Mana Qopheessaa Magaala Bulee Horaa

Mana Qopheessaa Magaala Bulee Horaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Qopheessaa Magaala Bulee Horaa, Government Organization, Bule Hora, Hagere Mariam.

03/06/2026

“Karoorri humnoonni badii nageenya uummataa gooluuf qopheessan tumsa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan fashalaa’eera” Obbo Hayiluu Addunyaa
~~~~

Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uuf akka duudhaafi safuu Oromootti waamicha taasisaa tureen humnoonni hidhatanii Bosona turan hedduun galuun balbala qabsoo karaa nagaaf banametti fayyadamuu isaanii hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Kanaanis Oromiyaatti qilleensi nagaan qilleensa’ee hojiilee misoomaa fuula duratti tarkaanfachiisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Haata’u malee, humnoonni shororkeessaa Shanee balbala qabsoo karaa nagaa diduun bosonatti hafan hojii shororkeessummaa isaanii itti fufuun uummata nagaa irratti gocha gara jabinaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoonni badii kunneen filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta’us, uummanni sodaachisaafi dhaadannoo shorkeessitootaan osoo hin daangeffamin ba'ee sagalee isaa kennuun filannichi milkaa’uu himaniiru. Humnootni shororkeessaa filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga’uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba'annaarratti bobba’anii jiraachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Gochi badii torbanuma kana keessa Godina Arsii Aanaa Asakootti bifa gara jabina qabuun uummata nagaa irratti raawwatame humna shororkeessaa Shaneetiin ta’uu kan ibsan obbo Hayiluun badiin lubbuu namaa, qabeenya uummataafi mootummaarra ga’uus himaniiru.

Humnoonni kasaaran kunneen gocha badii isaanii uummata nagaa irratti raawwachuun haaloo ba’uuf yaalanis karoorri isaanii guutummaatti akka hin milkofneef mootummaan humnoota nageenyaa bobbaasuun badiin dabalataa akka hin qaqqabne taasisuun karoora diinni walfixiinsa uummataa amantaa da’oo godhate uumuuf wixineesse fashaleessuun kan danda’ame ta’uus obbo Hayiluun ibsaniiru.

Mootummaan humnoota nageenyaa karaa qindaa'aa ta'een bobbaasuun shororkeessitoota ajandaa siyaasaa harkatti kasaareen uummataarratti haaloo ba'uuf bobba'an adamsee tarkaanfii madaalawaa fudhataa jiraachuu kaasuun, yeroo ammaa kanas hojiin namoota qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’an deebisanii dhaabuufi qabeenya barbadaa’e bakkatti deebisuu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan itti fufiinsaan hojii nageenya waaressuu kan hojjetu ta’uu himuun, Uummatnis caasaalee nageenyaa waliin ta'uun nageenya isaa akka mirkaneessu waamicha taasisaniiru.

‎Guyyaa 10/8/2018‎Gamaggamii Rawwii Kurmanaa 3ffaa Mana Qopheessa Bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa gaggeeffameeGamaaggami...
18/04/2026

‎Guyyaa 10/8/2018
‎Gamaggamii Rawwii Kurmanaa 3ffaa Mana Qopheessa Bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa gaggeeffamee
Gamaaggamii Kurmanaa 3ffaa Mana Qopheessa Hojjataa Hundaa bifaa ho'aa ta'een Hojjata Gandaa hanga Magaalaaf Hogansaa Bu'uuraaleef Abbootii adeemsa Mana Hojii hundaa hirmaachisee Iddoo Hogaansii mana Hojii jiraniittii kan gaggeeffamee yommuu ta'u.Adeemsalee Mana Hojii hundii Gandoota Dabalatee Gabaasaa isaan Kana Ji'aa Sagalii kan dhiyeessan yommuu ta'u hanqina fi cimina Hojii Keennaa Kamuu Rawwii isaa madala deemuu Karooraa keennaa gara fuulduraatti kallattii kan ka'u yommuu ta'u hojilee harca'aan hafaan kamuu duguuginee Yeroo itti aanu keessatti xummuruu akka qabnuu gaggamaan kun kan biraa agarsiisuudha jedhamee.Dabalataanis IA Hogganaa mana Qopheessa Obbo Obbo Caalaa Jiloo akka Hojilee mana qopheessa magaala hanga gandaatii jiruu sirriitti irratti hojjachuuf bulchiinsa Bu'uuralee Magaalaa hanga gandaatii jiruu fayyummaa isaa eeguuf akkasumas kununsuu hawaasa hirmachisuun kunuunsa bu'uuraleef antummaa akka isaan qabaatan taasisuu qabna jedhan
