Waan ofii

Waan ofii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waan ofii, Public & Government Service, Holeta.

02/01/2024
02/01/2024

Baga Gammaddan!

Abjuu barootaa kan ture gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa hojii dippiloomaasii ajaa'ibsiisaa Muummee Ministeeraa Dr Abiyyi Ahimadiin dhugoomuu isaatiin baga gammadne, baga gammaddan.

Itoophiyaan guyyaa seena qabeessa walii galtee itti fayyadama ulaa galaanaa Pirezidaantii Ripablika Somaaliilaand Musee biihii Abdii waliin walii galteerra qaqqabde kanatti miseensummaa BRICS ifatti mirkaneeffachuun ishee ammoo gammachuu dachaa akka goonfannu nu taasiseera waan ta'eef Itoophiyaanotni hunduu irra deebiin baga gammaddan jechuun fedha.

Muummeen Ministeeraa Dr Abiyyi Ahimad dhimmi ulaa galaanaa Itoophiyaanotaaf dhimma bu'uuraa ta'uu ifatti yemmuu dubbatan hedduuwwan abjuu kun akka dhugoomuuf hawwiin eeggachuun gamatti yeroo gabaabaa fi haala ajaa'ibsiisaa akkanaatiin akka xumuramu hin eegne ture.

Haa ta'u male waan hin xumurree kan hin eegalle, kan eegale ammoo xumuruu kan amaleeffate mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hoogganamu waadaa isaa eeggatee abjuu hedduuwwaniis ifatti dhugoomsee gaaffii Itoophiyaanotaa baroota lakkoofsise hojii dippiloomaasii qindaahaa fi daandii naga qabeessa hordofee milkeesseera.

Guyyaan seena qabeessi kun mul'ata badhaadhina biyya keenyaatiif daandii milkii kan saaqe guyyaa addaa waan ta'eef injifannoo argameef irra deebiin baga gammadne baga gammaddan.

Fiqaaduu Tasammaa
I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

Address

Holeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waan ofii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share