabdu.
Warra daandiin isaanii hordofamuu qabu. Warra dhalootni irraa baratudha.
Garuu maal godha, isaan kun immoo namoota muraasa.

Ati garuu eessa deemta?
Maddi odeeffannoo kitaaba "Miltoo"
Suuraan Dinquu Sabboona sabaa

25/09/2022
25/09/2022

Ergaa Baga Geessani Obboo Dinku Deyasa Biru tiin๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

"Baga jala bultii Ayyaana Irreechaa kan bara 2022/2015tiin isin gahe"

Birraan abdiifi jaalala akkasumas gammachuufi milkaa'ina fidee dhufa. Oromoon ayyaana Irreechaa sirnaaf qaba. Kanaafuu, Ayyaanota kamiyyuu milkaa'ina irraa argachuuf kabajata jechuudha. Ganna roobni yandisee dhoqqeen bu'ee, laggeen guutanii walitti cehuu nama dhorku. Oromoodhaaf ammoo wal argaa caalaa wanti bu'aa buusu hin jiru. Yoo wal arganii wal gahan dhimma sabaa mari'atu waan ta'eef wal argaa ganni gufachiise abdii birraan eeggatu.

Irreechi irree Oromooti. Kana jechuun ammoo waan irree nutti jabaatte nurraa laaffisee diinarra nu aansuun milkiitti nu baasa jedhee waan amanuufi. Sirnaan taanan dhuguma Oromoon irreen isaa jabaadha. Jabaatee waan yaade galmaan gahatee bu'aa dhamaatii isaa dhamdhamata. Jaalalaafi tokkummaan ilmaan isaa gidduutti dagaageetu biyya abbaa isaarratti abbaa ta'ee qananiin jiraata! Irreechatu milkii saniin nu gahaaf malkaatti bahanii ayyaaneffatu!

Ammas irra deebiin jala bultii Baga Ayyaana Irreechatiin isin gahe!

Ayyaana gaarii!

25/09/2022
25/09/2022

Address

Ambo Shoawa
Hagere Hiywot
SABKEE

Telephone

0917241684

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nbns posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category