08/08/2026
Hagayya 2/2018 [WCHUO_HB]
====/////========///=====
Godina Harargee Bahaa Magaalaa Dadaritti Koolleejjiin PT Dadar, barattoota ogummaa adda addaatiin leenjisaa ture guyyaa har'aa eebbise.
Itti Gaafatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhina Damee Godina Harargee Bahaa Aadde Aziizaa Daawwid Godinichatti Koollejjiin PT Dadar Kollejjii hojii fakkeenyummaa qabu hojjachaa ture tahuu kaasanii yeroon Ammaa yeroo Kalaqaan Biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu dandeenyu tahuun hubatamee Eebbifamtoonni Akkaataa leenji'aniin Waan baratan hojitti jijjiruun ofiifi ummata isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamanii, mootummaan dhaloota ogummaan gahoomsuuf xiyyeffannaan hojjachaa jiraachuus himaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Haragee Bahaa Obbo Ahmaddiin Suufiyaan, ogummaan carraa hojii uumuun hiyyummaa qolachuu keessatti gahee guddaa qabaachuu himaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Dadar fi walitti qabaan boordii kollejjichaa Obbo Obbo Saaladdiin Yuusuf akka jedhanitti Kolleejjiin PT Dadar kolleejjii Hojii barnoota baratan Ogummaan deeggaraa barsiisu waan ta'eef, Kolleejjii ittiin boonnu ta'uu kaasanii Hawaasni marti gara koolleejjii kanaa barattoota isaanii erguu akka qaban dhaamaniiru.
Diiniin Koolleejjiichaa Obbo Sisaay Kabbadaa kolleejjichi leenjifamtoota ogummaa addaa addaatiin leenjisaa ture 300 ol eebbisu himan.
Eebbifamtoonnis ogummaa argataniin carraa hojii uummatanii hawaasa tajaajiluuf qophii tahu dubbatan.