21/03/2025
Dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa lammiilee galii gadi aanaa qaban irra gahaa jiru hir’isuuf hojjetamaa jira – Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)
***************************************
Mootummaan dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa kana hir'isuuf deeggarsa guddaa kennaa akka jirus eeraniiru.Kanaanis mootummaan boba’aadhaaf birrii biiliyoona 72, misoomaaf ammoo birrii biiliyoona 84 tumsa akka godhe beeksisaniiru.
Hojiileen adda addaa omishaa fi omishtummaa guddisuudhaan jireenya lammiilee akkaataa itti fufiinsa qabuun fooyyessuu danda’an hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.