22/08/2026
Galii Keessoo Guddisuun, Misooma Baballisuuf!
--------------------
Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti ,akkaataa galii keessoo dabaluun,Misooma saffisaa fi itti fufiinsa qabu baballisuun danda'amurratti mariin Seektaroota dhimmi ilaallatu waliin gaggeeffameera.
Bulchaan Aanaa Qarsaa obno Miki Moh (Mikaa'il Mahammad akka jedhanitti,Galiin keessoo bu’uura misooma waaraa fi jireenya hawaasaa fooyya’aa fiduuf gahee olaanaa qaba.
Galii mootummaa fi hawaasaa cimsuun, tajaajila uummataa fooyyessuu fi carraa misoomaa babal’isuuf murteessaa dha.
Keessumaa barnootaa fi fayyaa irratti invastimantii dabaluun dhaloota beekumsa qabu, fayyaa fi oomishtummaa qabu ijaaruuf gargaara.
Mana barumsaa, bu’uuraalee fayyaa fi tajaajiloota hawaasaa fooyyessuun bu’aa galii keessoo gara jireenya uummataatti mul’atuutti jijjiirun dirqama hunda keenyaati.
Galii keenya haa guddisnu; barnoota haa cimsinu; fayyaa haa fooyyeessinu; misooma keenya haa babal’ifnu! 🌱