22/05/2026
𝗜𝘁𝗼𝗼𝗽𝗵𝗶𝘆𝗮𝗮 𝗚𝗮𝗿𝗮 𝗕𝗶𝘆𝘆𝗮 𝗙𝗮𝗸𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶!
_______
Hararghee Bahaa Aanaa Meettaa Sagantaa duula nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa fi Eebba Piroojaktii Misooma Jalliisii Aanaa Meettaa Ganda Bikkiyyee lakk.2 haala ho'aa ta'een geggeeffameera.Porojeektiin Misooma Jallisii Ganda Bikkiyyee Lakk.2 Hojjatamaa ture Imala Olka'iinsa Biyyaa Dhugoomsuuf, Hirkatumarraa gara oomishtummaa tarkaanfachiisuun, Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan Ariitii fi Qulqullinaan hojjatamaa ture,Iddoo.Hoggaansi Olannoon Naannoo fi Godinichaa Akkasumaas Aanichaa Argamanitti riivaanii muruun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa waggoottan shanan dhufan keessatti biyya keenya biyya fakkeenya Badhaadhinaa gochuuf karoora guddaa qabatee socho'aa jira.Gama biraatiinis Aanichaatiin mootummaan Paartii Badhaadhinaa pirojeektota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetee xumuruun tajaajila hawaasaaf banaa godhaa jira.Kunis Paartiin Badhaadhinaa har'a kan hojjetu bor akeekee kan karoorsu ta'uu agarsiistuudha.
Hooggansi Olaanoon Naannoo,Godinaa fi Aanichaa sagantaa kanarratti argamanis injifannoo gama hundaan galmaa'e ibsuun karoora gurguddaa Itoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf Paartiin Badhaadhinaa qabus hirmaattotaaf ibsaniiru.Mootummaan Idaa'amuu Imala Badhaadhinaa Dhugoomsuuf Yaadama Idaa'amuun Masakamee Raawwii Waggoottan Darbee akka Ka'umsaatti,Yeroo ammaa qabu akka carraatti,Fuuladura dhufu ammoo abdii egeree dhugoomsuuf,akka hojjechaatu ibsaniiru.
Ummatni jijjiiramni akka dhufuuf qabsaa'ee injiffannoo galmeesse har'as injifannoon argame sadarkaa olaanaatti akka ce'uuf Paartii Badhaadhina waliin hiriiree jira.Duula na filadhaa Paartiin Badhaadhinaa guyyaa har'aa geggeessaa jiruunis uummatni dambaliin bahee kanuma mirkaneessee jira.
Jiraattotni Aanaa kanaas injifannoo argameef beekamtii kennaa biyya jabduu itti fufiinsaan ijaaruuf Paartii Badhaadhinaa cina akka hiriiran ibsanii jiru.