28/11/2021
*Sagantaa Suppervizyinii Hojii Barnootaa**
G/H/Bahaa Aanaa Meettaatti sagantaa Suppervizyinii barnootaa Ogeessa Waajjira Barnootaa Godinaatiin gaggeeffamaa turee jira. Ogeessa Godinaa dhufe, Obbo Darajjee torbee tokkoof Qaamaan argamuun hojiiwwaan KTL ganna keessa hojjatamaa turee fi hojiiwwan barnootaa kurmaana tokkoffaa keessa hojjataman hundumaahuu qabatamaan ilaalaa turee jira. Sagantaa kana keessatti haala kanaan duraa irraan Addatti manneen barnootaa fi CRC baay'ee keessa deemuun fageenya osoo hin jedhin iddoo barbaachisaa hunda gahuun hojiiwwan qabatamaan lafarra jiran ilaaluun mirkaneeffatanii jiru. Kana malees iddoo gahan hundatti ciminaa fi hanqina jiruus ifatti adda baasuun deeggarsa ogummaa kennaniiru. Akka Aanaa keenyaatti kurmaana kana keessa hojiin gaariin hojjatamee kan jiruu fi caalatti cimuun kan hafan xumuruu akka qabnu kallattii nuuf laataniiru. Dhuma irrattiis wantoota daawwii irra hubatame qindeessuun Gamaaggama Hoggantoota Manneen barnootaa, Sup CRC fi Ogeeyyii waajjiraa Barnnotaa waliin taasifamee jira