13/07/2026
Gamaaggamni Hojii Mootummaa fi Paartii Kurmaana 4ffaa Sadarkaa Naannootti Gaggeeffamuu Eegaleera.
===================
Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa gamaggama raawwii hojii Paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa hanga kurmaana 4ffaa fi qophii tarsiimoo jalqaba raawwii karoora bara 2019 irratti argamuun, kallattii qorannoon guyyoota ittifufaniif gaggeeffamurratti kennanii jiru.
Eegallii sagantaa kanaarratti argamuun kallattii kan kennan kabajamoo Pirezidaantiin, yeroon kun seenaa haaraa ce’umsa caasawaa kan itti eegalluudha jechuun ibsan. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, waggoota shanan dabran, galmoota qabsoo ummata Oromoo gulantaa ittaanutti ceesisan sadan: dhaloota dorgomaa uumuu, ummata dinagdeen aangomsuufi sirna ummataawaa cimaa ijaaruu jedhu qabatee ittigaafatamummaafi aarsaa ol'aanan socho'aa tureera jedhan.
Harcaatiwwaan mul'atanis, imala milkaa'inaa waggoota shanan darbee ture keessatti aarsaafi cichoominni hoggansa sadarkaan jiruu dhoksuun kan danda'amu miti. Naannoo keenya Oromiyaa rakkoolee gama hawaas-dinagdeefi siyaasaa walxaxaa ture cabsuun, humna tarkaanfataa ijaaruu danda'eera. Kun injifannoofi imala mootummaa jijjiirama haalamuu hin dandeenye ta'uus yaadachiisan.
Ittidabaluunis, gamaggama raawwii hanga kurmaana 4ffaa fi qophii tarsiimoo karoora bara 2019 kana qorachuuf gaaffilee qooddattoota ijoo shanirratti hundaa’e kan gaggeeffamu ta'a. Isaanis: dhimmoonnifi hojiileen milkaa'an akkamiin milkaa'an? Kanneen harca'an, sababa maaliif harca'an? Jechuun gadifageenyan qorachuu barbaachisaadha. Ittidabaluun, karoorri keenya dilbiifi carraalee qabnu waliin kan walgitaa jiruu kan jedhu hubachuu barbaachisa.
Inni sadaffaan, humnoota misooma sadan: humna waloo, humna mootummaa roga maraafi humna badhaadhina maatii hagam ittifayyadamaa akka jirru gadifageenyaan gamaggamuu. Inni biraa, hoggansi qusannaafi invastimantii irratti kenninu jijjiirama akkamii fidaa akka jiru qoratamuu qaba. Inni dhumaa dhimma bu'uura kan ta'e, gaaffii hoggansaa hagam deebi'aa jira? Keessumaa hoggansa dinaagdee hogganuu danda'uufi ittiquufinsa hambisuun xiyyeeffannoo barbaada.
Dhumarrattis, gamaaggamni kun hidhannoo raawwii ijaarsa dandeettii oomishtummaa bara "Karoora Of-danda’uu" waan ta’eef milkaa'ina yerootiin ittiquufuu osoo hintaane, safartuu galmoota qabsoo Oromoo milkeessuutiin akka qoratamuu qabu akeekanii jiru.