02/09/2026
Magaalaa Keenya Balfaafi Faalamarraa Qulqulleessuun, Magaalaa Jireenyaaf Mijattuu, Miidhagduu fi Dorgomtuu Haa Taasifnu!
===//===
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo, Bulchiinsa Magaalaa Dabbassotti duula Sosochii faalama naannoo ittisuu Marsaa Sadaffaadhaaf jiraattota magaalaa Dabbasso waliin geggeeffame.
Hubannoo kuniis bakka Bulchaa Ittaanaa fi Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa fi lafaa Obbo shamshadin Usmaan fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dabbasso Obbo Nasir Abrahem aragamniti kennameera.
Mootummaan faalama naannoo hir'isuuf labsii baasuun hojiitti jijjiiraa jiraachuufi hawaasnis sababa faalama naannootiin dhiibbaa fi miidhaan qaqqabu cimaa ta'uu hubachuudhaan wantoota naannoo fi magaalaa faaluu danda'an hundarratti xiyyeeffachuun faalama naannoo ittisuu fi naannoo jireenyaaf mijataa fi hawwataa taasisuuf hirmaannaa qulqullina magaalaa gaggeessuurratti taasisaa jiran cimsuu fi hubannoo argatanis babal'isuun hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru.
Faalama naannoo kan jedhaman faalama pilaastikaa, faalama qilleensaa, faalama biyyee, faalama bishaanii fi faalama sagalee ta'uu ibsamee
Naannoo keenya faalama adda addaarraa bilisa taasisuufi ittisuuf gahee keenya haa baanu!