‎Dabalataan Hogganaa mana hojii obbo Kotola Gumii Bu'uuraalee Gandaa keenna Hundii hojii isintaa keenamee kamu Humnaa qabdan hundaa fayyadamuun Akka Jijjiirama barbaadanuu bira gahamuu danda'amuu dhaqabsiisuu qabnaa Dabalataa Hojii dhimma kunuunsa Bu'uuralee misooma fi qulqullina magaalaa woliin walqabatee Gandoonnii hundii akkuma kanaan duraa Blokii blookii Networkiin qulqullina ijaarame san lafa qabsiisuu qabnaa Jedhan .

Guyyaa 06/62018 Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti hojjattooti mootummaa Mana Qopheessaa ijaarsa Istaadiyeemii guddicha ...
13/02/2026

Guyyaa 06/62018
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti hojjattooti mootummaa Mana Qopheessaa ijaarsa Istaadiyeemii guddicha hirmaannaa uummataan jalqabame itti fufsiisuuf mindaa isaanii arjooman.
Yaadama eebbifamaa fi qaama badhaadhina keenna kan ta'e ijaarsa Istaadiyeemii Magaalaa Bulee Horaatti jalqabame akkuma duraan hirmaannee jalqabne ni xumurra ejjannoo jedhu qabachuun fedha ofitiin mindaa isaanii %50 arjoomanii jiru.
Marii kana bakka Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Kottoola Gumiif I/A Hojii gaggeessaa obboo Caalaa Jiloo argamanutti gaggeeffame. Murtiin isin dabarsitan murtee seenaa qabeessa jechuun hojii gaggessaaf itti aanaa hojii gaggeessaa mana qopheessaa hojjattoota kanneen galateeffatanii jiru.

Guyyaa 25/5/2018 Bulchiinsa  Magaalaa Bulee Horaatti Waltajjiin qindoomina  Waajjira Geejiibaaf  Mana Qopheessa gaggeeff...
02/02/2026

Guyyaa 25/5/2018
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti Waltajjiin qindoomina Waajjira Geejiibaaf Mana Qopheessa gaggeeffame.
Waltajiin kun Galii Mana Qopheessaa akkaata inni duguugame galuu qabuuf rakkoo harca'uu galiin mana qopheessaa irratti xiyyeeffatameti kan gaggeeffame. Waltajjii kana kan gaggeessan Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Kottoola Gumiif Itti gaafatamaa Waajiira Geejjibaa obboo Xilahuun Zelleqee bakka hojjataa buufata kokolaataa ,Waajjiraalee lamaaniif to'attoota Geejjibaa argamanutti taasifame. Marii kanaan rakkoon harcaati konkolaata buufata seenu dhabu jiru ka'ee hatattamaan akka sirra'uu kallattiin kaa'ameera.

19/5/2018Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti gamaaggamni hojii torbaana lamaa gaggeeffameera.Waltajjii ka...
27/01/2026

19/5/2018
Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti gamaaggamni hojii torbaana lamaa gaggeeffameera.
Waltajjii kana kan gaggeessan Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Kottoola Gumiifi I/A Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Caalaa Jiloo yoo ta'u bakka manajimanti mana hojiif hojjataan waajirichaa argamanutti gaggeefameera. Waltajjii kanaan ciminaaf hanqinni jiru adda baafame kallattiin kennameera.dhumarratti karoorrii hojii bulti 70 fuula duraa hojjatamu dhihaateera.

Guyyaa 09/5/ 2018 Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti gamaaggami  raawwii hojii kurmaana 2ffaa  Mana Qopheessaa gaggeffam...
17/01/2026

Guyyaa 09/5/ 2018
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti gamaaggami raawwii hojii kurmaana 2ffaa Mana Qopheessaa gaggeffama jira.
Gamaaggama kana bakka Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa Obboo Kottoola Gumiif I/A Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Caalaa Jiloo argamanutti hojjattoota sadarkaa Waajiiraafi hojjattoot sadarkaa gandaatti ramadaman hunda hirmaachisuun guyyaa tokkoo guutuuf taasifama.
Gamaaggama kanaan Gabaasi raawwii hojii Gandoota kara I/G Bu'uuraalee gandootaaf dhumarratti gabaasi Mana Qopheessaa guutuun dhihaatee mariin irratti gaggeeffamee jira.

Address

Bule Hora
Hagere Mariam

Telephone

+251988699276

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Qopheessaa Magaala Bulee Horaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share