Tulo Woreda Communication

Call Directions Website

Tulo Woreda Communication Governement

Hundeeffamni Mootummaa akkuma itti fufetti jira. Guyyaa har’aas Dooktar Abiy Ahimad muudama garaagaraa kennaniiru.1. Diy...
09/10/2026

Hundeeffamni Mootummaa akkuma itti fufetti jira. Guyyaa har’aas Dooktar Abiy Ahimad muudama garaagaraa kennaniiru.

1. Diyaaqon Daani’eel Kibrat- Waajjira Ministira Muummeetti Sadarkaa Ministiraatti Itti gaafatamaa Damee Hordoffii Deeliiverii

2. Ambaasaaddar Naasisee Caalii- Waajjira Ministira Muummeetti Sadarkaa Ministiraatti Itti gaafatamtuu Damee Hordoffii ENFI

3. Dooktar Biqilaa Hurriisaa- Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii

4. Obbo Fissahaa Dassaalanyi- Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii

5. Dooktar Darajjee Dhugumaa- Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii

6. Obbo Tasfaahuun Goobazaay- Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii

7. Obbo Habtaamuu Siisaay- Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii

Yaa'iin Idilee Kurmaana 1ffaa bara 2019 guyyoota lamaaf geggeeffama ture goolabame Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xuullootti...
09/10/2026

Yaa'iin Idilee Kurmaana 1ffaa bara 2019 guyyoota lamaaf geggeeffama ture goolabame

Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xuullootti, Manni Marii Aanichaa yaa'ii Idilee Kurmaana 1ffaa guyyoota lamaaf dhimmoota gurguddoo hojjiiwwan mootummaa irratti yaa'ii geggeessa turee xumuree.

Miseensonni mana Marii sirna dimookiraasii dagaagsuuf, Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, Gurmaa'insa haaraa imala badhaadhinaa mirkaneessuufi mootummaan diriire keessatti adda durummaan hirmaachu nagaa fi tasgabii uummata galmaan gahuuf gahee olaanaa qabu jedhame.
‎
‎Yaa'ichi Ajandaa garagaraa irratti mariin taasisuun, Qabboo Yaa'ii fi Gabaasa kurmaana 1ffaa Bara 2019 seektaroota mootummaa mirkaneessee jira.

‎Miseensonni Mana Marii Aanichaa Ajandaawwan dhiyaatani hunda ilaaluun Gaafiif Yaada dhiyeessaniiru.
‎
‎Yaa’icha irratti gaaffiiwwan Miseesoynni Yaa'ii gaafatani sekteraaleen dhimmichi ilaalatu gaaffiiwwan gaaffataman deebii ittii kennamuun kallattii hojii fuulduraa Kabajamoo Af-Yaa'ii Adde Saadiyyaa Xaahir fi Ittigaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Xuulloo Obbo Tagan Ashabiir kaa’anii jiru.

Yaa'iin Kokosii Dubartoota Mana Marii Aanaa Xuulloo  gaggeeffame.===//===Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xuullootti, yaa'iin ...
08/10/2026

Yaa'iin Kokosii Dubartoota Mana Marii Aanaa Xuulloo gaggeeffame.

===//===
Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xuullootti, yaa'iin kokosii Dubartoota miseensota Mana Marii gaggeeffame.

Afa-yaa'ii Mana Marii Aanaa Xuulloo Kabajamoo Addee Saadiyyaa Xaahir haasaa taasisaniin, Kokosii Dubartoota seerotaa fi qajeelfamoota bahan hojiirra oolchuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama hawaas-dinagdee fi siyaasaan mirkaneessuuf hojjetamaa ture; hojjetamaas jira jedhan.

Kokosii Dubartoota karoora mootummaan Ida'amuu qabatee galmaan gahuuf gaheen Dubartoota olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Kokosii Dubartoota kuniis yaa'ii kurmaana 1ffaa bara 2019 har'a taasifamee dursee guyyaa kalleessa gaggeeffame jira.

"Karoorri of danda'uu bara 2019 kallattii Fayyadamummaa uummataa caalmaatti mirkaneessun miiraa xiiqiifi injifannootiin ...
08/10/2026

"Karoorri of danda'uu bara 2019 kallattii Fayyadamummaa uummataa caalmaatti mirkaneessun miiraa xiiqiifi injifannootiin raawwatamuu qaba" obbo Abduraahmaan Abdallaa Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Baha Oromiyaa.

Koreen Ol'aanoo Godina Baha Oromiyaa kallattii raawwii hojii paartii fi mootummaa karoora Of danda'uu bara 2019 irratti mari'ate.


Godina Baha Oromiyaa kilaastera Hararitti kallattii hojii Paartii fi Mootummaa itti raawwatamu irratti mari'atameera.

Waltajjichis Bakka Bulchaan Bulchiibsa Godina Baha Oromiyaa Obbo Abdurraahmaan Abdallaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa Obbo Jaarsoo Boruu,koreen qondeessaa fi hangansi godinichaa biroo argamanitti ilaalamuun kallattiin raawwii hojii karoora of danda'uu paartii fi mootummaa kaa'ameera.

Bulchaan Godina Baha Oromiyaa Obbo Abdurraahman Abdallaa kallatti raawwii karoorichaa kennaniin mootummaan naannichaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormii haaraa ijaarsa sirna cimaa fi mootummaa jabaa bu'uuressuu dandeessisu hojiirra oolchuun hojjachaa jira.

Rifoormiin mootummaan hojirra oolche kunis hojiilee fayyadamummaa ummataaf oolan gara garaa xiyyeeffannoon akka hojjataman caalmatti kan cimsu ta'uu ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa galmoota mootummaa fi fayyadamummaa ummataa caalmaatti mirkaneessun baay'inaa,ariitii fi qulqullinna qabuun miira xiiqii injifannootin hojjatamuu akka qabu Obbo Abdurraahman kallattii kaa'anii jiru.

Hirmaattonni maricharratti argamanis hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummataaf oolan kallattii karoorfameen kan raawwatan ta'uu dubbatan.
East Oromia Zone Communication

Xuullootti, Yaa'iin Idilee Kurmaana 1ffaa Mana Marii Aanichaa geggeeffama jira ===//===Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xuullo...
08/10/2026

Xuullootti, Yaa'iin Idilee Kurmaana 1ffaa Mana Marii Aanichaa geggeeffama jira
===//===
Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xuullootti, Yaa'iin Idilee Kurmaana 1ffaa bara 2019 Mana Marii Aanaa Xuulloo fi Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa geggeeffama jira.

Kabajamoo Af-Yaa'ii Mana Marii Aanaa Xuulloo Kabajamoo Adde Saadiyyaa Xaahir yaa'iin Idilee keenya Kurmaana kana yeroo hundeeffama mootummaa Ida'amuu ta'uu addaa isaa taasisa jedhan.
Yaa'iin kannarratti gaabaasni hojii seektaroota mootummaa miseensota Mana Mariif hojii dhiyaatee mariin irratti ni taasifamaa jedhamee eegama.
Yaa'iin Idilee kunnis guyyoota lamaaf kan geegeefamu ta'a.

Hoggantoonni Godina Bahaa Oromiyaa Aanaa Xuullootti, Ijaarsa daree dabalataa Mana Barnoota magaalaa Dabbassotti hojii ke...
06/10/2026

Hoggantoonni Godina Bahaa Oromiyaa Aanaa Xuullootti, Ijaarsa daree dabalataa Mana Barnoota magaalaa Dabbassotti hojii kenna tajaajilaa Lammummaattin ijaaramaa jiru dawwate.

Aanichatti, Aadde Miski Muhammad sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aantuu Bulchaa Damee Misoomaa Godina Baha Oromiyaa fi Obbo Fiqaaduu Miiliyoon Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Baha Oromiyaa waliin dawwannaa bakka hoggansi aanichaa argamutii taasisaniiru.

05/10/2026
" Itoophiyaan karra galaanaatti baatuun akka argattuuf cimnee hojjenna" - MM Dooktar Abiyyi Ahimad
05/10/2026

" Itoophiyaan karra galaanaatti baatuun akka argattuuf cimnee hojjenna" - MM Dooktar Abiyyi Ahimad

Doktar Abiyyi Ahimad Ministeera Muummee Itoophiyaa ta’uun moggaafaman.Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii jalqabaa ...
05/10/2026

Doktar Abiyyi Ahimad Ministeera Muummee Itoophiyaa ta’uun moggaafaman.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa har’a gaggeessaa jiruun Doktar Abiyyi Ahimad Ministeera Muummee Itoophiyaa taasisuun moggaaseera.

Obbo Ahmed Shidee Af-Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa ta'uun filataman.
05/10/2026

Obbo Ahmed Shidee Af-Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa ta'uun filataman.

Address

Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tulo Woreda Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share