09/03/2025
Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.
**************************
Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi'aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.
1. BISHAAN (WATER)
♡ Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
♡ Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
♡ Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta'eefidha.
♡ Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan