Tullo Woreda Communication

Tullo Woreda Communication Governement

Aanaa Xuullootti, Pirojektii Galma Bulchiinsa ijaarame xumuraama jiru fi hojii gama Ashaaraa Magariisaa milkeessuuf Buuf...
02/06/2026

Aanaa Xuullootti, Pirojektii Galma Bulchiinsa ijaarame xumuraama jiru fi hojii gama Ashaaraa Magariisaa milkeessuuf Buufata Biqiltuu keessatti hojjatamaa jiru dawwatame.

Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifateetti!= = Ijaarsi sirna dimokiraasii Mootummaa qofaan osoo hin taane, hi...
02/06/2026

Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifateetti!
= =

Ijaarsi sirna dimokiraasii Mootummaa qofaan osoo hin taane, hirmaannaa uummataa bal'aan kan dhugoomu yoo ta'u, Uummanni Mootummaa isaaf ta'u filachuu, yaada isaa bilisaan ibsachuu, akkasumas hojii Mootummaan hojjetamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuun sirna dimokiraasii jabaa bu'uuressuu keessatti qooda guddaa qaba.

Kanaafuu, dimokiraasiin dhugaa hirmaannaa uummataa irraa madduun misooma biyyaa saffisiisuun guddina diinagdee biyyaa humneessee sagalee uummataatti kabaja kan horuufi filannoo bilisaafi haqa qabeessa keessatti qooda fudhachuun, hojii misoomaa keessatti hirmaachuun biyya badhaateefi walqixxummaan lammiilee keessatti mirkanaa'e ijaara. Uummanni sagalee isaa sirnaan fayyadamee egeree biyyaasaa murteessa; Mootummaan haala kanaan filames milkaa'ina biyyaatiif karaa saaqa.

Imalli ijaarsa biyyaas imaammata, tarsimoofi sagantaa uummanni sagalee isaatiin filateen kan milkaa'udha. Kunis galma guddaa ijaarsa sirna dimokirasii keessatti mootummaan kan ijaaramu uummataan uummataaf uummata keessaa ta'uu kan mirkaneessudha.

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa biyyi keenya Itoophiyaan gaggeessite irrattis Saboonni, Sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa filataniiru. Kanaanis imalli ijaarsa sirna dimokirasii gara olka'insaatti kan ce'e yoo ta'u, kanaafis uummanni sagalee isaa kenne aarsaa kaffaluun boqonnaa haaraan akka saaqamu taasiseera.

Deemsi filannoo kunis dimokirasummaa isaatiin olitti uummanni sirna ofii ijaarrachuun dantaa isaa roga hundaan mirkaneessuuf kutannoo qabachuu isaatiif agarsiiftuu guddaadha. Boqonnaa haaraa kanaanis Itoophiyaanonni filachuun Itoophiyaa injifachiisuu danda'aniiru.

Mirga heerri mootummaa nuuf kenneen, mootummaa nu bakka bu'u filachuuf sagalee keenya kennine jirra Jiraattoota Xuulloo ...
01/06/2026

Mirga heerri mootummaa nuuf kenneen, mootummaa nu bakka bu'u filachuuf sagalee keenya kennine jirra Jiraattoota Xuulloo fi Hirna
====//=====
Caamsaa 24, 2018 Jiraattonni Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo fi Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa mootummaa bakka nu bu’u filachuuf karaa haqa qabeessaa fi diimokiraatawaa ta’een sagalee keenya kennachaa jirra jedhan.

Jiraattoonni kunniin mirga heerri mootummaa isaaniif eege fayyadamuun ganama qorra fi roobaa osoo hin sodaatin obsaa fi naamusaan sagalee isaanii kennaachu ibsaniiru.

01/06/2026
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Ali  (PhD)  Magaalaa Bashaashaa buufata Filannoo Harootti argamuun filatan.Mi...
01/06/2026

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Ali (PhD) Magaalaa Bashaashaa buufata Filannoo Harootti argamuun filatan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) Naannoo filannoo Gommaa 2ffaa Magaalaa Bashaashaa Buufata Filannoo Harootti filatan.

  Itoophiyaan  Filachaa Jirti !Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti,Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa guyyaa har'aa geg...
01/06/2026


Itoophiyaan Filachaa Jirti !

Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti,Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa guyyaa har'aa geggeeffamu irratti Uummanni sagalee isaa ganama bahee kenna jira.

27/05/2026

Address

Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tullo Woreda Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share