18/09/2023
Harargee Bahaatti Riqaaleen 4 Baajata MNO Ramade Birrii mil.120 oliin hojjatame xumuramuun eebbaaf qophaa'uun Waajjirri Daandiiwwanii fi Loojistiksii Godinichaa beeksiseera.
(WDLGHB,Fulbaana7/2015)
Godina Harargee Bahaa Aanaalee garaagaraa keessatti Sarara Daandii SWGDB/URRAP baroota darban Cirracha Uwwifatanii turan irratti Riqaalee Sadarkaa Godinatti hojjatamaa jiran keessaa Riqaaleen Afur(4)
1.Riqaa Laga Ashan Aanaa Meettaa,
2.Riqaa Laga Ligiddaa Aanaa Kurfaacallee,
3.Riqaa Laga Huusee Aanaa M/Mulluqqee fi
4.Riqaa Laga Adaanoo Aanaa Baddannootti
argamu Baajata MNO Ramade Birrii mil.120 oliin hojjatame xumuramuun Eeybaaf qophaa'eera.